bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 12
Daniel 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
1
Maleekkaan mudhata naa ibse deebi'ee akkana naan jedhe, «Bulchaan maleekkotaa guddaan Mikaa'el ka banii kee eegu hennaa san hin mudhata; hennaa fiixaan namaa uumame irraa jalqabee rakkoo guddaa mudhatee hin beennetu ta'a; garuu hennaa san baniin biyya keetii ka maqaan isaanii kitaaba Rabbii irratti barreeffame hin fayyan.
2
Worri du'anii lafa jala jiran maruu hin ka'an; isaan keessaa gariin yoo gara jireenna bara baraa seenan gariin gara saalaa fi salphinna baraa haga bara baraa ergaman.
3
Hennaa san ogeeyyiin akka ifa sami'iititti ifan; worri namoota hedduu barsiisa'aa karaa hamaa irraa gara hujii misha'aa deebisan maruu akka urjii sami'ii baraa haga bara baraa ifan.»
4
Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Daani'eel! haga dhumti adunya'aa dhufutti kitaaba cufii kaayi; dubbii raagaallee dhossii kaayi; hennaa san namoonni hulee tokkoo gara hulee tokkoo deeman waa qoruunii fi waa beekuun hin baay'ataa.»
5
Achiin maayessa namoota lamaa ka laga gamaa fi gamana dhaabataniiran arge.
6
Isaan keessaa tokko uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee maleekkaa qaccee lagaa gubaa dhaabateeruun «wonti nama maalalchiisu kun raawwatu'uuf hagam tura? jedhee isa gaafate.
7
Maleekkaan uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee qaccee lagaa gubba'aan dhaabateeru harka ufii lamaan gara sami'ii ol badhisee «maqaa Waaqa baraa haga bara baraatii woggaa sadihii fi ji'a jahaa tura; rakkoon banii Rabbii irra gayu hennaa dhaabate wonti kunniin maruu hin raawwatama» jedhee kakate.
8
Ani waan maleekkaan dubbate maraa hin dhagaye; ammo naa hin galle; kanaafuu «Gooftaa kiyya! bu'aan waan dhuma maraatuu maal ta'inna?» jedhee isa gaafadhe.
9
Innillee, «Daani'eel! haga dhumti adunya'aa gawuuf dubbiin dubbii raagaa dhossaa ta'ee waan turuu barbaachisuuf ati ka'ii deemi.
10
Namoonni hedduu gingilfamanii qulqullaayanii bayanii worra mudaa hin qabne ta'an; worri hammeeyyiin ammo womaa waan hin qaabanneef hammeenna irratti hammeenna eda'a'aa deeman; worri dandeettii waa hubatu'uu qabaatan ogeeyyii calla'a.
11
Hennaa ciincaan hennaa maraa dhiyaatu akka addaan citee battummaan badi'ii badaan raawwatamu godhame irraa jalqabee guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi sagaltamatu lufa.
12
Guyyoonni kuma tokkoo fi dhibba sadihii fi soddomii shanii haga lufanitti namni amantii ufii eeggatee jiraate eebbifama'a.
13
«Atillee Daani'eel! haga dhumaa amanamumma'aan jabaadhuu jiraadhu; achiin maayessa hara baafattaa; akkaataa kanaan yoo duute du'aa kaatee guyyaa dhumaatitti gatii ulfinna keetii argattaa» jedhee naa deebise.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12