bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 11
Daniel 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 12 →
1
«Daariyoosiin biyya Meedoonii mooyee woggaa jalqabaatitti ani isa gargaaru'uu fi isa jajjabeessu'uuf isa bira dhaabadhe.
2
Wonti ani amma sitti himuu dhuga'a.» Maleekkaan nama fakkaatu sun mootonni biraa sadiin Faarisiin irratti mooyan, mootiin arfeesso'oo ka isaaniin maayessa mooyu kaawwan caalaa duroomee kabajjama; sababaa duroomeef hennaa hunni isaa jabaate mootota kaawwan mari'achiisee mootii Giriikii irratti ka'a.
3
Achiin maayessa mootiin lolaan jabaate tokko hin mooya; bulchiinsi mootummaa isaa hin guddata waan barbaade maraa hin godha.
4
Hennaa hunni isaa jabaate ammo mootummaan isaa diiggamee adunyaa keessatti bakka afuritti qoodama; hulee isaa mootota fiixaa isaa hin taanetu bakka bu'a; ta'ullee isaan keessaa namni haga isaa jabaatu hin argamu; sababaan wonti kun ta'uuf mootummaan sun diiggamee deebi'ee kaawwanii waan qoqqoodamuuf.
5
Mootiin biyya Misirii ka gara kibbaa guddisee jabaata; ta'ullee bulchoota loltoota isaa keessaa tokko isa caalaa jabaatee mootii guddisee jaba'aatii bulchaa ta'a.
6
Woggaa hago'oon maayessa mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aa woliin waadaa goshumma'aa gala; durba ufii mootii Sooriya'aatitti heerumsiisa; ammo sababaa isiin hunna ufii jabeeffachuu dadhabduuf hunni mootichaa waan hin jabaanneef wolii galteen mootumma'aa hin turu; kanaafuu isii, worra isii gargaaru, ijoollee isi'iitii fi tajaajiltoota isi'ii ajjeesan.
7
Yoma san fira isi'ii keessaa namni tokko mooya; inni mootii Sooriya'aa woliin wol lola; inni kushee isaanii cabsee seenee isaan mooyata.
8
Meeshaa fakii waaqa tolfamaa isaanii ka worqi'ii fi meetii irraa hojjatame booji'ee gara biyya Misirii fida; woggaa hago'oof mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aatiin lolu'uuf hin ka'u.
9
Achiin maayessa mootiin biyya Sooriya'aa bulchiinsa mootii biyya Misirii marsu'uuf dhufa; ammo akkuma dhufeen uf irra deebi'a.
10
Ijoolleen dhiiraa ta mootii biyya Sooriya'aa lolaaf qophaayanii loltoota hedduu gurmeessan; isaan keessaa tokkochi akka lolaa jaba'aa hennaa dhufe waa haree fudhatuu ta'ee kushee diinaa irratti balaa buusa.
11
Hennaa san mootiin biyya Misirii guddisee aaree mootii biyya Sooriya'aa woraanu'uuf ka'ee loltoota hedduu ka mootiin biyya Sooriya'aa hiriirse mooyata.
12
Inni loltoota hedduu waan booji'uuf boonee namoota kumaatamatti laakkayaman fixa; ta'ullee akka mooyateen jabaatee hin turu.
13
Mootiin Sooriya'aa gara biyya ufii deebi'ee ka qaraa caalaa loltoota hedduu gurmeessa; woggaa hago'oon maayessa loltoota hidhata guutuu woliin hiriirsee dhufa.
14
Achiin maayessa namoonni hedduu mootii biyya Misirii didan, «Daani'eel! wonti mudhata kana keessatti mudhate maruu akka raawwatamu gosa kee keessaa namoonni gariin jeequmsa didda'aa kaasan; ammo isaanii hin ta'u.
15
Kanaafuu mootiin Sooriya'aa qachattii kushee keessa jirtu takka marsee qabata; loltoonni biyya Misirii isa jala dhaabatuu hin danda'an; isaan keessaa worri jajjabaanuu isa jala dhaabatu'uuf hunna guddaa hin argatan.
