bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 4
Ecclesiastes 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 5 →
1
Ani ammallee deebi'ee hammeenna sami'ii gaditti ta'u maraa arge; Namoonni guddisanii dhiibaman namoota isaan jajjabeessu dhabanii booyan; namoonni isaan miidhan hunnaan isaan miidhan.
2
Ani namoota adha lubbu'uun jiran caalaa namoonni dur dhuman akka worra gammachuu qabu ta'an hubadhe.
3
Garuu kanniin lamaan caalaa daa'ima uduu hin dhalatin garaa jiru ka waan hamaa sami'ii gaditti ta'a'aaru kana hin argine woyya.
4
Akkasuma dadhabbiin namaatii fi hujiin ogummaa isaa hiriyyaa isaa akka hinaafsisu arge; kunillee gatii hin qabu; akka nama qilleensa duukaa deemuuti.
5
Namni gowwaan harka ufii maratee taa'a; jireenna ufii balleessa.
6
Waan dadhabbii gudda'aan irkisaa lamaa argatan irra; hara baafannaa diqqo'oon irkisaa tokko argachuu woyya.
7
Ani ammallee waan gatii hin qabne ka sami'ii gadii maraa arge.
8
Nama hojja ufii jiraatu tokkotu jira; inni ilmaa fi obboleessallee hin qabu; namni kun hennaa maraa hujee hin hifatu; garuu qabeenna argatuun nagaye hin jedhu; inni «Ani eennuuf dadhaba? gammachuu kiyya maaf uf irraa balleessa?» jedhee uf gaafata; kunillee waan gatii hin qabne; jiruu rakko'ooti.
9
Bu'aan hujii isaanii waan mishaa ta'uu danda'uuf nama tokko ta'uu irra nama lama ta'uu woyya.
10
Isaan lamaan keessaa namni tokko yoo kufe hiriyyicha isaatitu ol qaba; namni hojja ufii jiru garuu yoo kufe nama lafaa isa kaasu waan hin qabneef attam nama gaddisiisa?
11
Namni lamaa yoo woliin rafe isaan lachuu wolitti oo'an; nama hojja ufii rafu maaltu itti oo'a?
12
Balaa namni tokko hin dandeenne nama lamaan uf irraa dhooggan; haanni dacha'aan dhaddoo dhayame dafee hin citu.
13
Nama gowwaa gorsa fudhachuu hin beennee fi jaarsa mootii irra dargaggeessa hiyyeessa ogeessatu caala.
14
Dargaggeessichi mana hidha'aa keessaa bayee mootii ta'e yookaan biyyuma itti dhalate keessatti hiyyeessa ta'uu danda'a.
15
Hennaa tokko baniin maruu dargaggeessa hulee mooti'ii bu'u hennaa hordofan arge.
16
Hennaa inni mootii ta'ee bulchu namni isa hordofu baay'e'e; hennaa inni mootummaa irraa bu'e waan inni godhe saniif namni isa jajate hin jiru; kunillee gatii hin qabu; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12