bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 2
Ecclesiastes 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 3 →
1
Ani garaa kiyya keessatti «Waan misha'aa fi gammachuu maal akka ta'e beeku'uuf qoradha» jedhe. Garuu kunillee akka gatii hin qabne arge.
2
Akkasuma «Kolfi gowwumma'a; gammachu'uu fi qananiin maal fayyada?» jedhe.
3
Wonti mishaan ilmaan namaa bara jiruu ufii keessatti sami'ii gaditti hujan maal akka ta'e akka arguuf garaan kiyya ogumma'aan na masakka'aa, daadhii woyini'iitiin uf gammachiisu'uuf gowwummaa kiyyaan murteeffadhe.
4
Ani hujii guddaa hojjadhe manniin baay'ee ijaaradhe; muka woyini'iillee hin dhaabadhe;
5
hulee muka adda addaa ka daraaraa isaa nyaatan itti dhaabanillee qopheessee muka gara garaa itti dhaabe.
6
Hulee bisaan itti kuufamu ka biqiltuu huura keessatti dhaabame ittiin obaasullee hin hojjadhe.
7
Garboota dhiiraatii fi ta intalaallee hin bite; garboota manatti dhalatanillee hin qaba; worra anaan duratti Yerusaalemiin keessa turan caalaa ani tika hori'ii, tika re'iiniitii fi ka hoolotaallee baay'ee qaba.
8
Biyya ufii bulchutti godina adda addaatii galmee mana moototaa wolitti qabu'uun worqi'ii fi birrii baay'ee wolitti qabadhe; worra faaru'uun na jajan dubarti'ii fi dhiira hin qopheeffadhe; dubartoota mata galaa baay'ee wolitti qabe.
9
Ani worra tanaan dura Yerusaalemiin keessa turan maraa caalaa nama kabajjamaa ta'e; waan kana maraa keessatti ogummaan tiyya na woliin turte.
10
Waan ijji tiyya argitee hawwite maraa hin dhoogganne; waan garaa kiyyatti dharra'e maraa hin argadhe; gammachuu nafa kiyyaa ta'u maraa hin argadhe; waan hojjadhee itti dadhabeef hireen ani argadhe kana.
11
Waan harka kiyyaan hojjadhee itti dadhabe maraa yoo yaadu; kunniin maruu gatii hin qabu; akka nama qilleensa faanaa deemuu ture; wonti adu'uu gadii maruu bu'aa hin qabu.
12
Wonti mootiin tokko hojjachuu danda'u waan mootonni isa duraa hojjatan hordofa'aati; kanaafuu anillee ogummaan, gowwummaanii fi maraattummaan maal akka ta'e qoradhee beeku'uuf yaaduu jalqabe; namni mootichaan maayessa dhufu maal godha?
13
Akkuma ifti dukkana caalu, akkasuma ogummaan gowwummaa akka caaltu arge.
14
Namni ogeessi waan isa afoo jiru beeka; gowwaan garuu dukkana keessa deema; garuu dhumti isaanii tokko akka ta'e hubadhe.
15
Ani garaa kiyya keessatti «Wonti nama gowwaa irra gawu, na irrallee ima gaya; maaf ani guddisee ogeessa ta'e?» jedhe; hennaa san ani garaa kiyya keessatti «kunillee gatii hin qabu!» jedhe.
16
Ogeessa ta'ee'e nama gowwaa isaan lachuu hennaa dheera'aaf namni isaan yaadatu hin argamu; baroota dhufanitti isaan lachuu hin irraanfataman; adaa ogeessi akkuma gowwa'aa du'uun isaa hin hafu.
17
Wonti sami'ii gaditti hojjatamu maruu waan na gaddisiiseef jireenna jibbe; kun maruu gatii hin qabu akka nama qilleensa duukaa deemuuti.
18
Qabeenna qabu maraa worra na maayessa dhufuuf dhiisee waan deemuuf ani waan sami'ii gaditti itti dadhabe maraa jibbe.
19
Ka naan maayessa dhufu ogeessa ta'ee'e, gowwaa, ka addaan baasu hin jiru; garuu waan ani sami'ii gaditti itti dadhabee fi ka ani ogummaa kiyyaan bu'aa buuse fudhatee abbaa itti ta'a; kunillee gatii hin qabu.
20
Waan ani sami'ii gaditti itti dadhabe deebi'ee yoo yaadadhu abdii na kutachiise.
21
Haga namni biraa ogumma'aa fi beekkumsaan, malaanillee itti dadhabeen maayessaa waan namni biraa ka itti hin dadhabne dhaaluuf kunillee waan gatii hin qabnee fi rakkoo gudda'a.
22
Faayidaan nama waan sami'ii gadiititti itti dadhabee fi yaanni garaa isaa maali'i?
23
Wonti inni bara ufii keessatti hojjatu maruu ka gaddaatii fi ka miidhamaati malee wonti inni fayyadamu hin jiru; halkan hin rafu; kunillee gatii hin qabu.
24
Namni waan nyaatuu fi waan dhugu gammachuu waan itti dadhabe san irraa argatu malee faayidaa biraa hin qabu; kunillee kennaa Rabbi isaa kenne akka ta'e arge.
25
Namni fedha isaatiin gama nyaatee dhugee fi gammachuu arge eennu?
26
Rabbi nama isa gammachiisuu ogummaa, beekkumsaa fi gammachuu kennaaf; nama cubbamaa garuu waan nama isa gammachiisuuf kennu'uuf ta'u san akka xaaree wolitti qabu godha; kunillee gatii hin qabuu; akka nama qilleensa duukaa deemuuti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12