bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 8
Ecclesiastes 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 9 →
1
Namni akka nama ogeessaa ta'e eennu? ka wontoota hiikuu beeku eennu? ogummaan nama keessaa fuula namaa ibsiti; nyaara namaallee hin jijjiirti.
2
Mooti'iif hin ajajama jettee waan kakatteef waan inni si ajaje eegi siin jedha.
3
Inni waan fedhe si godhuu waan danda'uuf akka inni kara'aa si hin dhooggine ati hin jarjarin; waan hamaa jabaattee itti hin irkatin.
4
Dubbiin mooti'ii ka hunna qabu waan ta'eef eentu «Ati waan kana maaf goota?» jedhee gaafata?
5
Yoo ajaja isaa raawwatte miidhamni si irra hin gayu; hennaa wonti kunniin itti raawwatamu fooyee ka beeku nama ogeessa calla'a.
6
Rakkoon namaa guddaa ta'ullee wonti maruu hule'ee fi hennaa qaba.
7
Namni waan uf afoo ta'u waan hin beenneef; waan dhufu'uuf jiru eentu itti himuu danda'a?
8
Namni hafuura jireennaa hambisuu fi guyyaa du'aa jijjiiruu danda'u hin jiru; akkuma eennullee bakka lolaatii nagaya dhaamatee deemuun hin danda'amne waan hama'aa fi nama waan hamaa hojjatullee gad hin dhiisu.
9
Waan adunyaa tana irratti ta'u maraa guuttadhee laalee kana maraa hubadhe, namni tokko nama biraa miidhu'uuf hennaa bulchaa ta'utu jira.
10
Akkasuma hammeeyyiin hulee woyyuu seena'aa baya'aa turan akka awwaalaman hin arge; bakki isaan jallinna keessatti hojjata'aa turanillee isaan hin qaabatu; kunillee waan gatii hin qabne.
11
Nama waan hamaa hojjatu irratti daddafanii waan hin murteessineef garaan isaanii garaa jabaatee waan hamaa hojjate.
12
Namni cubbamaan hennaa dhibballee yoo yakka hojjate woggaa baay'ee jiraata; worri Rabbiin sodaatanii fi kabajjan garuu wonti maruu akka isaanii qajeelu hin beeka.
13
Cubbamaan garuu Rabbiin waan hin sodaanneef barri isaa akka gaaddisaa dheerata'aa hin deemu.
14
Waan hamaa adunyaa tana irratti hojjatamutu jira; hennaa tokko tokko namoonni woyyoonni adabbii worri cubbamtootaa argatantu isaan irrallee gaya; worri cubbamtoonni garuu gatii worri woyyootaa argatan fudhatan; garuu wonti kun waan gatii hin qabne.
15
Namni adunyaa tanatti waan nyaatee dhugu waan hujii isaatitti gammaduu malee wonti mishaan biraa waan hin jirreef ani guddisee gammade; adunyaa tana irratti namni umurii Rabbi isaa kennetti dadhaba'aa waan dadhabbii ufiititti gammada'aa jiraata.
16
Ani nama ogeessa ta'u'uu fi waan adunyaa tana irratti hojjatamu qoradhee haga beeku'uuf yaale namni halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafanne akka jiraatu arge.
17
Namni haguma fedhellee yoo waa qorate waan Rabbi godhu beekuu akka hin dandeenne hubadhe; namni haguma fedhe waa qorachu'uuf yoo dadhabellee hiikkaa isaa tokkollee argachuu hin danda'u; namoonni ogeeyyiin «Nu waan kana hin beenna» yoo jedhanillee sirima hubachuu hin danda'an.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12