bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 36
Job 36
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 37 →
1
Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin,
2
«Ani ammalle marroo Waaqaatiif waan dubbadhu waan qabuuf, diqqoo naa ossadhu.
3
Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida; Waaqi na dade balchaa akka te'e ani hin mudhisa.
4
Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti; ani nami si woliin jiru beekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki.
5
«Dhugumaan Waaqi hunnaamessa; Inni eennulle hin tuffatu; hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u.
6
Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu; worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna.
7
Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu; mootota woliin barcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa; haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba.
8
Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamane yookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane,
9
balleessaa isaan koora ifiitiin hujane inni isaanitti hima.
10
Qajeelfama akka dhage'anuuf gurra isaanii hin bana; cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuuf isaan hin ajaja.
11
Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilane bara isaanii ka hafe durumma'aa fi gammadaan fixatan.
12
Isa dhage'uu yoo didane ammoo, shallaaga'aan hin badan; Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an.
13
«Worri Waaqa malee le'u aarii gadha'atti qabatan; yennaa inni isaan adabulle qarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu.
14
Isaan dhiira Galma Waaqaa keessatti wol bukkoonsitu oddu'utti ijoollumma'aanuu du'an.
15
Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa; inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa.
16
«Inni ammalle farra hantuu keessaa, gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa; qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti.
17
Amma ammoo muraan nama hama'aaf malte waan sitti muranteef, adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta.
18
Eennulle durumma'aan akka si hin sonne, Safuu guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu.
19
Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetii rakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree?
20
Ati halkan kolbaan addee ifii irraa baddu akka dhufu hin halchin.
21
Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef, gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu.
22
«Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eennu ree?
23
Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a? yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree?
24
Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatu atille akka leellifattu yaadadhu.
25
Nami duudiin hujii isaa dhaggeera; nami martinuu fagoo irraa daaw'ata.
26
Dhugumaan Waaqi gudda'a; inni hubantii teennaan oli; laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u.
27
«Bisaan lafa irraa ol fuudhee gara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa.
28
Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa; namoota irralle'etti hin danbalaasa.
29
Inni attam akka duumensa diriirsu galma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'u eentu hubatuu dande'a ree?
30
Kunoo, Waaqi adaala ifiititti balaqqeettii attam akka bittinneessu hundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali.
31
Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha; sagalee bacaalle isaaniif kenna.
32
Inni balaqqeettii harkatti qabatee lafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja.
33
Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti; horiille dhufiisa isi'ii hin beekan.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42