bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 1
Ecclesiastes 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 2 →
1
Dubbiin lallabtichaa ka ilmi Daawitii ka Yerusaalemitti mooye dubbate kana;
2
Lallabaan, «Gatii hin qabu; gatii hin qabu; sirima gatii hin qabu; maruu gatii hin qabu» jedha.
3
Waan adu'uu gaditti itti dadhaban maraafuu bu'aan namaa maali'i?
4
Dhaloonni hin dhufa dhaloonni hin lufa; lafti garuu itittee baraa haga bara baraa jiraatti.
5
Aduun hin baati; hin dhiitille'e, deebitee gara hulee baatuu gayu'uuf jarjarti.
6
Qilleensi gara kibbaatii fi gara kaabaallee hin bubbisa; hennaa maraa naannaya'aa deddeebi'a.
7
Bisaan lagaa maruu gara galaanaa yaa'a; garuu galaanni hin guutu; deebi'ee bisaan gara hulee ufii itti burquu dhaqa.
8
Wonti maruu nama hifachiisa; akkaataa inni itti nama hifachiisu namni maruu ibsee dubbachuu hin danda'u; ijji laaltee hin quuftu, gurrillee dhagayee hin hifatu.
9
Wonti dura ta'e ammallee deebi'eetuma ta'a; wonti amma raawwata'aarullee kama dur raawwatame; kanaafuu adu'uu gaditti wonti haarofni hin jiru.
10
Eennullee, «Wonti kun haarawa!» jechuu hin danda'aa? inni baroota armaan dura lufan keessatti raawwatameera.
11
Namni waan bara durii raawwataman maraa qaabatu hin jiru; wontoonni waan sanniiniin maayessa raawwatamanillee dhaloota maayessa dhalatan biratti hin qaabataman.
12
Ani lallabaan Yerusaalemitti mootii worra Israa'elii ture;
13
Waan sami'ii gaditti taasifamu maraa ogumma'aan barbaada'aa qorachu'uuf murteeffadhe; fe'aa guddaa kana akka ilmi namaa itti dadhabuuf Rabbi namaa kenne.
14
Waan sami'ii gaditti hojjatama'aaru maraa hin laale; garuu wonti maruu akka duwwa'a ta'e arge; wonti maruu akka nama qilleensa duukaa bu'uuti.
15
Ka dabe qajeeluu hin danda'u; wonti biraallee ka hin jirre laakkayamuu hin danda'u.
16
Ani onnee kiyya keessatti «Mootota tanaan dura Yerusaalemitti bulcha'aa turan caalaa guddisee beekkumsaa fi ogummaa argadhe» jedhee dubbadhe.
17
Ogummaa'a, maraattumma'aa fi gowwummaallee beeku'uuf jedhee uf kenne; kun akka waan qilleensa duukaa deemu'uu ta'e hubadhe.
18
Akkuma ogummaan guddateen gaddi guddata; akkuma beekkumsi guddatuun rakkoonillee namatti baay'ata.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12