bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 39
Job 39
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 40 →
1
«Yennaa godaan gaaraa dhalu beettaa? Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa?
2
Ji'a meeqa rimeyaan turanee, yoom akka dhalanu hin beettaa?
3
Isaan quphananee dhalan; foolata ifii irralle'ee hin furatan.
4
Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti; bayanee deemaneen duuba, gara haadha ifii hin deebi'anu.
5
«Harreen diidaa gara feete akka deentu ka lakkise eennu? Hidhaana irraa ka isii hiike eennu?
6
Ani lafa goomole'ee mana isaanii, dirree sooddaalle addee isaan le'anu godhee kenneef.
7
Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an; nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru.
8
Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an; waan magariisa mara barbaadatan.
9
«Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa? Moonaa teeti keessalle hin bulaa?
10
Gafarsa waanjoo itti hiitee moofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa?
11
Jabeenni isaa guddaa waan te'eef isatti hin addattaa? Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa?
12
Inni midhaan keeti wolitti qabee gara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa?
13
«Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti; koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti.
14
Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti; biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti.
15
Isiin miilli akka caccassu, bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu.
16
Akka waan ta isi'ii hin te'inii, cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti; eloon isi'ii baddulle hin qortu.
17
Ka qarummaa isii dhoogge, ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa.
18
Yennaa rukkisiisa jalqaddu fardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti.
19
«Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii? Yookiin morma isaatitti gama dhedheeraa ka uffise si'ii?
20
Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaa akka inni nama bararassu ka godhu si'ii?
21
Fardi jabeenna ifiititti addatiisaan kotte'een lafa qotaa himimmisee, loliisaaf hin baya.
22
Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu; shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u.
23
Eboon balaqqittuu fi marcaan subba daayaa woliin cinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa.
24
Fardi hollatee worraaqatee xinniqa; yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata.
25
Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa; dhaadata abbootii duulaa, hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha.
26
«Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaatee gara kibbaatitti koola ifii badhifattii?
27
Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa? Allaattiin ajaja keetiin mana ifii gaara irratti ijaarrattii?
28
Isiin rassaa ol ka'e irra le'aa achitti mana ijaarratti; rassaan sun kushee isi'ii ti.
29
Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti; ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti.
30
Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti; isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe.
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42