bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 4
Hebrews 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Duuba Waaqii akka nu olduunnee isa waliin foorfannu, la nutti kakate. Tanaaf nu akka isaniin tokkolleen foorfachaa sun hindhamne, qorqorachuu malle.
2
Nulleen akkuma warraa Oduu dansaa dhageenne. Warrii Oduu Dansaa la dhaga'e, ammoo marroo dhageennaan dhugeeffachaan hinfudhatiniif homaa warraa hinbaane.
3
Nu warrii dhugeeffate, olduunneetti Waaqaa waliin foorfanna. Akkuma innii, “Anin dallane kakadhee, ‘Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatuu’ ” jedhe. Adoo hujiin isaa ta durii ta uumamaa hobaatellee innii waan kana la dubbate.
4
Wantii akkanaatiif fulaa tokkotii barreessiin waan guyyaa torbeessoo, “Waaqii guyyaa torbeessoo hujii ufii cufa irraa foorfate” jette.
5
Ammallee waan dubbii tana dubbatan, “Warrii kun haguma jiru natti oliduudee hinfoorfatu” jedhan.
6
Warrii qara Oduu dansaa dhaga'e, waan isa hindhugeeffatiniif dhaqee Waaqaa waliin hinfoorfanne. Nama garii ammoo keessa seensisani Waaqaa waliin infoorfatan.
7
Mar. roo waan kanaatiif Waaqii guyyaa dhibii foohate ka “ardha” jedhan. Ganna hedduu eegii suni afaan Dawitiitiin dubb ate, barreessii qara baanan keessatti, “Yo qoonqoo Waaqaa ardha dhageettan, jallattanii hindiddiinaa” jedha.
8
Adoo silaa durii Iyaasuun warra sun foorfachaa Waaqaatti geessee, Waaqii eegii sun waan guyyaa dhibii hindubbatu.
9
Tanaaf akkuma Waaqii guyyaa sambataa foorfate foorfachaan gumii Waaqaa ta guyya sanbataa ammallee injirti.
10
Wantii akkanaatiif namii olduudee Waaqaa waliin foorfatu cuftii akkuma Waaqii hujii isaa irra foorfate foorfata.
11
Tanaaf nu akka foorfachaa sun argannuu haga dandeennu jabachuu malle. Nun tokkolleen akka warrii sun caqasuu didde, olseenuu dadhabe, tahuu hinmalle.
12
Dubbiin Waaqaa jiraattuu ammallee jabduu, goraadee gami lachuu qaraallee cufa irra qara qabdi, nafa cufa tarsaafteeti, haga fulaa hafuuraa fi lubbuun waltiin ejjituu fi fulaa mittaafi moorgaan waltiin ejjitulle gargarii baafti. Isiin fedhii fi herrega garaa nama laalte murti.
13
Waan tokkollee danda'an Waaqaa hindhossan. Wantii uumama keessa jira cuftii ila isaa duraa jirti; isa duratti waan keenna cufa himachu malle.
14
Nu waan qaallu gudda fuula Waaqaa dura seene yesus ilma Waaqaa qamnuuf dhugeeffacha teenna injabeessina.
15
Cubbuu hin qabu malee nu qaallu guddaa ka akkuma keenna karaa cufaan ilaalatame qamna inni nama laafinna keennaa na'uu diduuniti.
16
Tanaafi akka araara arganu ammallee akka kennamsa naasuu ka yo nu barbaachise nu qarqaaru argannuu koottaa garaa jabeennaan gara marcumaa Waaqaa fulaa kennamsi naasuu jirutti dhi'aannaa.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13