bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 12
Hebrews 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Mar. roo dhugaan hedduun akka dumansaa nu marsituuf, nu ulfinnaa fi cubbuu jabeesite nu qabdu ufi irra baamnee, dorgomsuu nu duraa tana obsaan akka dhiira orii'uu malle.
2
Jalqabaa fi muummee dhugeeffachaa teenna ka ta'e yesus ufi duratti laalaa oriina. Inni du'a fannoo irraa oobsee, marro gammadii isa eegatuuf fannoo gubbatti du'u hinceerree; amma barcumaa ulfinna Waaqaa mirgaan taa'a.
3
Me, akka innii gaargalee, jibba namii cubbichii isa jibbe cufa oobse herregaa! Tanaaf hiniffanee, hindadhamnee,
4
maaliif gaargala keessan ka cubbuun walaatan keessatti, dhiigii keessan hinjinne.
5
Dubbii dansaa Waaqii akka ilmaan ufii isanitti dubbatu la deettanii? “Ilma kiyya, yo Aabboon arcummeen qajeelumaa si faccise tapha hinsehini, yo innii si gorse garaa hinlaafin,
6
maaliif Aabboon nama jaalatu cufa inqajeelcha, nama ilma tolfatu cufa indhaana.”
7
Ilmii abbaan qajeelchuuf hindhaanne injiraa? Waaqii akka ilmaan ufii isan tolchuutti jiraa, Waan inni isan tolchu cufaa obsaan fudhadhaa.
8
Yo akka ilmaan cufa dhaanan isan hinqajeelchin, isan ilmaan dhugaatinitii, abbeerota.
9
Aabbootiin teenna ta lafaa nu dhaanti, duuba nu warraa saalfanna. Abbaa keenna ka hafuurattii hagas irra ajajamnee jireena argachuu hin mallee?
10
Aabbootiin teenna ta lafaa haga diqqaa tokko, fedhii warraa gula, nu qajeelchiti. Waaqii ammoo marroo wantii kunin irra nuu jirtuuf akka nu qulqulloma isaa qoodannu, tolche.
11
Uleen nu dhaanaan yoosii waan nama laaleffachiisaa malee waan nama gammachiisaa hinfakkatu. Duubatti ammoo warrii akkanaan qajeelchan, sun midhaan nagayaa ka jireennaa qajeelumaa argata.
12
Tanaaf harka keessan ka isan aare olfudhadhaa, jilba keessan ka lallaafe jabeeffadhaa!
13
Akka miilii keessan adoo hinnaafannee fayyu, karaa qajeelaa gula yaa'a!
14
Nama cufa waliin nagayaan taa'a. Waan namii tokkolleen qulqullooma malee Aabboo arguu hindandeenneef, jireennaa qulqullummaa jiraadhaa.
15
Akka namii tokkolleen kennamsa naasuu Waaqaa hindhamne Eegadhaa. Akka namii tokkolleen midhaan hadhaa qabu tahee, nama hedduu hadhaa midhaan isaatiin hingaargalchine eegadhaa.
16
Akka namii tokkolleen akka namicha Esaawuu jedhan, ka sagalee guyyaa takkootii jedhee dhaala ufii ta hangafummaa gurgurate tanee, amala ammaatee waan gurra muyoo hintaane.
17
Akkuma isanuu beettanii eegii sun, Esaawuun eebba ufii dhaalu fedhee, ammoo isa didan, akka waan durii tolche garagalchu, deebisee argachuuf boo'ee imimaaniin adoo barbaadeellee, herega ufii jijuuruuf karaa dhabe.
18
Isan gaara namii harkaan tuquu danda'u, ka akka ibiddaa balali'ee boba'u, dukkana siphee, urrii guddoo, bubbee guddoo,
19
iyyaana magalataatii fi qoonqoo Waaqaa bira hingeenne. Gumiin tana dhagenaan akka deebitee qoonqoo akkasii hindhagenne kadhate.
20
Wantii akkanaatiif seerii, “Oriilleen gaara sunitti yo dhiyaate dhakaan dhawaani ijjessuu malan” jedhuu, waan itti ulfaateef guutuu hindandeenne.
21
Wantii Museen argee guddoo isa sodachifte, tanaaf innii, “Anin sodadhee holadha” jedhe.
22
Ammoo isan gaara Siyoniti gara dirii Waaqaa jiraataa, ka Yerusalem gubbaa jirtu, ka ergamtu kuma hedduu gubbaa, jirtutti dhuftan.
23
Isan ya gara waldeenna tokkummaa warra angafaa mana kiristaanaa ta'ee, ka maqaan isaan gubbaatti barreeffametti, gara Waaqaa nama cufatti muruutii fi gara warra qajeelaa lubbuun isaani waan cufa keessatti dansooma argattetti dhi'aatan.
24
Isan la Yesus ka waldhaqiisa haaraa tolchuti dhuftan, ammallee la dhiiga fiffixan, ka dhiiga Abeelii irra waan dansaa himuti dhuftan.
25
Eegadhaa duuba, nama dubbattu hindidiina. Yo warrii gafa innii biya keessatti dubbate caqasu diddee hinbahiin, nulleen yo ka gubbaa nutti dubbattu dhagayu dinne dandeennee hinbaafannu.
26
Qoonqoon isaa gafasi lafa chochofte, ammoo innii amma, “Anin ammallee lafa callaa hinchochosu, gubbaallee inchochosa” jedhe ya kakate.
27
Dubbiin “Ammallee” jettu sun akka waan lafa irratti uumaan cufa chochosan, buqisan garsiifti, akka wantii hinchochonne haftu.
28
Waan mootummaa gubbaa ta hinchochonne arganuuf. Waaqaa galata galchuu malle,
29
Maaniif jennaan, Waaqii keenna ibidda gubee wa balleessu.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13