bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 5
Daniel 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 6 →
1
Gaaf tokko mootichi Bilxaasoor worra baallii qaban ka kumaatamatti laakkayamaniif affeerraa guddaa qopheessee isaan woliin daadhii woyini'ii dhuga'aa ture.
2
Uduu daadhii woyini'ii dhuga'aaran mootichi Bilxaasoor daadhii woyini'ii dhugee hennaa itti oo'e xuwweewwan worqi'ii fi meetii irraa hojjataman ka abbaan isaa Nabukadanatsoor mana woyyuu Yerusaalemiitii fide akka fidan tajaajiltoota ufii ajaje; mootichi wonti waan kana godheef isaa fi worri baallii qaban, haawwonni manaa isaatii fi dubartoonni inni mata gala itti galu akka xuwweewwan sanniiniin dhugan barbaadeeti.
3
Tajaajiltoonni isaa xuwweewwan worqi'iitii fi ka meeti'ii sanniin ka mana woyyuu Rabbii ka Yerusaalemiitii fudhatame san yoosuu fidan; mootichi, worri baallii qaban, haawwonni manaa isaatii fi dubartoonni inni mata gala itti galu xuwweewwan kanniinitti daadhii woyini'ii dhugan.
4
Waaqolee tolfamaa worqii, birrii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa hojjatamanillee hin galatoonfatan.
5
Qubbiin qaba harka namaa fakkaatu dimmaa mudhatanii kolba baattuu ibsa'aa ka mana woyyumma'aatiin dhaaba manaa ka mana mootumma'aa irratti barreessuu jalqaban; mootichi uduu qubbiin sunniin barreessan arge.
6
Yoma san fuulli isaa jijjiirame; waan guddisee nayeef jilbi isaa hollate; nafti isaa wol gad dhiise.
7
Inni worra asmaa katabu, worra moruu fi worra urjii laakkayanii waa himan akka gara isaa fidan hincinnaayee ajaje; isaanillee hennaa waamanii dhufan mootichi, «Namni barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti hime uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffata; badhaafni worqi'iillee hin kennamaaf; inni mootummaa kiyya keessatti baallii argatee nama sadeesso'oo ta'a» jedhe.
8
Ogeeyyiin gara mootichaa dhiyaatanii garuu isaan keessaa namni barreeffama san dubbisee hiikkaa isaa ibsuu danda'e tokkollee hin jiru.
9
Mootichi Bilxaasoor waan guddisee hucuucameef fuulli isaa ta qaraa caalaa gurraachate; worri baallii qaban wonti kun faallaa isaanitti ta'ee waan godhan dhaban.
10
Haati mootichaa ta dur mootittii turte woca mootichaatii fi ka worra baallii qabuu dhageettee gara hulee affeerraan jiruu san ol seentee mootii kiyya! baraa haga bara baraa jiraadhu! waan kana irratti hagana mara hucuucamtee fuulli kee gurraachatuu hin barbaachisu.
11
Mootummaa kee keessa nama hafuurri waaqolee woyyu'uu irra jirutu jira; namni kun bara mootummaa abbeetii akka waaqole'ee nama beekkumsa, ogumma'aa fi hubannaa qabu ta'ee argameera; sababaa kanaaf abbaan kee mootichi Nabukadanatsoor isa bulchaa worra moranii, worra asmaa katabanii, worra ogeeyyi'iitii fi worra urjii laakkaya'aa waa himanii taasisee muudee ture.
12
Inni ogeessaa fi nama qaroo mala beeku, ka eebjuu hiiku, ka hibboo hiikuu fi ka waan dhossa'aa maraa ifa baasee namatti himuu danda'u; kanaafuu nama san ka abbaan kee Nabukadanatsoor Bilxaasoor jedhee maqaa itti baase Daani'eeliin waamsisi inni waan kana maraa hiikee sitti himaa» jette.
13
Hennaa san Daani'eel yoosuu gara mootichaa dhufe; mootichi isaan akkana jedhe, «Worra Yihuuda'aa keessaa ka abbaan kiyya Nabukadanatsoor booji'ee fide namni Daani'eel jedhamu si'ii?
