bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 10
Daniel 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 11 →
1
Mootiin Faarisii Qiroos mooyee woggaa sadeesso'ootitti Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu mudhata biraa arge; dubbiin inni mudhataan arge dhuga'a; sababaa hubachu'uuf guddisee ulfaatuuf hiikkaan isaa mudhataan isatti mudhate.
2
Hennaa san ani Daani'eel torbaan sadihii guutuu gadda'aa ture.
3
Foon ta'ee'e midhaan mishaa biraallee hin nyaanne; daadhii woyini'iillee afaaniin hin qabne; haga torbaan sadihii sun lufutti mataa kiyya dhadhaa hin dibanne.
4
Jiini jalqaba wogga'aa seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti laga guddaa Xeegroosii bira dhaabadhee ture.
5
Yoo ol jedhee laalu nama tokko ka uffata haphii ulfinnaa uffatee fi ka mudhii ufii qabattoo worqi'iitiin hidhate arge;
6
Nafti nama kanaa akka miya gatii gudda'aatitti ifa; fuulli isaa akka hangaasu'uutitti ifa; ijji isaa arraba ibiddaa fakkaata; harkaa fi lutti isaa akka sibiila diimaa haqamee qulqullaayeetitti ifa; laagaan isaa akka laagaa nama hedduutitti dhagayama.
7
Ka mudhata kana arge ana Daani'eelima; namoonni na woliin jiran ammo woma tokkollee hin argine; ta'ullee waan guddisanii nayaniif fiiganii dhokatan.
8
Anillee mudhata nama maalalchiisu kana laala'aa hojja kiyya achitti hafe; hunna qabu maraa waan fixadheef dadhabee ture; fuulli kiyyallee hin jijjiirame.
9
Ani hennaa laagaa namichaa dhagaye nayee uf wollaalee kufe; akkuma kallachaan kufeen achumatti hafe.
10
Achiin maayessa harki woyii na qaqqabee ani waan nayee hollata'aaruuf harkaan ol na qabee na dhaabsise.
11
Maleekkichi, «Ati Daani'eelii Rabbi jaalate; kunoo ani ergamee gara kee dhufeera; bakka jirtuu ol ka'ii dhaabadhu; waan ani sitti himullee seeraan hubadhu!» naan jedhe; hennaa inni waan kana natti dubbate ani hollata'aa ka'ee dhaabadhe.
12
Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Daani'eel! hin sodaatin! guyyaa ati waa hubachu'uuf Rabbiin afo'otti gad uf deebisuu jalqabde irraa jalqabee kadhaan kee dhagayameera; anillee wonti gara kee dhufeef sababaa kadhaan kee deebii argateef.
13
Hafuurri hamaan bulchaa mootii Faarisii guyyaa diddamii tokkoo na morme; ani Faarisiin keessatti akka hojja kiyya jiru argee maleekkota keessaa bulchaan maleekkotaa Mikaa'el na gargaaru'uuf dhufe.
14
Ani wonti dhufeef waan bara dhumaa worra kee irra gayu sitti himu'uuf; kanaafuu waan kanaa achi mudhanni biraa waan uf afoo ta'u'uuf ta'u mudhisu hin jiru»
15
Hennaa inni waan kana natti hime dubbachuu dhabee mata'aan lafa laale.
16
Achiin maayessa wonti bifa namaa fakkaatu harka ufii diriirsee hidhii kiyya qaqqabe; ani isaan «gooftaa kiyya! mudhanni kun waan na dhukkubseef nafti kiyya hin hadoode.
17
Ani tajaajilaa kee ta'ee attamitti gooftaa kiyya woliin dubbachuu danda'a? ani haga hafuura baafachuu dadhabutti guddisee dadhabe» jedheen.
18
Maleekkaan nama fakkaatu sun hennaa deebi'ee na qaqqabe ani jabeenna argadhe.
19
Inni «ati nama Rabbiin afo'otti jaalatamte! waan misha'atu sii ta'a; hin sodaatin! jabaadhu!» naan jedhe; hennaa inni waan kana natti hime jabaadhee «Gooftaa kiyya waan jabeenna naa kenniteef natti dubbadhu!» jedheen.
20
Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Ani waan gara kee dhufeef beettaa? ani wonti gara kee dhufeef waan kitaaba dhuga'aa irratti barreeffame sii ibsu'uuf; ani ammallee deebi'ee hafuura hamaa bulchaa mootii Faarisii woliin wol lola; haga ani deemeen maayessa hafuurri hamaan bulchaa mootii Giriikii hin dhufa;
21
ta'ullee maleekkicha Mikaa'el jedhamu ka Israa'eliin eeguu achi ka biraa ka na gargaaru hin jiru.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12