bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 13
Hebrews 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
1
Akkuma obboleeyan Kiristaana waljaalattu waljaalala hinlakisina.
2
Keessummaa bulchaa, namii garii adoo hinbeekin, akkas tolchinaan, ergamtu gubbaa bulche.
3
Warra hidhaansa keessa jiru, akkuma waan hidhaansa keessa waliin jirtani qaabadha. Ka gaargala keessa jiruullee, akkuma waan ufillee gaargalu jirtani qaabadhaa.
4
Namii cuftii fuudha ulfeessu malee, dhiirsaa fi niitiin wali lakkisanii gara dhibii yaa'uu hinmalle. Waaqii warra sharmuxaa fi ka aadaa fuudhaa ballessu ballessa itti mura.
5
Jaalala beessee gula hin badiinaa; waan qabdan sifeefadhaa, maaliif Waaqii, “Anin isan hinlakkisu, isan biraa hindeemu” jedhe.
6
Tanaaf garaa jabannee, “Aabboon qarqaarsa kiyyaa, anin homaa hinsodadhuu, namii maan na tolchuu danda'a?” jenna.
7
Warra durii isan dura yaa'u, ka dubbii Waaqaa isanitti haasa'e qaabadhaa, akka warrii durii ta'ee du'e herregaa, dhugeeffachaa isanii gula yaa'aa.
8
Yesus Kiristoon sunuma, ka kalee, ka ardhaatii fi ka haga jiruu jireenaa.
9
Barachaan dhibiin ta qajeeltu hintahiin, dhugaa irraa isan hingorsiin. Fulaa seera sagalee gula yaa'anii irra, yo kennamsi naassuu Waaqaa garaa nu jabeesse guddoo dansaa, maaliif warrii seera sagalee gula yaa'ee qarqaarsa tokkollee hinarganne.
10
Qaalloolleen waaroo Yihudii keessa hojjatuu, sooriyoo teenna fulaa itti qalan suni fuutee nyaachuun hintaatu.
11
Qaallichii Yihudii guddan akka marroo cubbutiif sooriyoo qalu dhufa, dhiiga horii suni fuudhee fulaa guddoo Qulqullootiin seena, ammoo foon horii sun qa'eetti guban.
12
Mar. roo waan kanaatiif Yesusiilleen akka dhiiga isaatiin cubbuu namaa irra qulqulleessu, balbala diraa alatti du'e.
13
Tanaaf koottaa, gara isa alatti yaanne, ceera isaa fudhanna,
14
maaliif nu dira haga barbara taahu lafa tana keessaa hinqamnu; nu dira hegerii dhufu eegannaa.
15
Waan kanaaf nu yo cufa sooriyoo faaruu Waaqaa maqaa Yesusitiin, baasuu malle, akkas jechaan dhugeessa yo cufa nu afaan keennaan maqaa isaa dhugeesinu.
16
Waan dansaa tolchuu fi walqarqaarsa hindidinaa. Waaqii sooriyoo akkanaa tanaatti ingammadaa.
17
Nama isan dura deemuu saalfadhaa, dubbii warraa caqasaa. Warrii marroo Waaqii waan warrii tolchu warra gafatuuf yo cufa lubbuu teessan qorqorata. Yo isan warraa saalfattan, warrii gammadaan hujji ufii hojjata; ammoo yo isan saalfachuuf baattan laaleffachaan hojjatan, laalleeffachaan sun homaa isanii hinbaatu.
18
Yo cufa Waaqaa nuu kadhadhaa. Nu akka qalbii dansaa qamnu inbeennaa, nu yo cufa waan dansaa tolchuu feena.
19
Anin waan cufa irra, akka isan akka Waaqii hurrisee gara keessan na deebisu naa kadhattan isan kadhadha.
20
Waaqii nagayaa, ka Aabboo keenna Yesus, tissaa hooliyyee guddaa, dhiiga waldhaqiisa barbaratiin du'a keessaa kaasee, akka fedhii isaa tolchitaniif, waan dansaa isan feetan cufa isanii ha kennuu. Ammallee innii karaa Yesus Kiristootiin waan isa gammachiisaa nu ha tolchu. Guddinnii haga jiruu jirennaa Kiristoo ha tahu! Ee'e jenne.
22
Obboleyyani tiya, anini akka issani dubbi goorsa tana akka dansa caqaftani isan kadhadha; ergaani anini issanii xaafe tunini guddo dheertuuniti.
23
Anin akka obboleessii keenna Ximotewos hidhaansa keessaa bahe isan beesisuu fedha. Anuu yo innii hurrisee dhufe, isa waliin gara keessan dhufeette isan arga.
24
Warra isan dura yaa'uu fi gumii Waaqaa qulqulloo cufatti nagaa nuu himaa. Obboleeyyan lafa Ixaaliyaatii dhufte nagaa isanii dhaamti.
25
Kennamsii naasuu Waaqaa isanii cufa waliin ha jiraatuu.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13