bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 28
Job 28
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 29 →
1
«Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu, addeen worqii itti baqsiisanu jirti.
2
Sibiilli lafa keessaa dhaggama; sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaa baqisiifamee dhaggama.
3
Namooti qilee lafaa keessa seenanee dukkana dimmaa keessa lixanee biyyee albuudaa barbaadan.
4
Isaan lafa nami le'u irraa fagaatanee, addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan. Achitti boolla qilee qotanee wodaroo irratti rarra'aa nama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan.
5
Latti midhaan sagalee te'u baattu, keessi isi'ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala.
6
Rassaa isi'ii keessaa dhakaan gatii guddo'oo ka ‹Safiiros› jedhamu dhaggama; biyyee isi'ii keessalle'ee worqiin hin dhagganti.
7
Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku; ilti jajju'uulle hin dhaggine.
8
Bineensi hamaan addee san hin ijjanne; neenqille karaa san hin dabarre.
9
Harki nama albuuda qotuu rassaa jabaa hin caccassa; gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha.
10
Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan; ilti isaaniille waan gatii guddo'oo hin dhaggiti.
11
Madda lagaa hin kiphan; waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan.
12
«Ammoo qarummaan eessatti dhagganti? Addeen hubanti'ii eessa jirti?
13
Qarummaan lafa nami le'u keessatti hin dhaggantu; namille gatii isi'ii hin beeku.
14
Qileen abbaaya'aa, ‹Qarummaan na keessa hin jirtu› jetti; abbaayaalle, ‹Qarummaan na bira hin jirtu› jetti.
15
Qarummaan worqii qullu'uun hin bitantu; gatiin isi'iille meeti'iin hin madaalantu.
16
Gatiin isi'ii worqii gatii guddo'ootiin, dhakaa ‹Sardoniikis › jedhamuun yookiin dhakaa, ‹Safiiros› jedhamuun wol hin qixxawu.
17
Worqi'ii fi daaw'itiille'een wol hin qixxoottu. Dooqa worqii qullu'uulle'een hin jijjiirantu.
18
Gatiin qarumma'aa dooqa gatii guddo'ootii fi dhakaa gatii gudda'ootiin wol hin qixxoottu; elellaan diintuulle caalti.
19
Qarummaan dhakaa gatii guddo'oo ka Itoophiya'aa, ka ‹Xophaaziyon› jedhamuun wol hin qixxoottu; worqii qulluu gatii guddo'oolle'een wol hin qixxoottu.
20
«Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree? Addeen hubantiin jirtu eessa ree?
21
Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti; sinbirrootaayyuu dhokatteerti.
22
Badi'ii fi duuti, ‹Nuuti oduu isi'ii qofa gurra keennaan dhageenne› jedhan.
23
Waaqi karaa gara qarumma'aa geessu hin hubata; addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka.
24
Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf, waan ol-gubba'aan jala jiru mara dhagga.
25
Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne, haga bisaaniille yennaa mike,
26
Bokkeyaaf seera, balaqqeetti'iifille karaa yennaa baase,
27
achiin duuba qarummaa ilaalee, gatii isi'ii murteesse; inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe.
28
Achiin duuba inni namaan, ‹Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; waan hantuu irraa goriisille hubanti'i› jedhe» jedhe.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42