bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 9
Job 9
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 10 →
1
Achiin duuba Iyoob deebisee,
2
«Dhuguma tun dhugaa akka teete hin beeka. Ammoo nami attam Waaqa duratti balchaa te'uu dande'a ree?
3
Nami tokko Waaqaan falmuu yoo barbaade, gaaffii kuma keessaa takkattiille deebisee hin dande'u.
4
Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e; ka isa moromee, hin injifatamin eennuu?
5
Inni dedhuma gaara tatachoosee, aarii ifiitiin isaan hin balleessa.
6
Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa; utuboota lafaalle hin raasa.
7
Inni aduun akka hin baane hin ajaja; urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.
8
Inni qofuu ol-gubbaa diriirse; danbalii bisaanii irralle hin ideema.
9
Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa › jedhamu fakkaatu, tuuta urjootaa ka, ‹Sadee › jedhamu, tuuta urjootaa ka, ‹Torbii › jedhamuu fi tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.
10
Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne, bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.
11
Yennaa inni na biraan dabaru, ani isa hin dhaggu; yennaa inni cinaa tiyya ideemu, ani isa hin hubadhu.
12
Yoo inni butee ideeme, eentu isa dhoogga? Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.
13
Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu; worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.
14
«Ani attam deebii isaaf kennuu dande'a ree? Ani isa woliin falmiisaaf, attamiin jechoota filatuu dande'a ree?
15
Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle, abbaa mura'aa kiyya akka naaf mararu gaafadha malee, deebii isaaf kennuu hin dande'u.
16
Ani maqaa isaa waammadhee inni naaf yoo deebiselle, akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.
17
Inni bubbe'een na butucha; sababa malee madaa natti baceessa.
18
Inni hadha'aan na guuta malee, hafuura na hin fudhachiisu.
19
Marroo jabeennaa yoo teete, inni jaba'a. Marroo mura'aa yoo teete, gara addee mura'aa san ka isa waamuu dande'u eennu?
20
Ani yakkaa qabaatuu dhabulle afaan kiyyaayyuu natti mura; ani ka komii hin qanne te'ulle, ‹Daba'a› anaan jedha.
21
«Ani ka komii hin qanne te'ulle marroo mataa kiyyaa hin beeku; jiruu tiyyalle hin jibba.
22
Martinuu tokkuma; tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.
23
Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne dedhuma ijjeesu Waaqi isatti hin qacifata.
24
Yennaa latti harka worra hamaaleyyi'iititti kennantu, Waaqi ila abbootii mura'aa ta lafa sanii hin golla. Isa yoo hin te'in, tana ka godhe eennu ree?
25
«Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata; adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.
26
Akka hoboloo ariifattu'uu, akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.
27
Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha; nyaara guuruu lakkisee, hin seeqadha› yoo jedhe,
28
akka nama yakkaa hin qanneetitti akka ati na hin ilaalle waan beekuuf farra tiyya duudii hin sodaadha.
29
Yakkaan eega natti murantu teete, maaf toluma dadhaba ree?
30
Nafa kiyya saamunaan, harka kiyya haraanja'aan yoo dhiqadhelle,
31
ati boolla haraa itti gatanu keessatti na gatta; woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.
32
«Ani isa woliin gara kora mura'aa dhaqee deebii isaaf kenniisaaf, inni akka kiyya nama foon uffatee moti.
33
Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf wodhakkaa teennatti murtee kennu adoo hin jiraatuu!
34
Akka ani hin bararandheef, adoo Waaqi na adabuu dhabe,
35
ani sodaa malee, silaa isa woliin hin dubbadhaayyu; amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42