bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 14
Job 14
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 15 →
1
«Barri nama foon uffatee gabaaba'a; sunuu rakko'oon ka guutame.
2
Inni akka daraara'aa mudhatee, yoosuma hin qoora; akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara.
3
Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree? Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree?
4
Waan qulqulluu hin te'in keessaa, waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu? Nami tokkolle hin dande'u.
5
Barri namaa ka murtaye; ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame. Bara ati isaaf murteessite irra ka dabaru hin jiru.
6
Nami qaxaramee huju hujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu, namille bara dadhabbii ifii keessa akka gammadu ossiif.
7
«Muki yoo murame deebi'ee waan latuu fi damee waan baafatuuf addii qaba.
8
Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle, jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle,
9
foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa; akka biqiltuu reef lattuulle damee hin baafata.
10
Nami ammoo du'ee hin bada; eega du'e deebi'ee hin dhaggamu.
11
Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fi akka bisaan laga keessaa goguu,
12
akkasuma nami du'e deebi'ee hin ka'u; ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu; yookiin hirriiba irraa hin ka'u.
13
«Mufiin teeti haga dabartutti addee worra du'eetitti adoo na dhossitee guyyaa murteessitee adoo na qaabatte hin fedhaayyu!
14
Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree? Haga foorri naa dhufutti, bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudii ossaan hin eegadha'a.
15
Ati na hin waanta; anille hin owwaadha; ati hujii harka keetii na hin dharraata.
16
Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta; cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu.
17
Akka huura subba keessa keyamee gatamuu, balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta; cubbuu tiyyalle hin balleessita.
18
Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu, akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u,
19
akkuma bisaan dhakaa qoqqotu akkuma lolaan biyyee haru, atille akkasuma addii namaa hin balleessita.
20
Hunni teeti haga bara baraa isa irratti hin jabaatti; innille hin du'a. Bifa isaalle jijjiirtee ifi duraa hin balleessita.
21
Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu, inni hin beeku. Yoo isaan salphatanulle inni hin dhaggu.
22
Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama; inni ifi qofaaf bowa» jedhe.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42