bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 12
Ecclesiastes 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
1
Barri hamaan uduu hin dhufin, woggoonni ati, «Natti hin tolu» jettu uduu hin dhufin bara dargaggummaa keetii uumaa kee qaabadhu.
2
Aduunii fi ifni, addeessinii fi urjiiwwanillee uduu hin dukkanoofne,
3
Roobaan maayii duumessi uduu hin deebine, worri mana eegan hin hollatan, worri jajjabaan yoo goorratan; dubartiin midhaan daattu daakuu yoo dadhabdu; worri fodda'aan laalan yoo arguu dadhaban;
4
Hennaa balballan gara raasa'aa baasu cufaman, hennaa laagaan midhaan daattu'uu hin dhagayamne, namni yoo woca simbiraatiin dammaqu, hennaa faaruun maruu dadhabu,
5
Goodda bayuun yoo dadhabamu, yoo karaan sodaachisu, yoo daraaraan mukaa addaatu, yoo korophiifni lafa irra harkifamu, yoo fedhii dhaban, hennaa san namni gara mana ufii ka bara baraa dhaqa; worri isaa booyan asii fi achi naannayan.
6
Faayyi mormaa ka birrii irraa hojjatame uduu hin cinne, saaniin worqi'ii uduu hin cabne, otteen bisaaniin woraaban burqaa bisaanii biratti uduu hin butunne, yookaan korboon bisaaniin woraaban uduu hin cabin,
7
Biyyeen gara lafa irraa dhufeetitti uduu hin deebine, hafuurri gara Rabbii isa kenneetitti uduu hin deebine, uumaa kee yaadadhu.
8
Lallabaan «Gatii hin qabu, gatii hin qabu, wonti maruu gatii hin qabu!» jedhe.
9
Lallabaan ogeessa callaa hin turre; garuu baniillee beekkumsa barsiise; inni mammaaka baay'ee qoratee hubatee duraa duubaan qopheesse.
10
Lallabaan jechoota sirri'ii qorate; kanaafuu wonti inni barreesse waan qajeela'aa fi dhugaa ture.
11
Dubbiin ogeessaa akka ulee tisseen hori'iin ooftuuti; mammaanni wolitti qabame akka mismaara waa wolitti dhayuuti; isaan kunniin Rabbii nu maraa eegu irraa nuu kenname.
12
Ilma kiyya! Waan kana maraa caalaa gorsa kiyya dhagayi; kitaabban barreessanii fixuun hin danda'amu; guddisanii waa qoruunillee nama dadhabsiisa.
13
Kunoo wonti maruu himameera; dhumti waan maraatuu kana; Rabbiin sodaadhu, ajaja isaa eegi; kun waan ijoo namni godhuu qabu.
14
Rabbi waan hama'aa fi waan mishaa nu dhossa'aan goonu maraa gara murti'ii fida.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12