bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 3
Ecclesiastes 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 4 →
1
Wonta adunyaa tanatti raawwatamu maraafuu henna'atu jira;
2
Dhalachu'uuf henna'atu jira, du'uufillee henna'atu jira; dhaabu'uuf henna'atu jira; ka dhaabame buqqisu'uufillee henna'atu jira.
3
Ajjeesu'uuf henna'atu jira; fayyu'uufillee henna'atu jira; ijaaru'uuf henna'atu jira; diigu'uufillee henna'atu jira.
4
Booyu'uuf henna'atu jira; kolfu'uufillee henna'atu jira; gaddaaf henna'atu jira; sirbu'uufillee henna'atu jira.
5
Dhagaa bittinneessu'uuf henna'atu jira; dhagaa wolitti qabu'uufillee henna'atu jira; wol ammachu'uuf henna'atu jira; gara gara bayu'uufillee henna'atu jira.
6
Soqu'uuf henna'atu jira; dhiisu'uufillee henna'atu jira; kaayu'uuf henna'atu jira; gatu'uufillee henna'atu jira.
7
Tarsaasu'uuf henna'atu jira; hodhu'uufillee henna'atu jira; cadhisu'uuf henna'atu jira; dubbachu'uufillee henna'atu jira.
8
Jaalachu'uuf henna'atu jira; jibbu'uufillee henna'atu jira; lolaaf henna'atu jira; nagayaafillee henna'atu jira.
9
Bu'aan dadhabbii hojjata'aa maali'i ree?
10
Hujii ulfaataa namni haa itti dadhabu'uuf Rabbi kenneef argeera.
11
Waa maraa Rabbi hennaa ufiititti bareechisee hojjate; hujii Rabbi dur irraa jalqabee hojjate namni akka qoratee hin beenne godhe; Rabbi nama keessa akka bara baraan jiraatu akka beeku kenneef; garuu Rabbi waan jalqabaa haga dhumaa jiru akka beeku beekumsa guutuu hin kennineef.
12
Namni hennaa lubbu'uun jiru waan mishaa hojjatuu fi waan inni ittiin gammadu malee wonti biraa mishaan akka hin jirre hubadhe.
13
Namni maruu akka nyaatee dhugu waan ufii itti dadhabetti akka gammadu arjummaa Rabbiiti.
14
Wonti Rabbi godhe akka bara baraan jiraatu ani hin beeke, isatti eda'uun yookaan isa irraa dhidhisuun hin danda'amu; Rabbi akka isa sodaataniif kana godhe.
15
Wonti amma ta'a'aaru duruma jira; wonti ta'a'aarullee duruma ta'eera; Rabbi waanuma dura darbe deebisee fida.
16
Akkasuma sami'ii gaditti bikka fayyaalumma'aa dharti; bikka murtii qajeela'aa hammeenni akka baay'ate arge.
17
Ani garaa kiyya keessatti «Wonta ta'u maraa fi hujii maraafuu hennaan waan jiruuf Rabbi nama cubbama'aa fi nama qajeelaallee gara murti'ii fida» jedhe yaade.
18
«Ilmi namaa horii irraa garaa garummaa akka hin qabne ta'uu isaanii akka hubatan Rabbi isaan qora» jedhee yaade.
19
Hireen ilma namaatii fi hireen hori'ii tokkoma; akkuma tokko du'u, kuunillee du'a; hafuurri maraatuu tokko; maruu waan gatii hin qabne ta'eef namni horii hin caalu.
20
Martinuu hulema tokko dhaqa; maruu biyyee irraa waan uumameef gara biyye'ee deebi'a.
21
Lubbuun ilma namaa ol akka baatu, lubbuun busaawa'aa garuu akka gara lafaa gad buutu eentu beeka?
22
Kanaafuu hireen namaallee kanuma waan ta'eef hujii mishaa ufii hojjatutti gammaduu malee wonti biraa ka inni huju akka hin jirre hubadhe; wonta isaan maayessa ta'u akka argu ka taasisu eennu?
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12