bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 2
Daniel 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 3 →
1
Nabukadanatsoor mooyee woggaa lammeesso'ootitti eebjuu argee guddisee hucuucamee hirriba dhabe.
2
Kanaafuu inni worra moran, worra asmaa kataban, worra mita hojjatanii fi worra Kalaadaawotaa ka urjii laakkayan akka gara isaa dhufanii eebjuu inni arge akka isatti himaniif akka isaan waaman ajaja dabarse; isaanillee dhufanii isa afoo dhaabatan.
3
Mootichi, «Ani waan eebjuu eebjodhee, eebjuun eebjodhe sun maal akka ta'e haga beekutti guddisee hucuucameera» isaaniin jedhe.
4
Isaan mootichaan, «Mooti'ii! bara baraan jiraadhu; eebjuu kee nutti himi nu ammo hiikkaa isaa sitti himnaa» jedhanii afaan worra Sooriya'aatiin isaa deebisan.
5
Mootichi deebisee «isin jalqaba eebjuu kiyya, itti aansa'aatii hiikkaa isaa natti himaa'a; yoo isin kana hin goone ammo akka harkaa fi miilli keessan mummuramuu fi akka manni keessan diiggamee tuulaa diiggamee ta'u murteesseera.
6
Yoo eebjuu kiyya hiikkaa isaa woliin dandeettanii natti himtan ammo badhaasaa fi kennaa ulfinnaa guddaa woliin akka argattan isin taasisa; kanaafuu eebjuu hiikkaa woliin natti himaa'a» isaaniin jedhe.
7
Isaanillee «mootii keenna! eebjuun kee maal akka ta'e nu'u tajaajiltoota teetitti himi; nullee hiikkaa isaa sitti himnaa» jedhanii deebisaniif.
8
Mootichi haga waan kana dhagaye, «Isin akka ani murtii jabaa murteesse waan beettaniif karoorri keessan waan kana tursiisuu akka ta'e beekeera.
9
Isin yoo eebjuu natti himuu dadhabdan isin maraafuu adabbima tokkotu isinii qophaayeera; isin waan haalli jijjiiramu seetanii dubbii sobaatii fi dubbii dharaa dubbata'aa hennaa dheeressuu barbaaddan, kanaafuu uduu eebjuu natti himtanii akka hiikkaanillee isin hin rakkifne hin beeka» jedhee isaanii deebise.
10
Worri Kalaadaawotaa ka urjii laakkayanillee deebisanii «Mootii keenna waan ati beekuu barbaaddu kana namni sitti himuu danda'u adunyaa irra hin jiru; mootiin tokko yoma hagamillee gudda'aa fi jabaa ta'ellee gaafii akkanaa kana worra moru, worra asmaa katabuu fi worra urjii laakkayu gaafatee hin beeku.
11
Mootii keenna! gaafii ati gaafatte guddaa kana waaqolee tolfamaa malee ka deebii sii deebisuu danda'u hin jiru; waaqoleen tolfamaan ammo worra nama woliin jiraatanii miti» jedhaniin.
12
Hennaa san mootichi guddisee aaree lolee ogeeyyiin Baabilooniin keessa jiran maruu akka ajjeefaman ajaje.
13
Ajaja akka ogeeyyiin du'aniif bayeetiin Daani'eelii fi goshoota isaallee wolumaan ajjeesu'uuf soqan.
14
Namni akka murtiin sun hujii irra ooluuf ramadame Aariyookii ajajaa kabajjamaa worra balbala mootichaa eeguuti; kanaafuu Daani'eel isa bira dhaqee malaan isa qaassee
15
«Mootichi attamitti murtii jabaa kana murteesse?» jedhee isa gaafate; Aariyookillee waan san ibsee itti hime.
16
Daani'eel yoma san mooticha bira ol seenee eebjuu hiiku'uuf akka inni hennaa isaa kennu isa kadhate.
