bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 9
Daniel 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 10 →
1
Daariyoos ilmi Arxekisisii gosa Meedoonii Baabilooniin irratti mooye.
2
Inni mooyee woggaa jalqabaatitti ani Daani'eel kitaabbilee woyyuu laala'aa akkaataa Rabbi Ermiyaasii raattichatti dubbateen Yerusaalem diiggamtee tuulaa waan diiggamee taatee hennaan jiraattu woggaa torbaatamaa akka ta'e beeke.
3
Ani uffata gaddaa uffadhee daaraa irra taa'ee kadhatu'uuf fuula kiyya gara Rabbii Gooftaa kiyyaa deebise.
4
Ani Rabbii Waaqa kiyyatti cubbamaa ta'uu himata'aa «Ati worra si jaalatanii fi worra ajaja kee eeganii waadaa keetii fi jaalala kee ka baraa haga bara baraa isaanii eeddu; guddaanii fi ka sodaatamuu barbaachisu si'i; Rabbii Gooftaa keenna,
5
nu'u ammo hammeeyyi'ii fi worra dhibu taanee cubbuu hojjannee si yakkineerra; seeraa fi ajaja kee raawwachuu dhiifnee lash jenneerra.
6
Nu'u mootota, bulchoota, abboota teenna ta duriitii fi raattota tee ta maqaa keetiin banii lafa irra jiran maratti dubbatan hin dhageenne.
7
Yaa Gooftaa'a! ati Waaqa dhuga'aati; nu'u ammo siif amanamtoota ta'uu dhiifnaan nu baniin Yihuuda'aa worri fago'oo fi dhiyoo jirru ka ati biyya maraa keessa bittinneessite, nu'u worri Yerusaalemiitii fi baniin Israa'elii maruu amma salphinni nu irra gayeera.
8
Gooftaa kiyya! nu maruu waan si yakkineef mootonni teenna, bulchoota teenna, nu'uu fi abboota teenna irra salphinni gayeera.
9
Gooftaa Waaqa keenna! nu'u yoo hagamillee si dhibne ati Waaqa araaraatii fi Waaqa namaa dhiiftu.
10
Rabbii Waaqa keenna! nu'u seera kee eennee worra sii ajajamu hin taane; ajaja karaa raattota tajaajiltoota teetiitiin nu ajajje hin eenne.
11
Worri Israa'elii maruu seera kee diigan; waan ati dubbatte maraa dhagawuu didan; nu'u waan si yakkineef seera abaarsaa ka ati karaa garbicha kee Muuse'etti kaku'uun himte maraa nutti fidde.
12
Rakkinni guddaan nu'uu fi bulchoota teenna irra akka gawu dubbatte maruu akka nu irratti raawwatu goote, kanaafuu biyyoota lafa irra jiran maraa keessaa Yerusaalemiin caalaa ta adabamte sirima hin jirtu.
13
Ati akkaataa seera Muuse'ee irratti barreeffameen rakkoo kana maraa nutti fidde; Rabbi Waaqa keenna! wonti kun maruu ta'ee nu'u cubbuu keenna irraa deebinee dhugaa duukaa bu'a'aa araara si irraa argachu'uuf si hin kadhanne.
14
Rabbi Waaqa keenna! hujiin kee maruu dhuga'a; nu'u ammo waan sii hin ajajamneef ati rakkoo kana maraa nutti fidde.
15
Rabbi Waaqa keenna! ati armaan dura banii kee hunna kee jaba'aan biyya Misiriitii baaftee haga adhaa akka maqaan kee beekkamu gooteerta; nu'u ammo cubbamtootaa fi yakkamtoota taane.
16
Gooftaa kiyya! ati waan hujii balchaa hojjatte maraaf jettee gaara Yerusaalemii woyyicha kee irraa lolaa fi balaa kee akka kaaftu si kadhanna; nu'u sababaa cubbuu keennaatii fi yakka abboota teennaatiif Yerusaalemii fi baniin kee olloota keenna maraa jiddu'utti salphataniiran.
17
Waandhana! ati faate'ee fi kadhaa kiyya naa dhagayi; maqaa keetiif jedhii mana woyyuu keetii garaa laafi;
18
Waandhana! yabo'oo naa dhagayi; rakkoo keennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamtuu laali; nu'u wonti si kadhannuuf araara kee hedanneeti malee hujii keenna misha'aan dhaadata'aatii miti.
19
Yaa Rabbi! nuu dhagayi! Yaa Rabbi! nuu dhiisi! yabo'oo nuu dhagayi! hujii kee mudhisi! Waandhana! hin turin; qachaan tunii fi baniin kun maqaa keetiin waamamanii» jedhee Rabbiin kadhadhe.
20
Ani cubbuu kiyyaa fi cubbuu Israa'elii worra kiyyaa himata'aa waan gaara isaa woyyichaatiif Rabbii Waaqa kiyya afo'otti kadhaa kiyya uduu wol irraa hin kunne kadhadhe.
21
Uduma kadhata'aaru maleekkichi Gabri'eel ka ani jalqaba mudhataan arge gara hulee ani jiruu ariifatee barara'aa dhufe; hennaan sun hennaa ciincaa galgalaa itti dhiyeessan.
22
Inni, «Daani'eel! ani wonti si bira dhufeef akka ati dhossaa raagaa beettu ogumma'aa fi hubannaa sii kennu'uuf.
23
Akkuma ati kadhaa jalqabdeen Rabbi kadhaa kee dhagaye; ati waan isa biratti jaalatamteef deebii kadhaa keetii sitti himu'uuf dhufe; eeganaa waan ani sitti himu caqasii hiikkaa mudhataa hubadhu.
24
Torbaan torba hennaa torbaatamaa jedhame hennaa Rabbi banii keetii fi qachattii woyyoomte cubbu'uu fi waan hamaa jalaa bilisa baasu'uuf murteeffate; yakki namaa dhiifama; murtii haqaa ka baraa haga bara baraatitu baay'ata; mudhanninii fi raanni hin raawwatama; manni woyyuunillee hin haarawooma.
25
Waan kana qalbi'iin hubadhu; hennaa akka Yerusaalem haarawoomtu ajanyi baye irraa jalqabee haga hennaa Masihiin dhufuutitti torbeen torbaa hin lufan; akkasuma torbee jahaatamii lamaa hennaa rakko'oo keessa Yerusaalem, karaan isi'iitii fi boolli isiin diina uf irraa dhooggituun hin ijaarama; ammo kun maruu bara rakko'oo keessa ta'a.
26
Torbee jahaatamii lamaan maayessa Masihicha haqa tokko malee ajjeesan; inni wonti du'uuf waan ufiitiifii miti; loltoonni bulchaa dhufuu mana woyyu'uu fi qachattii diigan; dhumti isaallee akka lola'aatitti dhufa; waan badii labsaniif lolli haga dhumaa wol irraa hin citu.
27
Bulchaan sun torbaan tokkoof banii hedduu woliin waadaa cimaa gala; wodhakkaa torbe'eetitti ciinca'aa fi kennaa hambisa; bikka isaanii battummaa badii fidu akka bakka bu'u taasisa; wonti kun ka ta'u badiin bulchaa hamaa san irratti labsame haga raawwatamuuf.»
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12