bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 7
Daniel 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 8 →
1
Mootiin Baabiloonii Bilxaasoor mooyee woggaa jalqabaatitti uduu inni siree ufii irra ciiseeru Daani'eel eebju'uu fi mudhata arge; achiin maayessa eebjuu eebjote san hin barreesse.
2
Inni akkana jedhe, «Ani Daani'eel bubbeen gara arfaniinuu ka'e hennaa galaana raasu halkan mudhataan arge.
3
Bineensi afurii ka bifa gara garaa qaban hennaa galaanaa bayan arge.
4
Bineensi jalqabaa leenca fakkaata; inni koola akka allaattii bajja jedhamuu qaba; uduma ani isa laalu koolli isaa irraa bubuqqa'e; bineensi sun ol ka'ee akkuma nama miila lamaan dhaabate; sammuun namumma'aallee hin kennameef.
5
Bineensa lammeesso'oo akka luka Doobba'aa lutti isaa gabaabaa ilkaan ufiitiin lafee cinaachaa sadihi ciniinee qabateera dubbii ‹Ati foon haga barbaadde nyaadhu› jedhutu isatti himame.
6
Uduu ani waan kana laala'aaru bineensi biraa ka qeerransa fakkaatu baye; inni koola akka koola simbirranii afur dudda ufii irraa qaba; mataa afur qaba; baalliin bulchiinsaa hin kennameef.
7
Achiin maayessa bineensa arfeesso'oollee hin arge, inni jabaa guddisee nama sodaachisu; bineensi kun ilkaan sibiilaa guddaa ittiin waa cicciruu fi caccabsuun qaba; waan hafe garuu lukaan irra deema'aa ture; bineensa kaawwan maraa keessaa inni bineensa addaa ka gaafa kudhanii qabu.
8
Uduu ani waan gaafa isaa dhudhuma'aaru gaaffan isaa jiddu'uu gaafni diqqaan biraa ol baye; gaafa sanii bakka kennu'uufiif gaaffan sadiin duraanii buqqa'an; gaafni diqqaan kun ija akka ija namaatii fi afaan boona dubbatuun qaba.
9
Uduu ani laalu teessoowwan ulfinnaa badhifaman; ka dur ture sun teessoo ulfinnaa ufii irra taa'e; uffanni isaa akka barada'aati; rifeensi mataa isaa akka biqiltuu suufi'ii adi'i; teessoon isaa ka ulfinnaatii fi teessoon isaa ka akka miila korbo'oo akka ibidda bobawuutitti mallisa.
10
Burqaan ibiddaa kolba teessoo ulfinnaa isaatii burqa; inni tajaajiltoota kumaatamatti laakkayaman qaba; maleekkonni kumaatamatti laakkayaman isa afoo dhaabataniiran; dhaddachi murti'ii jalqabame; kitaabbanillee hin banaman.
11
Ani laagaa uf jaju'uu ka gaafni dubbatu dhagayee laale, ani uduu isa laala'aaru bineensi haga qabamee ajjeefameen maayessa ibiddatti gatamee akka qaamni isaa gubatee badu taasifame.
12
Baalliin bineensota kaawwaniillee harkaa fudhatame; garuu akka hennaa murtaayeef jiraatan isaanii eeyyamame.
13
Halkan mudhataan waan ilma namaa fakkaatu ka duumessa sami'iitiin marfamee dhufu arge; isa gara hulee baraa haga bara baraa afoo fidan.
14
Baniin biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan akka isa tajaajilan baalliin, ulfinnaatii fi mootummaan kennameef; bulchiinsi isaa ka baraa haga bara baraa hin banne; mootummaan isaa dhuma hin qabu.
15
Ani Daani'eel mudhata argeen hucuucamee keessi kiyya na raafame;
16
Worra achi dhaabataniiran keessaa gara nama tokkoo siiqee hiikka dhuga'aa ka waan kana maraa isa gaafadhe; inni hiikkaa waan kanniin maraatuu natti hime.
17
Inni akkana naan jedhe, «Bineensonni arfan gugurdaan kunniin mootota arfan lafa kana irratti mooyan.
18
Woyyoonni Rabbii maraa olii ammo mootummaa kana dhaalanii baraa haga bara baraa ka ufii taasifatan.»
19
Achiin maayessa bineensota maraa keessaa bineensa addaa ka arfeesso'oo san maraa caalaa beekuu barbaada; bineensi kun ka guddisee nama sodaachisu, dhadhoolee waan arge maraa ilkaan ufii ka sibiilaa fi sibiila diima'aatiin caccabsee mummuree ka nyaatuu fi ka waan hafe luka ufiitiin irra deemu ture.
20
Ani ammallee waan gaafa kudhanii ka mataa bineensaa kana irra jiru waan gaafa diqqaa maayessa bayee akkasuma waan gaafa sadiinii ka gaafa diqqa'aaf hulee kennu'uuf buqqa'anii beekuu barbaadan; gaafni diqqaan kun ijaa fi afaan qaba; inni kaawwan caalaa ka nama sodaachisuu fi ka uf jaju'uun dubbatu.
21
Uduu ani isa laala'aaru gaafni diqqaan sun woyyoota Rabbiitiin lolee isaan mooyate.
22
Wonti kun ka ta'e haga guyyaa ka baraa haga bara baraa jiraatu dhufee woyyoota Rabbii maraa oliitii murtii kennuuf; hennaan woyyoonni mootummaa isaa dhaalan hin gaye.
23
Inni hiikkaa isaa Bineensa arfeesso'oo mootii arfeesso'oo ka biyya irratti moowu; mootiin kun mootummoota kaawwaniin waan adda ta'eef biyya maraa qabatee gad qabee hunnaan bulcha.
24
Gaafni kudhanii mootota kudhanii ka mootummaa san keessatti mooyan; achiin maayessa mootiin mootota duraa caalu mooyee mootota kudhan keessaa mootota sadihii gara galcha.
25
Inni Rabbii maraa oliititti uf jaju'uun dubbata; woyyoota Rabbii maraa oliillee hin rakkisa; ayyaannan woyyoomanii fi seerallee jijjiiru'uuf karoorfatan; woyyoonni woggaa sadihii fi ji'a jahaa baallii isaa jala jiraatan.
26
Achiin maayessa inni teessoo murti'ii qopheeffata; inni baalliin mootummaa isaa harkaa fudhatamee baraa haga bara baraa bada.
27
Baalliin mootumma'aa ka sami'ii gad jiru maruu lafa woyyoota Rabbii maraa oliitii kennama; baalliin mootummaa isaanii baraa haga bara baraa jabaatee jiraata; mootonni biyya adunya'aa maruu isaanii ajajama'aa isaan tajaajilan› » jedhee natti hime.
28
Hiikkaan eebju'uu kana irratti raawwata; ana Daani'eeliin yaanni kun guddisee na sodaachise; waan guddisee nayeef fuulli kiyya gurraachate; ani garuu waan maraa garaa kiyya keessatti dhossee qabadhe.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12