bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 2
John 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
1
Guyyaa sadeesso'ootitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte.
2
Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamanii turan.
3
Hennaa daadhiin woyini'ii isaan jalaa dhumate haati Yesuusii, «Daadhii woyini'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte.
4
Yesuus, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himin; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.
5
Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra cidha galchutti himte.
6
Yihuudonni waan aadaa uf qulqulleessu'uu qabaniif gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin maruu waabaa lama yookaan sadihi qabata.
7
Yesuus worra cidha galchuun «Gaanii sanniinitti bisaan guutaa'a» jedhe. Isaan haga afaanii guutan.
8
Kanaan maayessa, «Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a» jedheen. Isaanillee isaanitti kennan.
9
Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammo hin beekan. Ka cidha galchu abbaa cidhaa waamee, akkana jedheen,
10
«Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammo booruu namaa kenna; ati ammo haga ammaa daadhii mishaa tursiifte!» jedheen.
11
Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise; darasoonni isaa isatti amanan.
12
Kanaan maayii Yesuus haadha ufii, ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirnaahoomii gad bu'anii guyyaa hago'oof achi taa'an.
13
Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudi'ii dhiyaate, Yesuusillee gara Yerusaalemii dhaqe.
14
Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurguratanii fi worra birrii sharafu ka taa'aniiran argee,
15
Innillee xurqaayyee dhayatee sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran gara galchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.
16
Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.
17
Darasoonni isaallee ka «Hinaaffaan mana keetii akka ibiddaa na guba» jedhamee barreeffame qaabatan.
18
Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.
19
Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammo guyyaa sadihitti deebisee ijaaraa» isaaniin jedhe.
20
Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe; ati ammo guyyaa sadihi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin.
21
Inni ammo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate.
22
Kanaaf haga du'aa ka'een maayii darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.
23
Yesuus hennaa ayyaana Faasika'aa uduu Yerusaalemiin jiru namoonni hedduu maalalee inni godhe waan arganiif maqaa isaatitti amanan.
24
Yesuus ammo namoota maraa waan beekuuf isaan hin amanne ture;
25
Inni waan garaa nama maraa keessa jiru waan beekuuf waan namaa eennullee akka isatti himu hin barbaadu ture.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21