bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 5
Ecclesiastes 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 6 →
1
Hennaa gara mana Rabbii deemtu miila kee eeggadhu; dhagayuu fedhuun ciincaa worra gowwa'aa caala; isaan akka waan hamaa godha'aaran waan hin beenneef.
2
Rabbi samii'i; ati garuu lafa irra waan jirtuuf Rabbiin afo'otti waa dubbachu'uuf hin jarjarin; kanaafuu dubbiin kee diqqoo haa ta'u.
3
Akkuma baay'inna huji'iitiin eebjuu argan bakka dubbiin baay'een jirutti dubbiin gowwa'aa mudhata.
4
Kanaafuu Rabbi worra gowwa'atti hin gammadu; hennaa Rabbii waa kennu'uuf woreega galte waan woreega galte san dafii raawwadhu.
5
Woreega galte san yoo ka hin raawwanne taate uduu woreega galuu baattee sii woyya.
6
Gara cubbu'uu akka si hin masakkine arraba kee eeggadhu; hojjataa mana woyyu'uutiin «Dogoggoraan woreega kennee ture» jettee hin dubbatin; Rabbi waan ati dubbattetti aaree hujii harka keetii maaf balleessa?
7
Bakka eebjuun jiru, akkasuma bakka dubbiin hedduu jiru, bakka san waan gatii hin qabne baay'e'etu jira; ati garuu Rabbiin sodaadhu.
8
Biyya keessatti yoo hiyyeessi gad qabame, handhi dabee, yoo mirgi dhiibamee argite waan kanniin hin maalalfatin; sababaan bulchaa tokko ka gubba'aatitu arga; kanniin lamaa gubbaallee ka biraa ka isaanii oliititu jira;
9
Bu'aan lafa irraa argamu ka maraati; mootichinuu qonna irraa fayyadama.
10
Namni birrii jaalatu birrii hin quufu; namni durummaa jaalatu nagaya hin jedhu; kunillee gatii hin qabu.
11
Yoo qabeenni guddate ka nyaatutu baay'ata; ka qabeenna wolitti qabe sun ijuma calla'aan laala malee maal isaa godha?
12
Diqqaa nyaatee'e guddaa nyaatee'e hirribni hojjata'aa mi'aaya'a; qabeenni nama dureessaa garuu hirriba isa dhoogga.
13
Sami'ii gaditti ammallee waan hamaa nama gaddisiisuu arge; qabeenni tuulame abbama miidha.
14
Durummaan waan hamaa tasaa uumamuun bada; hennaa finni dhalatuuf wonti isaa hafu hin jiru.
15
Namni akkuma garaa haadha ufii keessaa qullaa dhalate akkasuma qullaa deebi'a; waan ufii itti dadhabe keessaa tokkollee harka ufiititti fudhatee ka deemu hin jiru.
16
Kunillee guddisee hama'a; namni akkuma dhufeen waan deebi'u yoo ta'e dadhabbiin isaa qilleensaaf yoo ta'e bu'aa maal qaba?
17
Barri jireenna isaa maruu dhiphinna baay'ee rakkinna, biibbayu'uun dukkana keessatti nyaattama.
18
Wonti mishaanii fi bareenni ani arge, namni bara jireenna ufii guutuu akka nyaatee dhugu, sami'ii gaditti waan itti dadhabe marattuu akka gammadu, kun hiree mishaa Rabbi isaa kenne.
19
Rabbi nama maraafuu qabeennaa fi durummaa kennuun, isa irraallee nyaatee gayaa ufii akka fudhatu, dadhabbii ufiititti akka gammadu leenjisuun isaa, kun kennaa Rabbiiti.
20
Waan kana mara irrattuu Rabbi gammachuu waan kenneefiif gabaabbinnaa fi dheerinna umurii isaatiif hin yaaddayu.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12