17
Achiin maayessa Daani'eel gara mana ufii deemee waan ta'e maraa goshoota ufii Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariya'atti hime.
18
Inni isaan worra ogeeyyii Baabiloonii woliin akka hin ajjeefamne Waandhi Sami'ii akka isaanii araaramuu fi dhossaa maraa akka isaanii ibsu akka isa kadhatan isaan qaabsise.
19
Halkanuma san dhossaan eebju'uu sun Daani'eelitti mudhate; kanaafuu inni Waaqa sami'ii
20
Ogummaanii fi hunnillee ka isaa waan ta'eef Rabbii baraa haga bara baraa galanni haa ta'u!
21
Inni henna'aa fi ji'oota wol jijjiira; mootota teessoo isaanii irra kaaya; teessoo ulfinnaa irraallee hin buusa; ogummaa ogeeyyi'ii, beekkumsa worra waa hubatuu isatu kenna.
22
Inni waan dhossaa keessi fago'ootii fi waan dhokate maraa hin mudhisa; hennaa maraa isa bira ifti waan jiruuf, waan dukkana keessatti dhokate maraa hin beeka.
23
Waaqa abboota tiyya ta durii! galanni si haa gawu; si kabajja; Ati ogumma'aa fi hunna naa kenniteerta; ee, ati kadhaa keenna nuu dhageettee eebjuu mootichaa nuu ibsiteerta» jedhee galatoonfate.
24
Achiin maayessa Daani'eel gara Aariyookii ogeeyyii Baabiloonii akka ajjeesuuf mootichi ajaja itti kenne bira dhaqee «Ogeeyyii Baabiloonii hin ajjeesin, bikka san gara mootichaa na fidi; ani hiikkaa eebju'uu itti himaa» jedheen.
25
Yoma san Aariyook Daani'eeliin gara mooticha Nabukadanatsoorii isa fidee «Mootii kiyya! nama hiikkaa eebju'uu sitti himu worra biyya Yihuuda'aa keessaa booji'aman keessaa nama tokko argeera» jedhee mootichatti hime.
26
Mootichillee Daani'eelii Bilxaasoor jedhamuun «Eebjuu ani eebjodhe hiikkaa isaa woliin natti himuu dandeettaa?» jedhee isa gaafate.
27
Daani'eel «mootii kiyya! waan dhossa'aa ka ati gaafatte ogeeyyiin, worri moru, worri asmaa katabuu fi worri mita hojjatu sitti himuu hin danda'an.
28
Ka waan dhossa'aa maraa ibsu ammo Waandhi tokkichi samii jira; inni waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sii ibseera; eebjuun ati siree kee irra uduu ciifteertu eebjottee fi mudhanni mataa kee keessa jiru kana.
29
«Mootii kiyya! ati siree kee irra ciiftee waan durana ta'u dhudhuma'aa turte; kanaaf Waandhi waan dhossa'aa ibsu waan durana ta'u'uuf ta'u sitti beessise.
30
Wonti dhossa'aa kun ka natti mudhateef namoota kaawwan irra waan ani ogeessa ta'eefii miti; akka ati hiikkaa eebjuu keetii beettuu fi yaada sammuu kee keessatti dhudhuma'aa turte akka hubatuu dandeettuuf.
31
«Mootii kiyya! ati fakii guddisee caalalaquu fi ka guddisee calanqisu ka yoo laalan nama sodaachisu ka si afoo dhaabateeru argite,
32
Mataan fakii sanii worqii qulqulluu'u, qomtinii fi harki isaa meetii irraa, garaanii fi gudeenni sibiila diimaa irraa
33
Mogoleen isaa sibiila irraa, wodhakkaan luka isaa sibiila irraa, wodhakkaan ammo faara irraa hojjataman;
34
Uduma ati fakii san laala'aartu dhagaan guddaan uduu harki namaa hin tundhe gubba'aa fottoqee bu'ee luka lamaan luka faki'ii ka sibiilaa fi faara irraa hojjatametti bu'ee caccabse.
