bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Daniel 4
Daniel 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 5 →
1
Mootichi Nabukadanatsoor banii adunyaa irra jiraatanii fi gosa afaan gara garaa dubbatan maraaf ergaa kanniin dabarse. Nageenni isiniif haa ta'u!
2
Ani waan maalale'eetii fi hujii baasaa ka Rabbiin maraa olii naa godhe isinitti himuu barbaada.
3
«Maalaleen Rabbi namatti mudhisu attam gudda'a! hujiin maalale'ee ka inni raawwatu maalalchiisa'a! Rabbi baraa haga bara baraa mooti'i, mootummaan isaa dhuma hin qabu.
4
Ani Nabukadanatsoor mana mootumma'aa kiyya keessatti duroomee qanani'ee jiraata'aa ture.
5
Gaaf tokko siree kiyya irra uduu ciiseeru eebjuu nama sodaachisuu fi mudhata nama naasisu arge.
6
Kanaafuu ani akka hiikkaa eebju'uu natti himan ogeeyyii biyya Baabiloonii maraa gara kiyya akka dhufan ajaje.
7
Hennaa worri moran, worri asmaa kataban, worri urjii laakkayanii fi worri mita hojjatan maruu gara kiyya dhufan; ani eebjuu eebjodhe isaanitti hime; isaan garuu hiikkaa eebjuu kiyyaa natti himuu hin dandeenne.
8
Achiin maayessa Daani'eeliin maqaa Waaqa kiyyaa ka Bilxaasoor jedhamuun waamamu na bira seene; namni kun nama hafuurri waaqolee woyyu'uu irra jiru; ani eebjuu eebjodhe akkana jedhee isatti hime.
9
‹Bilxaasoorii bulchaa ogeeyyi'ii ayyaanni waaqolee woyyu'uu waan si irra jiruuf wonti si jalaa dhokatu akka hin jirre hin beeka; amma eebjuu eebjodhe sitti himaa naa hiiki.
10
Ani uduu siree kiyya irra ciiseeru munni guddaan woyii ka bayeeru eebju'uun arge.
11
Qacceen muka kanaa ol dheeratee namoonni adunyaa irra jiran maruu akka arguu danda'anitti haga sami'ii ol dheeratee guddatee jabaate.
12
Baalli isaa lalisee guddisee bareede; daraaraan isaa banii maraa akka gayutti guddisee baay'ate, gaaddifni isaa ka bineensonni maruu jalatti hara baafatan ta'e, simbirran sami'ii haafa isaa irratti qophatanii maandhee ijaaratan ta'ee wonti lubbuu qabu maruu daraaraa isaa nyaata.
13
Ani eebjuu siree kiyya irra ciisee argeen maleekkaa woyyuu waa eegu ka sami'ii bu'u arge.
14
Maleekkaan sun laagaa ufii ol qabatee akkana jedhe; «muka kana muraa'a; haafa isaallee cicciraa'a, baala isaallee irraa xuruuraa'a; daraaraa isaallee irraa harcaasaa'a; bineensonni gaaddisa isaa jala jiran simbirran haafa isaa irra jiranillee haa dheessanii.
15
Gufuu isaa ammo haada sibiilaa fi sibiila diimaa irraa hojjatameen naannaya isaa hidha'aatii lafuma san jalatti dhiisaa'a; akkuma marga lalisaa keessa jiru sanitti raasa'atti akka hafu godhaa'a; Fixeensa sami'iitiin haa shamuu; raasa'atti busaawaa woliin marga dheeda'aa haa jiraatuu.
16
Sammuun namummaa isaa jijjiiramee haga woggaa torbaa akka bineensaatitti haa jiraatuu.
17
Ka murtii kana dabarse maleekkota woyyu'u; sababaan kun ta'eef akka Rabbiin maraa olii mootota lafaa irratti akka baallii qabu namni maruu akka beekuuf; inni nama ufii barbaadeef baallii kenna; worra tuffatamanii baallii kenna.
18
Eeganaa eebjuun ani mootichi Nabukadanatsoor eebjodhe kana; ati Bilxaasoor! hiikkaa isaa natti himi; ogeeyyiin mootummaa kiyya keessa jiran hiikkaa isaa natti himuu hin danda'anii; ati ammo waan hafuurri waaqolee woyyu'uu si irra jiruuf natti himuu hin dandeetta.»
19
Hennaa san Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu waan guddisee nayee jeeqameef hennaa diqqo'oof hin cadhise; mootichillee, «Bilxaasoor! eebjuunii fi hiikkaan isaa si hin rakkisin» jedheen; Bilxaasoorillee mootii kiyya! eebjuunii fi hiikkaan isaa kee ta'uu baatee uduu ka diintota keetii ta'ee silaa hin jaaladha.
20
Ati muka dheeratee qacceen isaa samii bira gaye ka namoonni adunya'aa maruu arguu danda'an mudhata argiteerta.
