bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
John 7
John 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
1
Kanaan maayessa Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa turan; kanaaf waan Yihuudaa keessa deddeebi'uu hin feeneef Galiilaa keessa deddeema'aa ture.
2
Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture.
3
Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi.
4
Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin.
5
Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef.
6
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef hennaan keessan ammo yoo maraa ka tole.
7
Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti.
8
Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.»
9
Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe.
10
Obboleeyyan isaa ammo haga gara ayyaanaa bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye.
11
Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan.
12
Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan.
13
Haa ta'uu ammo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu.
14
Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture.
15
Yihuudonni, «Namni kun uduu hin baranne attamitti kitaabbilee beeka?» Jedha'aa maalalfatan.
16
Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka ana erge biraa malee ana irraa miti.
17
Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookaan ka ani uf irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.
18
Ka uf irraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.
19
Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan?»
20
Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin.
21
Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan isin maruu maalalfattan.
22
Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan.
23
Namni Sambataan gadoome yoo seera Muuse'ee hin diinne, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii?
24
Fuula namaa laala'aa murteessuu dhiisaa'a; murtii qajeelaa murteessaa'a.»
25
Kanaafuu namoonni Yerusaalemii gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii?
26
Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu?
27
Nu ammo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.»
28
Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati.
29
Laagaa ufii ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe.
30
Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.
31
Banii keessaa namoonni hedduu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan.
32
Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Kanaaf bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan.
33
Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka ana ergee deema, na soxxan ammo na hin argitan.
34
Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe.
35
Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaayaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?
36
Innillee, ‹Na soxxan, ammo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan.
37
Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaanaa Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu.
38
‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate.
39
Kana ammo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfinnaa ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.
40
Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan.
41
Kuuwwan, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa?
42
Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan.
43
Achiin maayessa sababaa isaatiif baniin wol fooye.
44
Isaan keessaallee gari gariin qabu'uunii barbaadan. Haa ta'uu ammo eennullee harkaan isa hin tundhe.
45
Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatii fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan.
46
Eeddoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif.
47
Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii?
48
Bulchoota yookaan Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa?
49
Baniin seera hin beenne kun abaarama'a!» isaan jedhan.
50
Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee,
51
«Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne, maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe.
52
Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiila'aa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin.
53
Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21