bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 8
Hebrews 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Wantii nu jenne tana nu qaalluu guddaa akkanaa ka barcumaa guddinna Waaqaa guddaa harka mirgaa gubbaa taa'u qamna.
2
Innii hujii qaalluu guddaa, fulaa qulqullootii ta namii dhaabe adoo hinta'in waaroo Aabboon dhaabe keessatti hojjata.
3
Qaalluu guddaa cufa akka innii galataa fi sooriyoo Waaqaa qalu foohatan, tanaaf qaalluun keenna guddaalleen wa qaluu male.
4
Waan qaallotii aadaa seera Yahudii gula galata deebiftu jirtuufii, innii yo silaa lafa irra jiraate, qaalluu tahuu hindanda'u.
5
Hujiin warrii akka qaallolee hojjatu gandidduu fi fakkeenuma waan gubbaa jiraatii. Waaqii Musseelleen akkanuma gafa inni diqqumaa waaroo hindhaabiin, “Waan cufa akkuma gaara gubbatti argitte gula tolchi” jedheen.
6
Yesus ammoo la hujii qaalomaa ta tawarraa irra jirtu argate, akkuma waldhaqiisii innii Waaqaa fi nama jidduuti tolche irra dansaa, marroo waldhaqiisii sun kakuu waan irra dansaa qabuuf.
7
Yo silaa waldhaqiisii qaraa qixxee tahee, wantii ka lammeessoo tolchaniif hinjirtu.
8
Ammoo Waaqii wallaala gumii isaa irratti argee Aabboon, “‘Guyyaan anin waldhaqiisa haaraa gumii Israa'elitii fi ta Yihudaa waliin tolfadhu indhufa’ jedhe.
9
Akka waldhaqiisa anin abbaboota warraa waliin tolchetiiniti, gaafa anin warra harka qabee lafa Gibxii keessaa baase. Warrii waldhaqiisa anin warra waliin tolche hinjabeessinee, tanaaf anin waan warraa hin yaalle’ Aabboon akkana jedha.
10
Waldhaqiisa anin gosa Israa'eli waliin tolchu kana, eegii guyyaa sunii Aabboon, ‘Anin seera kiyya qalbii warraa keessa kaaya, garaa warraa keessatti barreessa; anin Waaqaa warraa taahee, warrilleen gumii tiyya taaha’ jedha.
11
‘Namii tokkolleen gaafas nama dhibii hinbarsiisu, yokaan namii tokkolleen obboleessa ufiitiin “Abboo beeki!” hinjedhu, warrii cuftii, diqqaa fi guddaan warraalleen na beeka.
12
Anin cubbuu warraa inaararamaaf, itti deebi'ee cubbuu warraa hinqaabadhu’ ” jedhe.
13
Waan waldhaqiisa haaraa dubbannaan, Waaqii ka qaraa la dullomse; waan dullommate ka qara ojjataniin cufa guyyaan dhuma isii ya dhi'aate.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13