bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 4
John 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
1
Hennaa san Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a darasoota akka eda'atee fi akka cuupha'aaru akka dhagayan Yesuus haga beeke,
2
Yihuudaa dhiisee gara Galiila'aa deebi'e. Haa ta'uu ammo, darasoota isaatituu cuupha'aa ture malee Yesuus ufii hin cuuphne.
4
Hennaa achi dhaqu karaa Samaariya'aatiin lufuu waan isa barbaachisuuf.
5
Kanaaf gara qachaa Samaariya'aa ta Sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sun lafa Yaaqoob ilma ufii Yooseefii kennetti dhiyo'o.
6
Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuus waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaanii san bira taa'e; hennaan sun guyyaa keessa gara sa'aatii jahaati.
7
Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen.
8
Hennaa san darasoonni isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan.
9
Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin ‹bisaan na obaas› jetta?» jetteen; waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.
10
Yesuus deebisee, «Uduu kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e beettee silaa situ na kadhata; innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.
11
Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa'a! ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o; eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree?
12
Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen.
13
Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota;
14
Ka bisaan ani kennu irraa dhugu maruu ammo baraa haga bara baraa hin dheebotu; bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.
15
Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya! akka deebi'ee hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.
16
Yesuus, «Deemii abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe.
17
Dubartittiin ammo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Hennaa kana Yesuus akkana jedheen, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a.
18
Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte.»
19
Dubartittiin, «Gooftaa kiyya! akka ati raagaa taate arga.
20
Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yerusaalemitti jettan» jetteen.
21
Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana! na amani; gaara kana gubba'atti yookaan Yerusaalemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.
22
Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef ka beennuuf saganna.
23
Haa ta'uu ammo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Ammumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf.
24
Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen.
25
Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka; inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.
26
Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe.
27
Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haa ta'uu ammo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookaan namni, «Maaf isii woliin qaaxxa?» isaan jedhe hin jiru.
28
Kanaan maayessa dubartittiinillee ottee ufii dhiiftee gara qacha'aa deemtee namootaan,
29
«Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette.
30
Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan.
31
Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a! mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin.
32
«Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe.
33
Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan.
34
Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.
35
Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa› woliin jettanii mii ree? Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasa'aa midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a.
36
Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan; jeennataafillee daraaraa wolitti qabata.
37
‹Tokko hin facaasa; tokko ammo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera.
38
Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban; isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe.
39
Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan.
40
Namoonni Samaariya'aa hennaa gara isaa dhufan akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole.
41
Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduu ka duraa caalaa isatti amanan.
42
Isaan dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti; nu'uu waan isa dhageenneef; innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.
43
Guyyaa lamaan maayii achii bayee gara Galiila'aa deeme.
44
Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera.
45
Haa ta'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yerusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif.
46
Yesuus deebi'ee gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirnaahoomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira.
47
Inni Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen.
48
Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen.
49
Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya! daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen.
50
Yesuus, «Gara mana keetii deemi! mucaan kee fayyeeraa!» jedheen. Namichi dubbii Yesuus itti hime amanee deeme.
51
Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, «daa'imni bee hin fayyee» jedhanii itti himan.
52
Inni hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin.
53
Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane.
54
Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa; kana woliin maalalee lammeesso'oo hojjate.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21