bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 11
Ecclesiastes 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 12 →
1
Buddeena kee bisaan irra buusi; guyyaa baay'e'een maayessa deebitee waan argattuuf.
2
Ati uf afoo waan sami'ii gaditti ta'u waan hin beenneef qabeenna qabdu maraa hulee torba yookaan hulee saddeetitti qoodii kaayi.
3
Duumessi hennaa bisaan uf keessatti qabate, gara lafaa gad roobsa; munni gara kibbaa yookaan gara kaabaatitti yoo kufe, hulema itti kufe san ciisa.
4
Namni qilleensa eegu womaa hin facaasu, ka duumessa laalullee womaa hin haamatu.
5
Akkaataa qilleensi itti deemuu fi akkaataa namoonni garaa keessatti uumaman akkuma hin beenne Rabbiin waa maraa uume attamitti akka hujii ufii itti hojjatu beekuu hin dandeettu.
6
Ganama sanyii kee facaasi; galgalallee hujii hin dhiisin; kana ta'ee'e, yookaan san ta'ee'e yookaan lamaanuu waan ta'u waan hin beenneef.
7
Ifni misha'a; ifa adu'uu laaluun ija naatitti tola.
8
Namni haguma fedhellee yoo bara baay'ee jiraate; kana marattuu haa gammaduu; garuu guyyoota dukkanaa san haa yaadatuu isaan waan baay'ataniif, wonti dhufu maruu gatii hin qabu.
9
Yaa dargaggeessa! dargaggummaan waan guddisee mishaa ta'eef dargaggummaa keetitti gammadi; garaa keetiinillee guddisii gammadi; waan ijji tee argituu fi waan onneen tee yaadde maraa raawwadhu; garuu waan kanniin maraafuu Rabbi gara murti'ii akka si fidu beeki.
10
Kanaafuu dhiphachuu garaa kee keessaa fageessi, waan hamaa nafa kee keessaa balleessi, dargaggummaanii fi jabeenni waan gatii hin qabneef.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12