16
Loltuun gara kaabaatii dhufu waan barbaade godha; ka isa jala dhaabatee uf irraa dhooggu hin jiru; inni biyyi woyyoomtellee uduu hin hafne marsee qabata.
17
Mootiin biyya Sooriya'aa loltoota ufii maraa qabatee duulu'uuf karoorfata; inni mootummaa diina ufii diigu'uuf durba ufii mootummaa diina ufiititti heerumsiisee akka isa gargaaru wolii gala; ta'ullee karoorri isaa hin ta'uuf.
18
Achiin maayessa biyyoota daangaa galaanaa jiran irratti balaa buusee isaan keessaa heddu qabata; bulchaan loltootaa tokko ammo waan isa mooyatuuf uf jajuun isaa hin dhaabata; dhugamaan dubbiin arrabaa ka inni uf jaju'uun dubbate maruu isa irratti raawwata.
19
Achiin maayessa mootichi gara kushee biyya ufii deebi'a; ammo inni gufatee waan kufuuf deebi'ee hin mudhatu.
20
«Mootiin biraa bikka isaa mooya; mootiin kun ulfinna mootummaa ufii eeggachu'uuf jedhee nama gibira gabbarsiisu tokko muuda; ta'ullee mootii san hennaa hago'oon maayessa hin ajjeesan; inni ka du'u sababaa banii dhibe yookaan waan lolli itti ka'eefii miti» jedha'aa dubbate.
21
Maleekkichi naa hiika'aa ture akkana jedhe, «Isaan maayessa namni tuffatamaan tokko hin mooya; ufii ammo ulfinni mootumma'aa hin kennamneef; inni dimmaa dhufee dharaan baallii mootummaa isaa qabata.
22
Bulchoonni gadoota Rabbii uduu hin hafne, loltoonni hin hafne isa afo'oo xuruuramanii badan.
23
Inni dharaan wolii galtee nagayaa taasisa'aa kaawwan soba; worri isa duukaa bu'an yoma hagoollee ta'an jabaata'aa deema.
24
Namni kutaa biyya biraa ka guddisee duroome dimmaa isaan qabata; waan abboota isaa ta durii keessaa namni tokkollee hin goone maraa godha; meesha'aa fi qabeenna lolaan booji'ee fudhate maraa loltoota ufiitii qooda; kusheewwan irratti balaa buusu'uuf karoorfata; ammo hennaa hago'oof.
25
Inni hunna lolaa guddaa ijaaree uggiiti'iin mootii biyya Misiriititti duula; mootiin biyya Misiriillee gara ufiitiin hunna lolaa guddaa qopheeffatee ka gara isaa dhaqe uf irraa dhoogga; garuu mootii biyya Misirii waan seeraniif isaa hin ta'u.
26
Worri jaalalloon isaa ka isatti dhiyaatanii isa woliin nyaatan isa balleessan; loltoonni isaa hin badan; loltoonni hedduu lolaan du'an.
27
Achiin maayessa mootonni lachuu akkuma garaa ufiititti dhara yaadanii qabataniin woliin nyaatu'uuf hulee tokko taa'an; namni tokko nama biraa sobu'uuf dubbii sobaa wolitti himan; ta'ullee hennaan murtaaye sun waan turuuf akka yaadan isaanii hin ta'u.
28
Mootiin Sooriya'aa qabeenna booji'e maraa qabatee deebi'a; garaan isaa ammo waadaa woyyoome balleessa; inni waan barbaade maraa haga godheen maayessa gara biyya ufii deema.
29
Inni hennaa hago'oon maayessa biyya Misirii marsa; ta'ullee akka duraa isaa hin ta'u.
30
Worri Rooma'aa yabalaan dhufanii waan isa woraananiif inni guddisee naya; inni uf duuba deebi'ee guddisee lolee waadaa woyyoome ka worra Yihuudi'iitii kenname batteessa; inni deebi'ee namoota amantaa ufii ganan woliin wol hin mormu.
