bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 22
Job 22
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 23 →
1
Achiin duuba Eliifaaziin Temaanichi deebisee,
2
«Nami Waaqaaf bu'aa qabaatuu dande'aa ree? Nami qaroolle bu'aa ifumaaf buufata.
3
Ati balchaa yoo teete, balchummaan teeti Waaqa waan mara dande'u maan gammachiitti? Karaan keeti ka komii hin qanne yoo te'e, inni woy dhaggataa ree?
4
«Ati Waaqa waan sodaattuuf inni si xixee muraa si irratti fidee ree?
5
Tun sababa hammeenni keeti guddatee, cubbuun teeti bacatteefii motii ree?
6
Ati sababa malee obboleeyyan teeti irraa qaddii fudhatteerta; namoota irraa woyaa mulqitee, qullaa hamburteerta.
7
Ati worra dheebotee dadhabeef bisaan hin kennine; worra beelowelle sagalee dhooggatteerta.
8
Latti ta worra hunnaameyyi'ii ti; worra ulfinna qabutti isii irra le'a.
9
Haadhotii hiyyeessaa harka duwwaa gad lakkitteerta; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneelle cunqursiteerta.
10
Tanaaf tiyyoon si marsitee, dedhuma sodaan si bararassite.
11
Akka ati dhagguu hin dandeenne dukkanti si qaddee, lolaan si liqinse.
12
«Waaqi ol-gubbaa olii keessa le'aa motii ree? Urjoota ol fagoo jiranulle, gad ilaalaa motii ree?
13
Ati ammoo, ‹Waaqi maan beeka? Dukkana dimmaatiin gara kaan jiraatee natti muruu dande'aa?
14
Inni gonbobittii ol-gubba'aa irra yennaa deddeemu duumensi hurrantaan waan isa golluuf dhagguu hin dande'u› jetta.
15
Ati karaa durii ka worri hamaan irra deddeeme hordofaartaa ree?
16
Isaan adoo yennaan isaanii hin geyiinuu qoomamaneeran; hundeen isaanii lola'aan haxowanteerti.
17
Isaan Waaqa waan mara dande'uun, ‹Nu irraa fagaadhu; maan nuu godhuu dandeetta?› jedhane.
18
Te'uu malee isumattuu mana isaanii waan dansa'aan guute; tanaaf ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.
19
«Balchooti badii worra hamootaa dhagganee hin gammadan; worri yakkaa hin qanne murgo'oof itti kollaa,
20
‹Dhuguma diinni keenna badeera; waan isaan irraa hafelle ibiddi fixeera› jedhan.
21
«Iyoob, Waaqaan wolii galiitii isa woliin nageya qabaadhu; karaa kanaan waan dansaa hin dhaggatta.
22
Qajeelcha inni sii kennu fudhadhu; jecha isaalle gadhaa keetitti qabadhu.
23
Ati gara Waaqa waan mara dande'uu yoo deebite, akka duriititti hin deebita; hammeenna dunkaanii teeti keessaa yoo fageessite,
24
worqii akka buku'uutitti, worqii gatii guddo'oolle akka rassaa bisaan keessaatitti yoo ilaalte,
25
Waaqi waan mara dande'u worqi'ii fi meetii gatii guddo'oo siif hin te'a.
26
Achiin duuba ati Waaqa waan mara dande'uun hin gammadda; isalle'etti addattee hin leeta.
27
Ati gara isaa hin daadimatta, innille si'iif hin dhage'a; atille waadaa keeti isaaf hin galchita.
28
Wonni ati murteeffatte siif hin teeti; ifille karaa keetitti hin ifa.
29
Waaqi worra kooru gad qaba; worra ifi gad qabu ammoo hin fayyisa.
30
Sababa ati yakkaa hin qanneef, Waaqi worra yakkaameyyi'iiyyuu adabbii jalaa hin baasa» jedhe.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42