bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 8
Daniel 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 9 →
1
Bilxaasoor mooyee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'eel mudhata biraa ka armaan dura argeen addaa arge.
2
Ani qachaa Suusa'aa ganda dhaga'aan ijaaramte keessatti mudhataan uf arge; ani hennaa san laga Ulaayii ladda dhaabadhee ture.
3
Qaccee laga sanii biratti korbeessa hoola'aa ka gaafa dhedheeraa lamaa qabu arge; gaafa lamaan kanniin keessaa tokkichi ka turee baye yoo ta'ellee inni gaafa kaan caalaa dheera'a.
4
Hoolaan sun gaafa saniin nama woraanu'uuf gara dhiya adu'uu, gara kaabaatii fi gara kibbaa uduu shulu arge; ka danda'ee isa afoo dhaabatu yookaan bineensi isa jalaa dheessee bayu hin jiru; inni waan ufii barbaade maraa godha; ka duraa caalaa jabaata'aa deeme.
5
Ani uduu mudhata kana dhudhuma'aaru korbeessi re'e'ee ka ija isaa lamaan jiddu'uu gaafa guddaa qabu biyya keessa lufee uduu miilli isaa lafa hin tundhe gara dhiya adu'uutii barara'aa dhufe.
6
Inni gara hoolaa gaafa lamaan qabuu ka uduu inni laga ladda dhaabateeru ani argeen guddisee lola'aa itti dhufe.
7
Gara hoola'aa hennaa dhiyaatu arge; inni hoolaa saniin lolee gaafa isaa lachuu jalaa caccabse; hoolaan sun hunna isa jala dhaabatuun hin arganne; kanaafuu re'een lafatti gad kuffisee isa irra deeme; ka isa harkaa isa baasullee hin turre.
8
Korbeessi re'e'ee sun jabata'aa deeme; inni waan guddisee jabaateef gaafa korbeessa hoola'aa ka dura jabaa ture san jalaa cabe; hulee gaafa cabee sanitti gaafa gugurdaa afurtu bayeef; gaafni arfanuu gara kallattii arfanii laala.
9
Gaafa arfan kanniin keessaa gaafa tokkocha irratti gaafa biraa diqqa'atu baye; hunni gaafa diqqaa sanii gara kibbaa, gara baya adu'uutii fi gara lafattii michu'uu babadhate.
10
Inni haga duultota sami'ii ol guddatee guddisee jabaate; isaan keessaa hagoo lafa buusee irra deeme.
11
Inni bulchaa duultota sami'iitiinillee hin morke; ciincaan guyya guyya'aan isaa dhiyaatu akka hafu godhee hulee woyyuu batteesse.
12
Sababaa hammeennaatiif duultonninii fi ciincaan hennaa maraa dhiyaatu isaa kenname; inni dhugaa gubba'aa gad darbe; wonti inni hojjatu maruu isaa ta'e.
13
Achiin maayessa hennaa woyyuun tokko dubbatu dhagaye; woyyuun biraa ammo woyyuu dubbate kanaan, «Wonti mudhataan argaman kunniin yoomiin raawwataman? diddaan badii fidu bikka ciincaa hennaa maraa dhiyaatu haga yoomii bakka bu'a? manni woyyuunii fi duultonni sami'ii dabarfamanii kennamanii dhiitama'aa jiraatan haga yoomiiti?» jedheen.
14
Woyyichi gaafatamellee «Guyyoonni ciincaan ganamaatii fi ciincaan galgalaa itti hin dhiyaanne kuma lamaa fi dhibba sadihi; achiin maayessa manni woyyuun hin qulqullaaya» jedhee hennaa deebisu dhagaye.
15
Ani Daani'eel uduu hiikkaa mudhata kanaa dhudhuma'aaru dimmaa qaamni akka bifa namaa fakkaatu na afoo dhaabate.
16
Laga Ulaayii gamaa laagaa namaa ka ‹ati Gabri'eel! akka namni kun hiikkaa mudhataa hubatu godhi!› jedhu dhagaye.
17
Hennaa Gabri'eel dhufee na bira dhaabate; ani nayee lafatti gad kufe; inni ammo, «Ati ilma namaa! mudhanni waan bara dhuma adunya'aa akka ta'e hubadhu» naan jedhe.
18
Ani uduu inni dubbata'aaru uf wollaalee lafatti gad kufe; inni ammo na qaqqabee lafaa kaasee na dhaabsisee,
19
Akkana naan jedhe «mudhanni waan bara dhuma adunya'aa mudhisu waan ta'eef guyyaa lolaa maaltu akka ta'u sitti hima.
20
Korbeessi hoola'aa ka gaafa lamaa qabu mootota Meedooniitii fi mootota Faarisii mudhisa.
21
Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii mudhisa; gaafni guddaan ija lamaan jidduu jiru ammo mootii Giriikii ka jalqabaa mudhisa.
22
Gaafni arfan hennaa gaafni jalqabaa caban bayan akka mootummaan sun bakka afuritti qoodaman mudhisa; mootonni maruu akka mootummaa jalqabaa jabaa akka hin taane mudhisa.
23
Barri mootummaa mootota sanniinii hennaa dhumatu mootii gar jabeessaa fi dhartichatu mooya.
24
Mootichi kun guddisee jabaata; ammo hunna ufiitiinii miti; inni badii guddisee nama jibbisiisu raawwata; wonti inni hojjatu maruu hin ta'aaf; inni namoota jajjaba'aa fi banii woyyoome irratti badii fida.
25
Inni guddisee waan dharticha ta'eef sobaan durooma; inni waan maraa caalaa ol uf qaba; inni namoota hedduu uduu uf hin seerre ajjeesa; guddaa gugurdootaallee hin qora; dhuma irratti inninuu ufumaan bada; hunna namaatiin hin badu.
26
Mudhanni waan ciincaa ganamaatii fi waan ciincaa galgalaa sun dhuga'a; inni «ati mudhanni kun hennaan raawwatamu fagoo waan ta'eef uduu ifa hin baafne garamatti qabadhu» naan jedhe.
27
Ani Daani'eel guddisee waan dadhabeef na dhukkubee guyyaa hedduu ciise; achiin maayessa ka'ee hujii mootichi irratti na ramade hojjachuu jalqabe; mudhata argetti guddisee hucuucamee hubatuu dadhabe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12