31
Loltoonni mana woyyu'u fi naannaya san hin batteessan; ciincaan hennaa maraa dhiyaatu akka hin dhiyaanne godhan; isaan waan battii nama jibbisiisu godha'aa badii fidan.
32
Mootichi worra armaan dura waadaa Rabbii ganan maraa soba'aa gargaarsa isaan irraa argata; namoonni Rabbiin akka barbaachisutti beekan ammo jabaatanii mooticha jabeessanii morman.
33
Ogeeyyiin banii keessa jiraatan banii barsiisa'aa akka isaan beekumsa argatan taasisan; ammo hennaa hago'oof worra ibiddaa fi guraade'eef ifa bayan ta'an; qabeenni isaanii saamamee hidhaman.
34
Hennaa rakkinni guddaan kun isaan irra gaye namoonni gariin gargaarsa diqqoo isaanii godhan; namoonni hedduu uduu amanamumma'aan hin taane fakkeessa'aa wol gargaaran.
35
Ogeeyyii keessaa namoota garii rakkoo gudda'atu isaan irra gaya; ta'ullee sababaa kanaaf gingilfamanii qulqullaayanii worra mudaa hin qabne ta'an; wonti kun ka akkanatti turu hennaan dhumaa ka Rabbi karoorse haga raawwatuuf.
36
Mootiin biyya Sooriya'aa waan barbaade maraa hin raawwata; inni waaqolee maraa caalaa ol uf guddisa; Waaqa waaqolee maraa ol jiru irratti dubbii arrabaa ka armaan dura dhagayamee hin beenne dubbata; wonti karoorfame maruu waan hojjatamuu barbaachisuuf guyyaan lola Rabbii haga gawuuf wonti maruu isaa ta'a.
37
Mootichi waaqolee abboota ufii ta durii hin diqqeessa; waaqolee dubartoonni jaalatanillee hin tuffata; inni akka waan waan maraa caaluutitti waan uf laakkayuuf waaqolee marattuu lash jedha.
38
Kanniin caalaa waaqolee ormaa ka kushee eegan kabajja; Waaqa armaan dura abboota isaa biratti hin beekkamnee worqii, meetii, faaya gara garaa, dhagaa gatii gudda'aatii fi kennaa gara garaa ka gatii mi'a'aa dhiyeessa'aa kabajja.
39
Akka kushee isaa eegan namoota Waaqa ormaa waaqeffatan ramada; worra bulchiinsa isaa beekan maraafuu ulfinna guddaa kenna'aa banii irratti isaan muuda; worra jasaa isaa ta'anii ristii qooda.
40
Hennaan sun yoo gaye mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aatitti balaa buusa; ta'ullee mootiin biyya Sooriya'aa konkolaataa fardaa, farado'oo fi yabalatti fayyadamee lola gudda'aan uf irraa dhoogga; inni akka bisaan lolaa gudda'aatitti haree biyyoota hedduu marsa.
41
Biyya abdi'ii ta bareeddullee hin marsa; biyyoonni hedduu isa jala ta'an; garuu biyyi Eedoomii, biyyi Moo'aabiitii fi biyyi Amoonii marfama san jalaa dheessanii bayan.
42
Inni hennaa ballii ufii biyyoota marattuu babadhisu biyyi Misirii isa jalaa dheessitee hin baatu.
43
Inni worqii, meeti'ii fi waan kabajjamaa biraa maraa hulee biyyi Misirii itti dhossitee fudhata; Liibiya'aa fi Itoophiyaallee hin mooyata.
44
Achiin maayessa oduun baya biiftu'uutii dhufuu fi ka gara kaabaatii dhufu isa naasisa; inni guddisee lolee namoota baay'ee fixee isaan dhabamsiisa.
45
Inni hulee mishaa galaanaa fi tulluu mana woyyuu jidduu jiru irratti daasee guddaa mootumma'aa dhaaba; wonti kunniin maruu ta'ee dhuma irratti inninuu hin bada; ka isa gargaaru hin argatu.»
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12