14
Ani akka hafuurri waaqolee woyyu'uu si irra jiruu fi nama qaroo mala beeku ka beekkumsinii fi ogummaan kennameef akka taate dhagayeera.
15
Ani ogeeyyii gorsa kennanii fi worra asmaa kataban maruu akka barreeffama kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif waamamanii gara kiyya dhufanii turan; garuu isaan hiikanii naa ibsuu hin dandeenne.
16
Ati ammo waan dhossa'aa akka hiittuu fi waan nama rakkisu maraa dandeetti hiiku'uu akka qabdu dhagayeera; kanaafuu ati barreeffama kana dubbiftee hiikkaa isaa yoo natti himte akka ati uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffattu, badhaasa worqi'ii akka mormatti godhattuu fi baallii mootummaa kiyyaa keessatti nama sadeesso'oo akka taatu si taasisa» jedheen.
17
Daani'eelillee, «mootii kiyya! kennaan sun keetuma haa ta'uu; badhaasallee nama biraatii kenni; ani garuu barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa sitti hima.
18
Mootii kiyya! Rabbiin maraa olii abbaa kee Nabukadanatsoorii mootummaa'a, guddinna, ulfinnaa fi jabeenna kenne.
19
Inni waan guddisee gurra bayeef baniin biyyoota gara garaa keessa jiraatanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu sodaatanii isa afo'otti hollata'aa turan; inni ka barbaade ajjeesuu hambisuu muudu'uu fi ka hin barbaanne ammo buusuu danda'a ture.
20
Garuu inni hennaa ka uf jaju, morkata'aa fi gar jabeessa ta'e ulfinninii fi baalliin isaa isa irraa fudhatamee teessoo ulfinnaa irraa bu'e.
21
Banii keessaa hin ari'ame, yaada namumma'aa keessaa bayee akka bineensaa ta'e, akka sanga'aatittillee marga dheeda'aa harriin diidaa woliin akka jiraatu taasifame, hulee itti quphatu dhabee fixeensa sami'iitiin nafti isaa shame; sababaan wonti kun ta'eef akka Rabbiin maraa olii mootota maraa irratti baallii qabuu fi mootummaa maraa nama barbaadee akka kennuu danda'u haga hubatu'uuf.
22
Atillee Bilxaasoor ilma isaa taatee waan kana maraa uduu beettu gad uf qabdee gara laafummaa hin mudhifne.
23
Ati siri'ii Waaqa sami'iititti boontee ol uf qabde; meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessaa saamamanii dhufan fuusiftee atii fi worri baallii qaban, haawwonni manaa teetii fi dubartoonni ati mata gala itti galtu ka daadhii itti dhugan gootan; haga dhuddaniin maayessa waaqolee tolfamaa arguu yookaan dhagawuu hin dandeenne ka woma tokkollee hin beenne ka worqi'ii meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi ka dhagaa irraa hojjataman galatoonfattan, Waaqa jiraataa ajjeesuu yookaan fayyisuu danda'uu fi ka jireenna kee tooyatu ammo hin kabajjine.
24
Eeganaa sababaan Rabbi qubbiin quba harka namaa fakkaatu ergee akka jechoota kanniin barreessan godheef kanaaf.
25
Dubbifni barreeffamaa maanee! maanee! Teeqeel! ufaarsiin› jedha.
26
Hiikkaan isaallee akkana; Maanee jechuun ‹Rabbi bara mootummaa keetii laakkayee akka dhumatu taasise› jechu'u.
27
Teeqeel jechuun ‹Madaalaan madaalamtee salphattee argamte› jechu'u.
28
Faariis jechuun ‹Mootummaan kee qoodamee namoota Meedooniitii fi namoota Faarisiitii deebisee kenne› jechu'u.
29
Achiin maayessa Bilxaasoor yoosuu akka Daani'eelitti uffata ulfinnaa uwwisan, badhaasa worqi'ii akka mormatti isaa godhanii fi baallii mootummaa ufii keessaa akka inni nama sadeesso'oo ta'u taasisanii akka isa muudan labsi'iin ajaje.
30
Halkanuma san mootii Baabiloonii Bilxaasooriin ajjeesan.
31
Hennama san Daariyoosiin worra Meedoonii ka umuriin isaa woggaa jahaatamii lamaa mootummaa isaa dhaale.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12