21
Baalli muka kanaa ka lalisee bareedu ture; daraaraa hedduu baniin maruu nyaachuu danda'u qaba; bineensonni gaaddisa isaa jalatti hulee itti boqatan; simbirranillee haafa isaa irratti maandhee ijaaratanii irra jiraata'aa turan.
22
Mootii kiyya! munni dheeraanii fi jabaan sun si'i; guddinni kee haga sami'ii ol fagaateera; baalliin keellee adunyaa maraa irratti babadhateera.
23
Mootii kiyya! uduu ati argitu ka waa eegu woyyuun tokko sami'ii bu'ee muka san mura'aa balleessaa'a; gufuu isaa ammo haada sibiilaa fi sibiila diima'aan naannaya isaa hidha'aatii achumatti dhiisaa'a, inni lafuma raasa'aatitti marga lalisaa keessa haa taa'uu fixeensa sami'iitiin haa shamuu; jireenni isaa haga woggaa torbaa bineensa bosonaa woliin haa jiraatuu» jedhe.
24
Mootii kiyya! hiikkaan isaa kana wonti Rabbiin maraa olii si'ii mootii gooftaa kiyyaa irratti akka raawwatamuuf murteesse kana.
25
Ati banii keessaa fooyamtee ari'amta; jireenni keellee bineensota bosonaa woliin ta'a; haga woggaan torbaa sun lufutti akka sanga'aa marga dheedda; fixeensa sami'iitiin shamta; sababaan wonti kun maruu si irra gayuuf haga ati akka Rabbiin maraa olii mootota maraa irratti baallii qabuu fi akka inni mootummaa maraa nama barbaadee kennuu danda'u haga hubattuuf.
26
Wonti akka gufuun lafa jalatti hafuuf ajanyi kennameef akka ati akka Rabbi adunyaa irratti baallii qabu haga beetteen maayessa deebitee mootii taatu mudhisa.
27
Kanaafuu mootii kiyya! waan ani si gorsu dhagayi; cubbuu hojjachuu dhiisii hennaa maraa waan mishaa hojjadhu; hammeenna dhiisii namoota hucuucamanii garaa laafi; yoo waan kana goote maal laataa ati nagayaan umurii dheeraa jiraachuu dandeetta ta'aa» jedhee deebiseef.
28
Wonti kunniin maruu mooticha Nabukadanatsooriin irra gaye.
29
Ji'oota kudha lamaan maayessa mootichi gamoo mana mootummaa Baabiloonii keessa jiru irra deddeema'aa ture.
30
Mootichi «Baabiloonii guddoo tana ta mootonni keessa jiraatanii fi qachaa guddoo taatee ulfinninii fi gaachenni kiyya akka keessatti mudhatu ka baallii kiyyaan hojjate anaa mii?» jedhe.
31
Uduu inni waan dubbata'aaru hin findhe laagaa «mootii Nabukadanatsoor! murtii sitti murtaaye dhagayi! amma mootummaan tee si irraa fudhatamteerti.
32
Ati banii keessaa ari'amtee bineensa bosonaa woliin jiraatta; haga woggaan torbaa sun lufutti akka sanga'aa marga dheedda; sababaan wonti kun ta'uuf akka ati akka Rabbiin maraa olii mootota lafaa irratti baallii qabuu fi mootummaa kee maraa nama barbaadee akka kennu haga hubattu'uuf» jedhu samii irraa dhufe.
33
Murtiin yoma san Nabukadanatsooriin irratti raawwate; kanaaf inni banii keessaa hin ari'ame; akka sanga'aatittillee marga dheede; fixeensa samii irraa bu'een nafti isaa shame; rifeensi mataa isaa akka koola bajjaa guddate; qeensi isaallee akka qeensa allaatti'ii ta'e.
34
Mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Ani haga woggaan torbaa sun lufeen maayessa ol jedhee gara sami'ii laale; gara yaada namumma'aallee hin deebi'e; Rabbii maraa olii hin galatoonfadhe; Waaqummaa isaa ka bara baraatiifillee ulfinnaa fi jajuu dhiyeesseef; bulchiinsi isaa baraa haga bara baraati; barri mootummaa isaa dhuma hin qabu.
35
Baniin lafa irra jiraatan maruu isa afo'otti akka huubaati; maleekkota sami'iitii fi banii lafa irra jiraatan maraa irratti waan barbaade godhuu danda'a; akka inni fedha ufii hin raawwanne ka isa dhoogguu danda'u yookaan ka maal godha'aarta isaan jedhu tokkollee hin jiru.
36
«Akkuma yaanni namumma'aa naa deebi'een yoma san ulfinni mootummaa kiyyaa maruu deebi'ee naa kenname; worri gorsa kennanii fi worri baallii qaban kiyyiin gammachu'uun na simatan; ulfinni ulfinna duraa caalaa naa eda'amee mootummaa kiyya irratti jabaadhe.
37
Ani Nabukadanatsoor mootii sami'iitii galata, ulfinna fi jajuu dhiyeessaaf; wonti inni godhu maruu sirri'i; karaan isaa karaa haqaati; worra boonaan masakkaman maraa salphisuu danda'a» jedhe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12