35
Sibiilli, faarri, sibiilli diimaan meetii fi worqiin maruu akka buraa hennaa bonaa ka oobdii irraatitti bullaaye; uduu womaa hin hafne bubbeen haxaayee fudhate; dhagaan fakii irratti bu'e ammo lafa irratti ol guddatee haga gaaraa gaye.
36
«Hiikkaan eebju'uullee akkana,
37
Mootii kiyya! ati mootii mootota maraa caaltu, Waandhi sami'ii mootumma'aa fi hunna, baalli'ii fi ulfinnallee sii kenneera.
38
Bulchaa biyya maraa si taasiseera; nama, busaawa'aa fi simbirran irratti baallii sii kenneera; kanaafuu mataan worqii sanii si'i.
39
Siin maayessa mootiin sii gadii akka kee gurra dhagayatu hin mooya; isatti aanee mootiin adunyaa bulchu ka sibiila diima'atti fakkeeffamu sadarkaa sadeesso'ootitti mooya.
40
Ammaallee mootiin arfeesso'oo ka waan maraa caccabsuu fi bulleessu, ka akka sibiilaa jabaatu hin mooya; akkuma sibiilli waa maraa caccabsee bulleessu innillee mootota isaan dura jiran maraa caccabsee bulleessa.
41
Ati fakii lukaa fi qubbiin lukaa wodhakkaan sibiila irraa, wodhakkaan ammo faara irraa hojjatame akka ta'e argiteerta; kun akka mootummaan sun gar gar qoodame akka ta'e mudhisa; akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee argite cina'aan mootummaan sunillee akka sibiilaa jabaata.
42
Akkaataan qubbiin isaa ka lukaa itti hojjatameeru, wodhakkaan sibiila, wodhakkaan akkuma faara ta'e akkasuma mootummaan sun cina'aan jabaa ta'a.
43
Akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee argitee akkasuma baniin mootota lamaan kanniinii fuudhaa fi heerumaan wolitti makaman; ta'ullee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamuu hin dandeenne akkasuma isaanillee tokko ta'uu hin danda'an.
44
Bara mootota sanniinii Waandhi sami'ii mootummaa sirima hin diiggamnee fi ka bulchiinsa isi'ii baniin kumillee hin uggine hundeessa; mootummaan kun mootota biraa haga dhumaa sirima balleessa; inni ammo baraa haga bara baraa jiraata.
45
Dhagaan uduu harki namaa hin tundhe gaara irraa fottoqee bu'e ka sibiila, sibiila diimaa, faara, meeti'ii fi worqii irraa hojjatame ka fakii san bulleesse mootummaa san; akka kanaan Waandhi maraa olii waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sitti mudhise; eebjuun kun dhuga'a; hiikkaan amanamaanillee kanuma.
46
Kanaan maayessa mootiin Nabukadanatsoor haga kallachi isaa lafa tuqutti kufee Daani'eelii sagadee kennaa midhaaniitii fi hixaana akka fidaniifiif ajaje.
47
Mootichi Daani'eeliin «Waandhi kee Waaqa waaqolee tolfamaa maraa caalu; Gooftaa mootii moototaati; Inni ka dhossaa maraa ibsuu danda'u; sababaa kanaaf dhossaa guddaa kana maraa ibsuu dandeette» jedheen.
48
Achiin maayessa mootichi Daani'eeliin hulee ulfinnaa guddaa kaayee kennaa heddu kenneef; bulchiinsa biyya Baabiloonii maraa keessatti bulchaa worra gugurda'aa isa taasise; ogeeyyii biyya Baabiloonii maraa irratti bulchaa taasisee isa muude.
49
Akkuma Daani'eel isa kadhatetti mootichi Sidiraaqiin, Misaaqii fi Abdinaagoo godinoota Baabiloonii maraa keessatti bulchoota taasisee isaan muude; Daani'eel ammo mootummaa isaa irraa uduu hin fagaanne jiraate.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12