bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Hebrews 11
Hebrews 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Dhugeeffachaa jechuun waan abdatani “Dhugumaa inta'a” jedhanii fudhatanii, waan ilaan hingarreellee “Injirti” jedhanii herregu.
2
Dhugeeffachaa akkanaa tanaan jaarrolleen durii gurra horaatte.
3
Akka laftii dubbii Waaqaatiin uumamte, akka wantii nami ilaan argu waan namii ilaan hingarre irraa hojjatamte dhugeeffachaan inbeenna.
4
Abeeli dhugeeffachaan sooriyoo Qaayin irra dansaa Waaqaa baase. Waaqii Sooriyoo isaa fudhate la isaa dhugeesse; marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii; “Nama qajeelaa” isaan jedhe, innii adoo du'eellee karaa dhugeeffachaa isaatiin haga ardhaallee dubbachuu jira.
5
Henok akka du'aayyuu ilaan hingarre dhugeeffachaan gara Waaqaa olfudhatame; waan Waaqii isa gubbatti olgeesseef namii isa argu dadhabe. Adoo isa gubbatti olhingeessin barreessiin, “Innii Waaqaa gammachiise” jette.
6
Dhugeeffachaa malee, namii tokkolleen danda'ee Waaqaa hingammachiisu. Namii gara Waaqaa dhufu, akka Waaqii jiruu fi akka Waaqii warra isa barbaadu eebbisu dhugeeffachuu male.
7
Nohi dhugeeffachaatti gorsa Waaqaa ka ilaan hingarre, ka waan egerii tahaa hinbenne, dhugeeffachiisee, innii dubbii Waaqaa caqasee, hoboloo isaa fi warrii isaa keessatti bahe jaaree, karaa kanaan innii balleessaa lafaatti muree, qajeeluma dhugeeffachaan dhuftuun argate.
8
Abrahaam dhugeeffachaan gafa Waaqii isa yaame caqase, innii ka gara deemu hinbeenne, ka'ee lafa ufii keessaa ba'e, lafa Waaqii isaa kakate dhaqe;
9
Dhugeeffachaan akka keessummaa lafa Waaqii isaa kakate sun keessa Yisihaqii fi Yaaqoob ka akkasuma kakuu sun Waaqaa irraa argate waliin Waaroo keessa taa'e.
10
Tanaaf innii dira hunda jabaa qabu, ka Waaqii herregee jaare, eegachaa ture.
11
Dhugeeffachaatti adoo innii guddoo jaaree, niitiin isaa Saaraan gaantuu taateellee Abrahaamii ijoollee kenne. Innii akka Waaqii kakuu ufii hincabsine indhugeeffate.
12
Namichii kunin adoo jaaree rerepheellee, ijoollee akka urji Waaqaa irraa heddatee fi ta akka maanssa afaan galaanaa ka namii heduu hindandeennee dhale.
13
Warrii kunin cuftii adoo waan Waaqii lafa irraatti warraa kakate argachuu baateellee adoo dhugeeffachaa ufii hindhiisin dhume; waan kakataniif sun ammoo fagootti argee herregate, ammallee “Nu keessummaa yaatu” jedhee diideesse hime.
14
Namii waan akkanaa kana dubbatu akka lafa ufii barbaaduu jiru diideesse garsiisa.
15
Waan lafa keessaa yaa'anii hinherrenee, ammoo yo silaa fedhan, danda'an itti indacha'an.
16
Taatullee lafa gubbaa jirtu, ta sun irra dansaa barbaadan. Mar. roo waan kanaatiif yo warrii Waaqaan, “Waaqaa keenna” jedhu, waan dira warraa midhaasseef, Waaqii itti hinceeru.
17
Dhugeeffachaan Abrahaamii gaafa Waaqii isa laallatee, ilma ufii Yisihaaq akka sooriyoo qaluu ka'e. Waaqii Abrahaamitti kakatee, ammoo innii akka ilma ufii tokkocha akka sooriyoo qalu, qophee jira.
18
Waaqii qara isaan, “Yisihaqi gula dhalootii kee maqaa argatta” jedhe.
