bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 19
Job 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 20 →
1
Achiin duuba Iyoob deebisee,
2
«Isin haga yoomii na farrisiittan? Haga yoomii jechaan lafee na cassitan?
3
Isin deddeebitanee na arrassitan; daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu?
4
Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe, dokonkorri sun anuma qofa miidha.
5
Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee, qaanii tiyya waan anaan morontanuun yoo godhattane,
6
ka na farrisiisee, tiyyoo ifiitiin na marsee xaxe Waaqa akka te'e beeka'a.
7
«‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle, deebii hin dhagganne. Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle, muraa haqaa hin dhagganne.
8
Waaqi akka ani hin dabarreef karaa natti cufeera; daandii tiyyalle dukkanaan golleera.
9
Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee, kallachalle mataa kiyya irraa buuseera.
10
Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee, addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera.
11
Inni mufii ifii na irratti bobeessee, akka diina ifiititti na laakkowe.
12
Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge; isaan adaala dunkaanii tiyyaatitti kushee hujatanee qubatane.
13
«Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse; worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe.
14
Firri kiyya na irraa fagaate; jaaloti tiyyalle na dedhane.
15
Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeesse na dedhane. Dubartooti tajaajiltooti tiyya akka ormaatitti na laakkowane; akka alaga'aalle na ilaalane.
16
Ani tajaajilaa kiyya waame, inni ammoo na jalaa dide; akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate.
17
Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite; obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte.
18
Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti; yennaa na dhagganu natti murgan.
19
Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte; worri ani jaaladhulle na irratti ka'e.
20
Foon kiyya dhumatee, gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee, irgi ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe.
21
«Ee jaalota tiyya, harki Waaqaa waan na dhoweef, naaf marara'a! Naaf marara'a!
22
Akkuma Waaqi na miidhe isinille maaf na miitan? Haga ammaa ka na miitane isin hin gewuu?
23
«Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhe barreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee!
24
Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuuf meya sibiilaatii fi irsaasaatiin rassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu!
25
Ka na wodu jiraataa akka te'e, muummee irralle'etti, dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.
26
Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ulle foon kiyyaan jiraadhee Waaqa akka dhaggu hin addadha.
27
Anumattuu isa dhagga; ani ila tiyyaan isuma dhagga malee, ka dhibi'ii moti. Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a.
28
«Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf, nuuti attam isa miina?› yoo jettane,
29
mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisa waan fidduuf isin shallaagaa san sodaadha'a; muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42