bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 7
Hebrews 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Qaalluu Malkiisedeq kunin durii hayyuu saalem, ammallee qaallu Waaqaa guddaati. Abrahaam duula dhaqee, hayyoota fixee adoo galuutti jiruu, Malkiisedeq isa argee eebbiseef.
2
Abrahaam ammoo waan qabu cufa irraa kudhan keessaa tokkoo kenneef. Maqaan Malkiisedeq ka qaraa “Hayyuu qajeelummati” jedhan; eegee ammoo marroo saalem jechuun nagaa jechuu taateef, maqaan isaa “Hayyuu nagaa” jedhan.
3
Malkiisedeq abbaa fi haadhaallee hinqabu, ammallee abbabootallee hinqabu; dhalootaa fi du'a isaallee namii hinbeeku. Innii akka ilma Waaqaa jira haga jiru cufa qaallu.
4
Duuba eegii Abrahaam, abbaan keenna guddaan waan booji'e cuufa irraa kudhan keessaa tokkoo keenneef Malkiisedeq akkam akka guddaa ta'e ingartaniiyyuu.
5
Qaalloolleen dhaloota Lewwii aadaa gula qoodaa kudhaneessoo ijoollee Israa'elii irraa guurachu indandeeti, warrii adoo dhaloota Abrahaamii ta'eellee gosuma ufii irra fudhata.
6
Malkiisedeq adoo dhaloota Lewwii ta'u baatellee, Abrahaam ammoo waan kudhan keessaa tokko kenneefii, Abrahamii qaraa abdiin kennamteef Malkiisedeq isa eebbise.
7
Akka namii nama eebbisu nama ebbisan irra jiru namii tokkolleen mormuu hindanda'u.
8
Qaalloti waan kudhan keessaa tokkoo nama irraa guurtuu indhumatti; Malkiisedeq ammoo ka waan kudhan keessaa tokko nama irra guure, akkuma barreessiin jettuu ammallee injira.
9
Tanaaf gaafa Abrahaam kudhan keessaa tokko baase, Lewwilleen, ka dhalooti isaa nama irraa guureetti, ufillee baase.
10
Lewwiin gaafa Malkiisedeq isa arge, hindhalannee, ammoo gudeeda abaaboo isaa Abrahaam keessa jira.
11
Aadaa qaallomaa Lewwii gula seera gosa Israa'eliti kennan. Yo silaa aadaan qaalloma Lewwii sun qixxee taate, wantii silaa qaalluun dhibiin, ka aadaa Malkiisedeq, ka aadaa Aaron hintahin, dhufuuf hinjirtu.
12
Yo qaalloma gargalchanii, seeraallee gargalchuu malan.
13
Aabboon keenna ka waan kana waan isaa dubbatan, gosa dhibii; gochii isaa takka qaallu fulaa sooriyoo itti qalaanii hintaane.
14
Akka Aabboon keenna gosa Yihudaa keessaa dhalate inbeekan; Museelleen gaafa waan qaallolee dubbate gosa tana maqaa hindhomne.
15
Gaafa qaalluun dhibiin akka Malkiisedeq jiru ka'e dubbiin tun haga qaraallee irra mullati.
16
Innii seeraa fi aadaa biyya lafa tanaa gula qaalluu hintaanee; ammoo jabeenna jireennaa mummee hinqamneetiin qaalluu taahe.
17
Barreessii qulqulloo keessatti waan isaa dhugeessanii, “Akkuma Qaalluu Malkiisedeq atin haga jirtu cufa qaalluu taata” jedhan.
18
Aadaa durii waan isiin laaftuutii fi ammallee homaa hinbaanneef la lakkisan.
19
Seerii Musee homaa tokkollee danda'ee hinqixxeessu, amma abdiin dhibiin ta Waaqaatti nu dhiyeessitu, la dhufte.
20
Ammallee kakuu Waaqaatti jira, gaafa jara kaan qaallota tolchan, kakuun tunin hinjirtu.
21
Yesus ammoo kakuun qaalluu tahe. Gaafa Waaqii, “Aabboon la kakatee, qalbii ufii gara hingalfatu, ‘Atin haga jirtu cufa qaalluu taata’ ” isaan jedhe kaan.
22
Akka marroo Yesusiitiif, waldhaqisa cufa irra dansaa qamnu, ufi beenna.
23
Ammallee qaalloleen durii hedduun, waan dootuuf hujii ufii guutuu dadhabde.
24
Yesus ammoo haga bara baraa jira, duuba hujiin isaa ta qaallomaa nama dhibiitti hindabartu.
25
Ammallee innii waan yo cufa warraa kadhacuufii jiraatuufii, warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufu haga jiruu jireennaallee baasu indanda.
26
Yesus duuba qaallu guddaa, ka fedhii teenna cufa nuu guutu. Innii qulqulloo, wallaalaa fi cubbuu tokkollee hinqabu; isa la warra cubbutiin gargarii baasanii, gubbaatti olgeessan.
27
Innii akka qaallolee gugurdoo, guyyaa cufa sooriyyoo qara fiixee cubbuu ufiitiif eegee cubbuu nama dhibiitiif qaltuu taan hinjiru. Innii gaafa ufii kennee takka qubaa callaa sooriyoo ta'ee nafa ufii baase.
28
Seerii Musee, nama qixxee hintahiin qaallolee gugurdoo tolcha, dubbiin kakuu Waaqaa ta eegii seeraa dhuftee, ammoo ilma haga barbaraa qixxee ta'e foohatti.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13