bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 3
Hebrews 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Obboleeyyan tiyya ta kiristiyaanaa, ta Waaqii isaniillee yaame! Qaalluu guddaa fi ka Waaqii dhugeeffachaa teennaa erge Yesus herregaa.
2
Akkuma durii Muuseen hujii mana Waaqaa cufa guute, akkasuma Yesusilleen hujii Waaqii isa foohateef guute.
3
Akkuma namii mana jaaru, mana sun caalaa gurra argatuu, Yesusiilleen Muusee irra ulfina argachuu malle.
4
Mana cufa namatti jaara, waan cufa ammoo Waaqaatti jaare.
5
Muuseen hujii Mana Waaqaa cufa keessatti hojjataa dhugeeffatamee ammallee innii waan Waaqii egerii dubbatu cufa la dubbate.
6
Kiristoon ammoo akka ilmaa hujii mana abbaatti dhugeeffatama; nulleen yo waan abdannu sodaa malee jabaannee dhugeeffanne mana isaati.
7
Tanaaf, akkuma Hafuurii Qulqulloon jedhuu, “Ardha qoonqoo Waaqaa yo dhageettan,
8
Akka warra guyyaa laallattoo, lafa gammoojjii keessatti Waaqatti ka'ee sun, isan mataa hinjabaatinaa.
9
Abaabootii teessan adoo waan anin ganna afurtamaa keessatti hojjadhe argituu, achitti natti gamte.
10
Tanaaf anin warra kanaatti dallanee, ‘Warrii kun yo cufa waan herregu keessatti hindhugeeffatu, takka karaa kiyya hinbaranne’
11
Anin dallanee kakadhee, ‘Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatu’ ” jedhe.
12
Obboleeyyan tiyya, akka isan keessaa namii tokkolleen garaa hamaa hindhugeeffanne qabaatee Waaqaa jireenaa irraa gara hingaggalee ufi eegadhaa.
13
Ammoo akka cubbuun nama tokkollee sobdee mataa hinjabeesine, haga barreessiin “Ardha” jettu cufa, guyyuma guyyaan walqarqaara.
14
Nuun cuftii yo dhugeeffachaa teenna ta qaraa haga mummee jabeessinnee qabanne, Kiristoon walii waahela.
15
Barreessin qulqulloon, “Yo qoonqoo Waaqaa ardha dhageettan, akka warra Waaqatti ka'ee sun mataa hinjabaatinaa” jette.
16
Warrii qoonqoo Waaqaa dhaga'ee dubbii isaa dide eennufa? Warruma Museen lafa Gibxii keessaa yaame cufaanitii?
17
Waaqii ganna afurtamaa eenufaatti dallane? Warruma cubbuu hojjate, ka lafa gammoojjii keessatti jigee dhume cufaanitii?
18
Waaqii gaafa kakatee, “Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatu” jedhe, waan eenuu dubbate? Innii waan warra dubbii isaa dide dubbate.
19
Tanaaf akka warrii waan dhugeeffachaa dhabeef fulaa sunitti galuu dadhabe garra.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13