19
Abrahaam akka Waaqii Yisihaq du'a keessaa kaasuu danda'u duruu waan herregef; akkuma sun, Abrahaamii akka Yisihaq du'a keessaa argatetti fudhate.
20
Dhugeeffachaan Yisihaq, Esaawuu fi Yaaqoob eebba hegerii kakateef.
21
Dhugeeffachaan Yaaqoob adoo hindu'iin, ilmaan Yoseef cufa eebbisee, ulee ufiitti hirkatee Waaqaa kadhate.
22
Yoseef adoo hidu'iniin duratti dhugeeffachaan waan godaanna gosa Israa'eli ta lafa Gibxii keessa godaantuu dubbatee, waan reeffa isaa tolchannille hime.
23
Haadhaa-abbaan Musee dhugeeffachaan eegii innii dhalate, akka innii midhaagaa arginaan, sodaa malee seera hayyuu cabsani ji'a sadii isa dhossan.
24
Museen eegii guddate dhugeeffachaan, akka ilma intala Fara'oonii jedhanii hin yaamne dide.
25
Innii fulaa haga diqqaa tokko cubbuun gammadu irraa warra Waaqaa waliin gaargalu fedhe.
26
Museen waan galata eegii tanaa herregateef, horii lafa Gibxii irra, arraba marroo Kiristootiif isa arrabsan irra dansummatti heregate.
27
Museen dhugeeffachaan dallansuu hayyuu sodaachuu didee, ka'ee, lafa Gibxii keessaa deeme, inni Waaqaa ilaan hingarre akka argeetti fudhatee yaada ufi irraa chocho'uu dide.
28
Innii akka ergamtuun Waaqaa nama angafa dhiiraa ka gosa Gibxii hobbaaftu warra hintundhe, dhiiga balbalatti fiffixee, dhugeeffachaan jila dabarsaa tolche.
29
Gochii Israa'elii dhugeeffachaan Galaana Diimaa, akka lafa godduu taakkitee; gochii Gibxii ammoo taakkuu feenaan bisaan liqimsani hobbaasan.
30
Dhugeeffachaan gochii Israa'eli guyyaa torba dallaa Yerikoo irra marte, cabsitee jissitte.
31
Dhugeeffachaatti niitii shaarmuxaa, ta Rahaab jedhan, waan isiin jara dooyaa yaa'u bulchiteef, warra Waaqaa dhagayuu dide waliin du'uu dhowwe.
32
Hagan irra dubbachuu mallee ree? Dura deemee, waan nama dhibiillee hima ree? Waan Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yifataa, Daawit, Saamu'elii fi waan raagootaa cufaa amma himu hindanda'u.
33
Warrii dhugeeffachaan lafa hedduu hadhee dabsate, waan qajeelaa tolchee, waan kakataniif argatee, afaan nyeencaa cuqaalee.
34
Ibidda goolaa dhaanfee, goraadee duraa ba'e. Warrii qara lallaafoo, ammoo eegee jabaate. Lola keessatti guddoo jajjaboo, duula nyaaphaa dabsate.
35
Nadheen nama qara irraa du'e, ka du'a keessaa kaasan, dhugeeffachaan argatte. Namii garii akka jireenaa irra dansaati kaasan argatuuf gargala foo'atee mana hidhaansaati, “Nu galakkisa” jechu diddee, gaargalchani ijjessan.
36
Nama garii goyyessanii, lichoon dhaanan, nama garii haada sibiilaatiin miila hidhani mana wankii keessa buusan.
37
Dhakaan bobborossani, fulaa lamatti gargari, falansani goraadeen hobbaasani, Gogaa holiyyetii fi ka re'ee hidhatan, hiyyoomatanii, dhiiphatanii, gargaratti gaargalchan.
38
Laftii warratti hintolle! Akka nama baqatu lafa gammojiitii fi gaarren gubbaa yaa'an, godaa fi boola keessa bulan.
39
Warrii kunin marroo dhugeeffachaa ufiitiif maqaa dansaa argate. Ammoo waan Waaqii kakateef hinarganne,
40
waan Waaqii waan hagas irra dansaa nuu herregeef, herregii isaa kana; nun malee warrii hinqixaa'u.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13