bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 9
Hebrews 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Waldhaqisii qaraa aadaa kadhachaatii fi fulaa itti kadhatani ta namii harkaan midhaase qaba.
2
Waaroo ala dhaaban, isii keessa, ibsee fi xarapheessaa qixxaa Waaqaa baassaniti jira, fulaan sun fulaa Qulqulloo jedhan.
3
Golla lammeeessoo ka waaroo duubaa, fulaa guddoo Qulqulloo jedhanitti jira.
4
Isii keessa fulaa hixaana itti aarsan ta warqiin midhaasanii fi sanduuqa waldhaqisa Waaqaa, ka warqiin maranitti jira. Sanduqii kaan buduunuu warqii ta sagalee maannaa jedhan qabduu fi bokkuu Aaron, ka baala baasee fi dhakaa lama ka dubbiin waldhaqisaa irratti barreessaan qabdu qaba.
5
Sanduuqa gubbaa ergamtu gubbaa lamatti ta koola ufii fulaa cubbuu araaramanitti balliftuutti jira. Ammoo yo'i waan kana cufa diidessanii himan ammaaniti.
6
Eegii waan kana cufa akkasin qopheessan, qaalloleen guyyaa cufa akka hujii ufii hojjattu; waaroo alaa taan olduudde,
7
ammoo qaalluu guddaa callaatti waarroo gara boroo keessa waggaatti yo tokko callaa seena. Innii cubbuu isaa fi gochii isaalleen adoo hinbeekin hojjatee sooriyoo baasuuf dhiiga baatee olseena.
8
Haga Waaroon qaraa ejjuutti jirtu cufa, akka karaan fulaa qulqulloo jabduun nama dhaqu hinbanamin Hafuuri qulqulloon diidessetti barsiisa.
9
Akeekii kunin ammallee waan ardhaa hima. Galataa fi sooriyoon Waaqaa qalani, dandeettee garaa nama Waaqaa kadhatu hinqulqulleesitu.
10
Wanti kunin waan nyaatan, waan dhuganiifi aadaa qulqulleessaa callaa. Tunin cuftii seera lafaa, ka haga Waaqii waan cufa garagalchee hinmidhaasiin calla jiruu.
11
Ammoo Kiristoon la akka qaalluu guddaa, ka waan dansaa lafa tana keessa jiraa cufa ta'ee dhufe. Waaroon innii keessa hojjatu waaroo taan irra guddoo, ammallee irra dansaa. Namii hinmidhaasine, akkas jechuun waan lafa keessatti uumaniiniti jechu.
12
Kiristoon gaafa waaroo keessa bahee dabree, fulaa Qulqulloo jabduu yo tokko keessa seene, innii dhiiga sooriyoo re'etii fi ka yabbiyyee hinfuudhannee; ammoo dhiiguma ufii fudhatee, ba'isa bara baraa nuu tolche.
13
Dhiiga re'ee, ka kormatii fi daaraa Waatii sooriyoo qalanii nama qulqulloo hintahinitti fixan, warruuma irraa fuudhanii warra qulqulleessan.
14
Waan wantii kunin dhugaa taateef, dhiigii Yesus hagasi irra wa bahanitii? Hafuura bara baraatiin akka sooriyoo dhugaa ta Waaqaa ufi baase. Dhiigii isaa qalbii teenna hujii hamtuu irraa qulqulleessa, akka nu Waaqaa jiru hojjannu.
15
Mar. roo waan kanaatiif Kiristoon nama waldhaqiisa haaraa qopheessu taahe, akka warrii Waaqii yaame eebba bara baraa ta Waaqii kakate argatu. Wantii wannii kun taatuuf, marroo dooti yesus kiristoo ka wallaala waldhaqisa qara jalaatti tolchan, keessaa nama baasu jiruuf.
16
Fulaa dhaaltii jirtu, namii irraa dhaalan qaraa du'uu male.
17
Dhaaltii haga namii irraa dhaalan sun jiru hintaatuu, yo innii du'e callaa taati.
18
Mar. roo waan kanaatiif waldhaqisii qaraalleen dhiigaan tahe.
19
Qaraa fiixee Museen seera kitaaba seeraa keessatti barreessan nama cufatti hime. Jennaan dhiiga yabbiyyeetii fi bisaan fuudhee, damee isoophii bututtu diimtuu itti maree kitaaba seeraatii fi nama cufaattii fiffixe.
20
Duuba, “Dhiigii kunin ka waldhaqiisa Waaqii isanii tolche beesisuu” jedheen.
21
Akkasuma Muuseen waaroo fi mi'a kadhachaa cufa dhiiga itti fiffixe.
22
Ammallee seera gula waan cufa dhiigaan qulqulleessan, cubbullee, yo dhiigi jige callaa, namaa araaraman.
23
Tanaaf wanni fakkeenna waan gubbaa jiraatii ta'e kun cufti karuma kanaan qulqulaa'uu malte. Ammoo wantii gubbaa jiraa sooriyoo hagasi irraa feeti,
24
maaliif jennaan, Kiristoon fakkeenna fulaa qulqulloo ta namii harkaan midhaase keessa hinseennee, innii fulaa amma marroo teenaaf fulaa Waaqaa dura ejju ta gara gubbaatti olgale;
25
Qaallu guddaan Yihudii ganna cufa dhiiga horiitiin fulaa qulqulloo seena, Kiristoon ammoo marroo hedduu ufi baasu achi hinseene;
26
yo akkasi tolche, marroo hedduu haga lafa uuman silaa gaargala. Ammoo ammaatana innii akka sooriyoo nafa ufiitiin cubbuu ballessu muummee baraa irratti la marroo tokko callaa mullate.
27
Akkuma namii cuftii marroo tokko callaa du'e, ammoo eegii sun Waaqii namattim uruu,
28
akkasuma akka cubbuu namaa heddu baasu, Kiristoollee marroo tokko sooriyoo baasan. Akka cubbuu balleessuuf adoo hinta'in akka warra isa eegatu baasuuf innii marroo lammeessoollee indeebi'a.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13