bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 6
Ecclesiastes 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 7 →
1
Sami'ii gaditti waan guddisee hama'aa ka nama irra gayu arge.
2
Rabbi durummaa'a, qabeennaa fi kabajjaa namaa kenne; waan namni fedhu maraa hin dhoogganne; garuu qabeenna isaa kana ka biraatitu nyaata malee inni itti hin gammadu; wonti kun waan gatii hin qabne; dhibee hama'a.
3
Namni ijoollee dhibbaa uduu uumatee woggaa hedduu jiraatee lubbuu ufiitiin uduu hara baafachuu baatee dhuma irratti garuu ulfinnaan gara du'aa yoo hin deemne ani waan nama saniitiif guddisee gadda; nama san irra ka gara'atti du'ee baye woyya jedhe.
4
Sababaan ka garaa haadhaatitti du'e sun irraanfatamee gara dukkanaa waan isa fidaniif durumaa silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya.
5
Inni ifa adu'uu uduu hin argine maalummaa jireennaa uduu hin beenne du'e.
6
Kanaafuu hennaa lama woggaa kumaa qabeenna ufiitiin uduu hin gammanne yoo jiraate faayidaa maal isaa qaba? isaan lamaanuu hulema tokko ka wol fakkaatu waan dhaqaniif.
7
Namni wonti dadhabuuf woma gara'aatiif; garuu «Nagaye!» hin jedhu.
8
Eegasuu namni ogeessi nama gowwaa maali'iin caala ree? nama hiyyeessa jiraachise'eef faayidaa maal argata?
9
Hawwi'iin jal jal jechuu irra ijaan arguu woyya; kunillee waan gatii hin qabne; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti.
10
Wonti amma jiru maruu woma dura maqaan kennameef; wonti namni ta'u woma dur murtaayeef; waan jabaa hunna qabu ka isaan caalu uf irraa dhoogguu hin danda'an.
11
Akkuma dubbiin baay'ateen wonti gatii hin qabne baay'ata; eeganaa kun namaa maal fayyada?
12
Bara gatii hin qabne ka akka gaaddiddu'uutitti lufu keessatti namni waan namaa tolu beeku eennu? yookaan haga du'een maayessa sami'ii gaditti maaltu akka raawwatamu eentu namatti himuu danda'a?
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12