bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 9
Ecclesiastes 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 10 →
1
Waan kanniin hennaa dheera'aaf haga yaadeen maayessa hujiin namoota hammeeyyi'iitii fi ka namoota woyyootaa akka Rabbiin harka jiru hubadhe; kanaafuu waan uf afoo isa irra gayu jaalala ta'ee'e jibbansa namni beeku hin jiru.
2
Hireen nama maraa ka nama woyyu'uutii fi ka nama yakkama'aa, ka nama misha'aatii fi ka nama hama'aa, ka nama qulqullu'uutii fi ka nama batti'iillee worri ciincaa dhiyeessanii fi worri hin dhiyeessinellee carraan dhuma isaanii tokkoma; namni mishaan hiree nama cubbama'aa irra woyyaa ta'e hin qabu; namni kakuu sodaatu, nama kakuu ugguun garaa garummaa hin qabu.
3
Waan sami'ii gaditti hojjatamu maraa keessaa hamaan woma namoonni maruu dhuma irratti argatan; kana irrattillee garaan namootaa ka hammeennaan guuttame; bara jireenna isaanii maraa keessatti maraatumma'atu garaa isaanii keessa jira; kanaan maayessa garuu hin du'an.
4
Sareen hin duune ta lubbu'uun jirtu leenca du'e irra woyya'a; namni waan lubbuu qabu maraa woliin yoo wolii galee jiraate abdii qaba.
5
Namoonni lubbu'uun jiran guyyaa tokko akka du'an hin beekan; worri du'an garuu womaa hin beekan; isaan waan sirima irraanfatamaniif gatii hin qaban.
6
Jaalalli, jibbansinii fi hinaaffaan isaaniillee isaanuma woliin du'e; waan sami'ii gaditti ta'u maraa isaan baraa haga bara baraa sirima qooda hin qaban.
7
Wonti Rabbi sii kenne kana waan ta'eef deemii dhiyana kee nyaadhu, daadhii woyini'ii keellee dhugii gammadi.
8
Hennaa maraa uffata adii uffadhu, mataa kee dhadhaa dibadhu.
9
Jireenna gatii hin qabne ka Rabbi sami'ii gaditti sii kennetti haadha manaa tee ta jaalattu woliin gammadi; waan rakkoo keetiitii fi waan dadhabbii keetii gatiin sii kenname kana waan ta'eef bara kee ka gatii hin qabne kanatti guyyama guyya'aan gammadi.
10
Hunna qabdu maraanuu hujii kee maraa jabaadhuu raawwadhu; yoo duutee worra du'anitti eda'amte hulee sanitti hujiin, yaanni, beekkumsinii fi ogummaan waan hin jirreef.
11
Wonti sami'ii gaditti arge ka biraallee hin jira; kunillee worri fiigu fiigicha ufiitiin hin mooyatan, loltoonni lolanii mootee hin argatan; ogeeyyiin dhiyana ufii ka guyya'aa worri qaroon durummaa hin argatan; namoonni dandeettii qaban dandeettii ufiitiin muudamaan hin guddatan; garuu kunniin maruu hiree ufii argatan.
12
Namni maruu hireen kun yoom akka isa irra gawu hin beeku; akkuma handariin barartee siiboo keessa seentu, akkuma qurxummiinillee uduu hin beenne woshaadoo isaan qaban keessa seenu akkasuma ilmi namaallee uduu hin beenne tasa waan isa qabu keessa seena.
13
Sami'ii gaditti wonti ani arge ka biraallee hin jira; kunillee guddinni ogumma'aa fakkeenna ta'u'u;
14
qachattii diqqoo baniin hagoon keessa jiraatu takkatu jira; mootiin hunna qabu tokko dhaqee isii marsee isii irratti kushee guddaa ijaare.
15
Hiyyeessi ogeessi qachaa san keessa jiraatu tokko ogummaa ufiitiin qachattii san oolche; nama hiyyeessa ogeessa san garuu eennullee isa hin qaabanne.
16
kanaafuu «Ogummaan hunna caala» jedhe; ogummaan nama hiyyeessaa garuu hin tuffatama wonti inni jedhullee jalaa hin dhagayamu.
17
Iyyansa bulchaa tokkoo ka worra gowwaa wodhakkaa dhaabatee iyyu caalaa'a, dubbiin ogeessi suuta dubbatu hin caqafama.
18
Ogummaan meeshaa woraanaa caala; cubbamaan tokko garuu waan mishaa baay'ee balleessa.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12