bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 10
Hebrews 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Seerii Yihudii fakkeena dansaa waan gubbaa jirutiimitii, ammoo seerii sun gandidduu waan dansaa hegerii dhufu callaa, sooriyoo takkatti ganna cufa qallanii baasan. Seerii yoos akkam dandaa'ee, sooriyoo tanaan, warra Waaqatti dhufe qulqulleessa?
2
Yo warra Waaqaa kadhatu akka dansaa cubbuu irraa qulqulleessan, warrii silaa itti deebi'ee cubbuu ufi irratti hinargu, sooriyoo cufa silaa inlakkisan.
3
Ammoo sooriyoon baasan ganna cufa cubbuu namaa garsiifti,
4
maaliif dhiigii koroomitii fi ka re'ee danda'ee cubbuu hinbaasu.
5
Mar. roo waan kanaatiif Kiristoon, adoo gara lafa hindhufiniin duratti AABBOO Waaqaan, “Atin sooriyoo fi waan Waaqaa baasan hinfeetu, ammoo atin la nafa naa qopheesitte.
6
Sooriyoon guban yokaan sooriyoon cuubbuu baaftu si hingammachiiftu.
7
Jennaan anin, ‘Akkuma Kitaaba seeraa keessatti waan kiyya barreessan, anin kunoo, ee Waaqa, akka waan atin feetu cufa tolchu la dhufe’ ” jedhe.
8
Qaraa fiixee innii waan kana adoo sooriyoo tana seera gula baasanillee, “Atin sooriyoo fi waan Waaqaa baasan yokaan sooriyoo gubaatii fi sooriyoo cubbuu baaftu hinfeetuu, isiin si hingammachiiftu” jedhe.
9
Jennaan innii, “Anin kunoo, akka waan atin feetu cufa tolchuufi dhufe” jedhe. Tanaaf Waaqii sooriyoo durii cufa ballessee, sooriyoo Kiristoo fulaa kaaye.
10
Mar. roo Yesus Kiristoon waan Waaqii “Tolchi” jedheen cufa tolcheef, sooriyoon nafa isaa laayyu marroo tokkotu cubbuu cufa nurraa dhixxe.
11
Qaallolleen Yihudii cuftii guyyaa cufa hujii ufii hojjatte sooriyoo takkatti marroo hedduu baafti, ammoo sooriyoon tunin cubbuu keessaa nama hinbaaftu.
12
Ammoo Kiristoon sooriyoo tokkoo ta yo cufaa taatu marroo cubbutiif baase harka Waaqaa ka mirgaa taa'e.
13
Haga Waaqii nyaapha isaa barcuma miila isaa jala galchutti, achi taa'e eega.
14
Innii sooriyoo tokkoon la warra cubbuu irraa qulqulleessan haga bara baraa qixxee tolche.
15
Hafuurii Qulqulloolleen dhugaa nuu ta'a. Qaraa innii,
16
“Aabboon, ‘Eegii guyyaa sun, waldhaqisii anin warra waliin tolfadhu kana, anin seera kiyya garaa warraa keessa keeyyadhee, qalbii warraallee keessatti barreessa’ ” jedhe.
17
Ammallee innii, “Anin deebi'ee cubbuu fi hammeenna warraa tokkollee hinqaabadhu” jedhe.
18
Eegii waan kana cufa araaraman, sooriyoo cubbuu baaftu itti deebi'anii hinfedhani.
19
Tanaaf obboleyyan tiyya, nu Fulaa Guddoo Qulqulloo, marroo dhiiga Yesustiif sodaa malee seenu indandeenna.
20
Innii karaa haara'aa fi ka jireenaa nu bane, karaan kulleen golla keessaan, yokaan nafa isaa keessaan nu baname jechu.
21
Nu qaalluu guddaa, Mana Waaqaa qorqoratu qamna.
22
Yoos koottaa, garaa dhugaatii fi ka dhugeeffachatiin, yaada hammeennaa irraa qulqullaa'aniin nafa bisaan qulqulloon dhiqaniin Waaqaatti dhiyaannaa.
23
Waan nu akka Waaqii kakuu ufii gutu herregannuu fi jireenna nu eegannu jabeessina.
24
Waan walii herrenne, walqarqaarree, waljaalannee, waan dansaa walii tolchinna.
25
Akka namii garii tolchuu jiru, walwaldeena lakkisu hinmallee, ammoo waan akka guyyaan Aabboo dhiyaatee argittaniif waljabeesinaa.
26
Egii dhugaa nutti himaniin duubatti yo nu beekaa cubbuu hojjanne, sooriyoon tokkolleen dandeettee cubbuu nurraa hinbaaftu.
27
Wantii nuu hafee, akka waan eegii tanaa dhufa; muransaa fi ibidda guddaa, ka warra Waaqaa didu ballessu sodaannu;
28
Nama seera Musee didu cufa, eegii dhugaan lamaa sadii akka innii walaala qabu himte naasu malee ijjessan.
29
Nama ilma Waaqaa tuffatu, ka dhiiga waldhaqiissa Waaqaa ka isa qulqulleesse buuree sehu, ka Hafuura kennamsa naasu arrabsu, maal tolchan re? Isaa wayya, akka innii hamaa, me herregaa!
30
Nu ka “Anin haaloo inbaafadha, anin gatii infuudhadha” jedhe inbeenna. Ammallee ka “Aabboon gumii isaatti inmura jedhe” jedheellee inbeenna.
31
Harka Waaqaa jiraataa bu'uun waan guddo nama sodaachisaat.
32
Akka isan durii jirtan qaabadha. Gaafas eegii ibsee Waaqaa isanitti ibsite, isan guddoo gaargaltan, ammoo gaargalii sun isan hindabsanne.
33
Mar. roo hedduu gumii keessatti isan arrabsanii gaargalchan, marroo hedduu warra akkanaa tolchanillee walin gaargalu feetan.
34
Isan gaargala warra hidhani qoodattan, marroo isan akka waan hagasi irra jiraa, ta haga jirtu teetu, qabdan beetaniif, gafa miha keessan cufa saaman gammadaan oobsittan.
35
Tanaaf garaa jabadhaa, yo akkasi tolchittan, gatii guddoo argattan.
36
Akka fedhii Waaqaa tolchittan, waan innii kakate argattan isan oobsuu malltan.
37
Akkuma barreessin jettuu, “Ka dhufuu male hinturu dhiyoottuu indhufa.
38
Taatullee nama kiyya qajeelaan dhugeeffatteeti jiraataa, ammoo yo tokkolleen garagalee anin irra hingammadu” jedhe.
39
Nu ammoo gama warra dhugeeffachaan ba'uu male, gama warra duubatti deebi'ee baduutiiniti.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13