bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 3
Daniel 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 4 →
1
Mootichi Nabukadanatsoor fakii worqi'ii ka dheerinni isaa ciqilee jahaatamaa, ka dalgi isaa ciqilee jahaa gayu hojjachiise; bulchiinsa Baabiloonii keessa raasaa Duura'aa keessa fidee dhaabsise.
2
Guyyaa eebbaa ka fakiin sun itti dhaabate kabajju'uuf worra biyya bulchan, worra baallii qaban, worra muudaman, worra gorsa kennan, worra baallii qaban ka naannoo gara garaa jiran maraa waamsise.
3
Worri baallii qaban kunniin maruu ayyaana eebbaatiif wol gayanii tokkumma'aan fakii afoo dhaabatan.
4
Hennaa san namni labsii labsu tokko laagaa ufii ol qabatee, «Isin baniin biyya gara garaatii dhuftanii fi gofti afaan gara garaa dubbattan!
5
Hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu ka Masiinqo'oo, kiraaraa, meeshaa faaru'uu ka laagaa gara garaa kennu, laagaa boobaa afuufamuutii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan kuftanii akka fakii mootichi Nabukadanatsoor dhaabee sagaddan ajanyi isinitti bayeera.
6
Namni fakii sanii kufee hin saganne yoo argame yoma san goola ibidda bobawuutitti gatama» jedhe.
7
Kanaafuu namoonni maruu, baniin biyya gara garaatii dhufanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka laagaa gara garaa kennuu, laagaa boobaa sagalee afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhagayan gad kufanii fakii worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor dhaabe sanii sagadan.
8
Hennaa san ogeeyyiin Baabiloonii gariin dhufanii worra Ayihuudi'ii himatan.
9
Isaan mootii Nabukadanatsooriin, «mootii keenna! baraa haga bara baraa jiraadhu!
10
Mootii keenna! ati akka fakii worqi'iitii hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu, laagaa boobaa afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa worri dhagayan akka kufanii sagadan labsii labsitee turte.
11
Namni kufee hin saganne yoo jiraate goola ibiddaa keessatti akka gatamu ajaja kenniteerta.
12
Amma kunoo worri ati worra godina Baabiloonii keessa jiran akka bulchaniif muudde ka Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo jedhaman, ka worra gosa Ayihuudi'ii ajaja kee hin raawwatan; waaqolee tolfamaa kee hin waaqeffatan, fakii ati dhaabdeefillee hin sagadan» jedhaniin.
13
Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee aaree Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo akka waaman ajaje, isaanillee dhufanii mooticha afoo dhaabatan.
14
Nabukadanatsoor isaaniin, «Isin Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! waaqolee tolfamaa kiyya waaqeffatu'uu fi fakii worqi'ii ka ani dhaabee sagaduu diduun keessan dhuga'aa?
15
Eeganaa isin yoo laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan fakii ani dhabee kuftanii sagaddan misha'a; yoo sagaduu baattan garuu yoosuu boolla ibiddi itti bobawu keessatti gatamtan, Waandhi harka kiyya jalaa isin baasu akka hin jirre beekaa'a» isaaniin jedhe.
16
Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo mootichaan, «Mootii keenna! waan kana irratti deebiin nu'u waan kana uf irraa ittisu'uuf deebisuu nu barbaachisu hin jiru.
17
Waandhi nu tajaajillu ibidda bobawu kanaa fi harka kee jalaallee nu baasuu danda'a;
18
Mootii keenna! yoma inni nu hambisuu baatellee, nu'u waaqolee tolfamaa kee akka hin waaqeffannee fi fakii worqi'ii ka ati dhaabdee akka hin saganne beeki» jedhanii deebisaniif.
19
Hennaa san Nabukadanatsoor Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaago'otti guddisee aaree fuulli isaa jijjiirame; kanaafuu inni goolli ibiddaa ka qaraa caalaa akka dachaa torbaa bobawu ajaje.
20
Inni loltoota keessaa namoota jajjabaa jara sadiin sanniin boolla ibiddi itti bobawu keessatti akka isaan gatan ajaje.
21
Kanaafuu isaan uduu uffata, qambisaa, surre'ee fi wonti mata'atti maratan maruu hin hafne akkuma uffataniin hidhanii goola ibiddi itti bobawu keessatti isaan gatan.
22
Mootichi ibiddi akka guddisee bobawu ajaja jabaa kennee waan tureef namoota Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo ibiddatti gatan sanniin arrabni ibiddaa isaan ajjeese.
23
Jarri sadiin sunniin ammo akkuma guddisanii hidhamanitti goola ibidda bobawuu keessa bu'an.
24
Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor maalala'aa daddafee ka'ee, «Namoonni hiinee ibidda keessatti darbine sadiin calla'aa mii?» jedhee worra gorsan kennaa gaafate; isaanillee «Ee mootii keenna!» jedhaniin.
25
Mootichi, «Ani namoota afurii ka hidhaan isaanii hiikkamee ibiddi isaan hin gubne ka achi keessa deddeema'aaran arga'aara; ka arfeesso'oo ammo ilma waaqole'ee fakkaata» jedhe.
26
Nabukadanatsoor gara goola ibiddi itti bobaya'aaruu dhiyaatee, «Isin worri Waaqa guddaa tajaajiltan Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! baya'aa as koottaa'a!» jedhee isaan waame; isaanillee ibidda keessaa bayan.
27
Achiin maayessa worri biyya bulchan, worri baallii qabanii fi worri gorsa kennan maruu naannaya isaaniititti wol gayan; isaan akka ibiddi nafa isaanii hin miine, rifeensa mataa isaanii keessaa takkattiinillee akka hin gubanne, bifti uffata isaanii akka hin jijjiiramnee fi ka biraatuu dhiisii foolimmaan aara ibiddaatuu akka isaan hin tundhe argan.
28
Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo galanni haa gawu! inni ergamaa ufii ergee tajaajiltoota ufii kanniin hambiseera; isaan Waaqa ufii abdatanii isaa saganna malee waaqolee biraatii hin sagannu; jedhanii ajaja mooti'ii didanii jireenna ufii balaa irratti gatanii turan.
29
Waaqa kana malee Waandhi biraa ka akkanatti nama hambisu hin jiru; kanaafuu banii biyya maraa keessa jiraatanii fi worra afaan gara garaa dubbatan keessatti namni Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo arrabsu akka nafti isaa cicciramee gatamuu fi akka manni isaallee diiggamee tuulaa kosi'ii ta'u labsa» jedhe.
30
Mootichi haga waan kana labseen maayessa Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo bulchiinsa Baabilooniititti kabajjee isaan muude.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12