bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 6
Daniel 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 7 →
1
Daariyoos bulchiinsa mootummaa ufii irratti akka bulchan namoota dhibbaa fi diddamaa muuduu barbaade.
2
Ammallee eda'ee worra mootichatti dhiyaatanii akka womaa isa jalaa hin hanqannee fi akka worra biyya bulchan tooyatan Daani'eelii fi namoota biraa lamaan file.
3
Daani'eel akka dandeettii huji'ii guddaa ka addaa qabu worra biyya bulchan kaawwanii fi worra baallii qaban maraa akka caalu huji'iin mudhise; kanaafuu mootichi mootummaa ufii maraa irratti bulchaa godhee isa muuduu barbaade.
4
Achiin maayessa worri kuuwwan ka biyya bulchanii fi worri baallii qaban yakka waan Daani'eel hojjatu hujii mana mootumma'aa irratti isa himatu'uuf sababaa irra soqa'aa turan; Daani'eel ammo nama uf eeguu fi amanamaa waan tureef dogoggora yookaan yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne.
5
Kanaafuu isaan «Waan seera Waaqa isaatii achi waan Daani'eeliin ittiin himannu yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne» woliin jedhan.
6
Kanaan maayessa worri biyya bulchanii fi worri baalii qaban tokko ta'anii gara mootichaa dhaqanii «mootii kenna Daariyoos! ati baraa haga bara baraa jiraadhu!
7
Nu'u worri mootummaa kee keessatti ramadamnee baallii guddaa qabnu Abukaatoon seeraa, abboonni halange'ee nu'u worri akka keetii worri gorsa kenninuu fi worri biyya bulchinu yaada woyii irratti wolii galle, kunillee amma irraa jalqabee haga guyyaa soddomaa yoo si kadhatan malee Waaqa biraa, yookaan nama biraa akka hin kadhanne akka labsii labsisiiftuuf, namni seera kana diigu yoo jiraate akka boolla leencotaatitti gatamu ajaji.
8
Eeganaa mootii keenna! seerri kun akka seera Meedooniitii fi akka seera Faarisii jabaa hin jijjiiramnee akka ta'u mallatteessi» jedhaniin.
9
Akkaataa kanaan mootichi Daariyoos seera san mallatto'oon cimse.
10
Daani'eel yoma seerri akka itti mallatteeffamee mirkanaaye beekellee gara gamoo irra jiraatuu ol baye; foddaawwan gamoo sanii kolba Yerusaalemiitiin bana'a; inni akkuma tanaan dura godha'aa ture jilbiiffatee Waaqa ufii galatoonfata'aa guyyaa keessa harka sadihii kadhata'aa ture.
11
Worri wolta'anii isatti ka'an kunniin tokkumma'aan gara isaa dhaqanii uduu Daani'eel uumaa ufii kadhata'aaru isa argan.
12
Isaan maruu woliin gara mootichaa dhaqanii akkana jedhanii Daani'eeliin himatan, «Daani'eel waan seera baye diigeef mootii keenna; ati seera namni tokkollee haga guyyaa soddomaa yoo gara kee ta'e malee Waaqa biraa yookaan nama biraa kadhate akka boolla leencotaatitti gatamu seera baaftee irratti mallatteessitee hin turree?» jedhaniin. Mootichi, «Ee ani seera akka seera Meedooniitii fi Faarisii jabaa hin jijjiiramnee baaseera» jedhe.
13
Isaanillee, «Eeganaa mootii keenna! Daani'eeliin worra booji'amee ka Yihuuda'aa si hin kabajju; seera ati labsitee irratti mallatteessite diigee guyyaa keessa harka sadihii Waaqa ufii kadhata» jedhaniin.
14
Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee gaddee Daani'eeliin hambisu'uuf murteesse; haga aduun dhiitutti isa hambisu'uuf mala hambisuun maraa soqa'aa ture.
15
Namoonni maruu tokkumma'aan gara mootichaa dhaqanii «Mootii keenna! akka seera Meedooniitii fi seera Faarisiititti seerri mootiin tokko baase yookaan ajajnyi inni dabarse akka hin jijjiiramne beeki!» jedhaniin.
16
Kanaafuu mootichi Daani'eeliin qabanii fidanii akka boolla leencotaatitti gatan ajaje; Mootichi Daani'eeliin, «Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu si haa oolchu» jedheen.
17
Afaan boollaa dhaga'aan cufan; namni tokkollee akka Daani'eliin hambisu'uuf hin badanne mootichi chaapaa mootummaa ufiitii fi chaapaa worra isa jalatti bulchaniitiin chaappeesse.
18
Mootichi gara mana mootummaa ufii deebi'e; womaa hin nyaanne, wonti isa barbaachisu akka hin dhiyaanneefiif halkan guutuu uduu hin rafne bule.
19
Ganamaan mootichi hennaa lafti gagaarrattu ka'ee ariifatee gara boolla leencotaa dhaqe.
20
Haga achi gaye laagaa gaddaatiin, «Daani'eelii tajaajilaa Waaqa jiraata'aa! Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu afaan leencotaatii si hambisuu danda'eeraa?» jedhee isa waame.
21
Daani'eelillee, «Mootii kiyya! baraa haga bara baraa jiraadhu!
22
Akka leenconni na hin miine Rabbi maleekkaa ufii ergee afaan leencotaa cufe; inni wonti kana godheef ani afoo isaatitti mudaa waan hin qabnee fi sillee akka hin yakkine waan beekeef» jedhee deebiseef.
23
Mootichi guddisee gammadee akka Daani'eeliin boolla leencotaatii baasan ajaje; hennaa isa baasan akka inni Rabbiin hedatee akka miidhaan tokkollee isa irra hin geenne argan.
24
Achiin maayessa mootichi worra Daani'eeliin himatan qabanii akka fidan ajaje; inni akka isaan haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii woliin qabamanii boolla leencotaatitti gataman taasise; uduma isaan lafa hin geenne, leenconni isaan cicciranii lafee isaaniillee caccabsan.
25
Achiin maayessa mootichi Daariyoos banii biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gosa afaan gara garaa dubbatanitti ergaa barreeffamaa Nageenni isiniif haa ta'u
26
Baniin mootummaa kiyya keessa jiraatu maruu Waaqa Daani'eelii akka sodaatanii fi akka kabajjan labsee ajajeera; Inni Waaqa jiraata'aa fi ka baraa haga bara baraa jiraatu; mootummaan isaa hin badu; mootummaan isaa dhuma hin qabu.
27
Inni nama oolcha; nama hambisa; inni ardi'ii fi sami'itti waan maalale'eetii fi waan baasaa hojjata; Daani'eeliin afaan leencotaatii hambiseera» jedhu dabarse.
28
Daani'eel bara mootummaa Daariyoosii Faarisiitii fi Qiroosii maraa kabajjamee jiraate.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12