bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Job 27
Job 27
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 28 →
1
Ammalle Iyoob dabalee,
2
«Dhugaa Waaqa jiraataa waan mara dande'uu ka haqa kiyya na dhooggatee, jiruu tiyya natti hadheessee,
3
haga lubbu'uun jiru hafuurri Waaqi na keessa keye haga na keessa jiru,
4
hantuun afaan kiyya keessaa hin baatu; arrabi kiyyalle soba hin dubbatu.
5
Ani ijjumaa isiniin sirri'i hin jedhu; haga du'a tiyyaatitti yakkaa malee le'uu irraa hin goru.
6
Balchummaa tiyyatti hin jabaadha'a; gad hin lakkisulle'e; bara le'ii tiyyaa wodanaan kiyya waan kanatti hin gaabbu.
7
«Diinni kiyya akka worra hama'aa, worri na mormu akka worra balchaa hin te'inii te'uu ti.
8
Yennaa Waaqi isaan balleessu yennaa inni lubbuu isaan keessaa baasu addiin worra Waaqa malee le'uu maan te'itti laati?
9
Yennaa rakkinni isaanitti dhufu Waaqi iyya isaanii hin dhage'aa ree?
10
Isaan Waaqa waan mara dande'utti hin gammadanii ree? Yennaa mara Waaqa hin waammatanii ree?
11
«Ani marroo hunna Waaqaa isin barsiisa; karoora Waaqa waan mara dande'uulle ani isin hin dhossu.
12
Isin martinuu tana dhaggitaneertan; eegasuu waan bu'aa hin qanne maaf dubbattan ree?
13
Qoodi nami hamaan Waaqa irraa dhaggatu, dhaalli nami nama cunqursu Waaqa waan mara dande'u irraa fudhatu, ka asii gad jiru:
14
Ijoolleen isaa yoo heddattelle shallaaga'aan dhumatti; sanyiin isaalle sagalee quuttee nyaattu hin qabaattu.
15
Worri baraareen hafe dhukkubaan dhumata; haadhotiin hiyyeessaa isaaniille isaaniif hin boottu.
16
Worri hamaan meetii akka biyye'ee tuulee, woyaalle akkuma faara biyye'ee wol irra naquu dande'a fa'a.
17
Waan isaan tuulatane san ammoo, worra balcha'attuu uffata; worri yakkaa hin qannelle meetii hin qoqoodaman.
18
Manni isaan ijaaranu akka mana saaphuphu'uutii fi akka gosee nama midhaan eeguu ti.
19
Worri hamaan dureessa te'ee hin rafa, ammoo itti hin deebi'anu; yennaa isaan dammaqanu, karri isaanii marti baddeerti.
20
Bararaqi akka lola'aa isaan irra yaa'a; halkan hobonbolattiin isaan fudhattee deenti.
21
Qilleensi gara aduun baatuu isaan fuudhee deema; isaanille hin dhaggamanu; addee isaanii irraa haxowee isaan balleessa.
22
Isaan hunna qilleensa sanii jalaa bayiisaaf wodhaananulle, marartii malee bira itti dabara.
23
Qilleensi isaan irratti harka dhowee addee jiru irralle'ee isaanitti siissa.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42