bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 10
Ecclesiastes 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 11 →
1
Tiisifni dhume urgaa dhadhaa urgeeffamee ajeessa; akkasuma gowwummaan diqqoon ogumma'aa fi kabajjaa balleessa.
2
Namni ogeessi waan mishaa hojjachuun, namni gowwaan garuu dogoggoruun woma jiru.
3
Namni gowwaan hennaa karaa irra deemu waa hubachuu hin danda'u; gowwummaa ufiillee hulema gayetti uf irratti beessisa.
4
Obsi balleessaa guddaa waan hambisuuf hennaa mootichi siin lole ati hulee kee gad hin dhiisin.
5
Wonti badaan biraa ka ani sami'ii gaditti arge hin jira; kunillee dogoggora worri biyya bulchu dogoggoru.
6
Worri gowwaan hennaa baallii guddaa argatan, dureeyyiin garuu hulee gad aanaa taa'aniiran.
7
Garboonni yoo farda irra taa'an, worri murtii murteessan garuu akka garbootaatitti hennaa lafa irra deeman arge.
8
Namni boolla namaa qotu ufii itti kufa; nama dallawa diigu bofatu idda.
9
Namni dhagaa fonqolchu ufii itti miidhama; namni gudeelcha baqassullee hin miidhama.
10
Namni dhagaraa doome hin qarre hunna guddaa fixata; ogummaan garuu bu'aa gudda'aan isa gaya.
11
Haga bofni nama iddeen maayessa qorichi hadhaa bofaatiin balleessan womaa bu'aa hin qabu.
12
Namni ogeessi dubbii ufiitiin ulfinna argata; namni gowwaan garuu dubbima ufiitiin bada.
13
Namni gowwaan dubbii ufii gowwumma'aan jalqabee maraatuu gudda'aan fixa.
14
Namni gowwaan dubbii guddisa waan uf afoo ta'u hin beeku; waan isaan maayessa ta'ullee eentu itti himuu danda'a?
15
Hujiin gowwa'aa isuma dadhabsiisa; karaa gara qacha'aa isa fidullee hin beeku.
16
Biyya mootii dargaggeessa gowwaa ta'e qabduu fi bulchoota ganamaan nyaata'aa dhugan qabdu isii hobbaasi.
17
Biyyi mootii akka misha'atti guddatee fi bulchoota hunna argachu'uuf jedhanii hennaa murtaayetti nyaatanii dhugan qabdu ta kabajjamte.
18
Namni yoo mana midhaassuu baate, manni sun hin daba; ginnoon mana saniillee hin dhim'isa.
19
Gammachuun dhiyanaa fi daadhii woyini'ii irraa argamti; martinuu garuu horii malee hin argamtu.
20
Namni na hin dhagayu jettee dhossa'aan mootii hin hamatin; hulee raftuttillee dureessa hin arrabsin worri dubbii namaa butuu danda'an akka simbira barartuutitti dhufanii dubbii si jalaa himuu waan danda'aniif.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12