bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ecclesiastes 7
Ecclesiastes 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 8 →
1
Urgoo mishaa irra maqaa mishaa, guyyaa dhalatan irra guyyaa du'aa woyya.
2
Mana waa itti nama affeeran dhaquu irra mana booyaa dhaquu woyya; inni dhuma nama maraa waan ta'eef duuti ta nama maraa irra geettu akka taate waan nama hubachiiftuuf.
3
Kolfuu irra gadduu woyya; fuulli gadde gara'aaf waan misha'a.
4
Garaan nama ogeessaa gara mana gaddaati; garaan gowwa'aa garuu gara mana gammachu'uuti.
5
Faaruu worra gowwa'aa dhagayuu irra; dheekkamsa worra ogeeyyi'ii dhagayuu woyya.
6
Kolfi nama gowwa'aa akka qoree ibiddaan keree jalatti gubatuu waan ta'eef kunillee waan gatii hin qabne.
7
Miidhaa raawwachuun nama beekaa akka nama gowwa'aa godha; gabbarsuu nama irraa fudhachuunillee amala mishaa nama jalaa balleessa.
8
Jalqaba waan tokkoo irra dhumaa woyya; nama uf jaju'uun dubbatu irra nama obsu woyya.
9
Lolli bobaa worra gowwa'aa jala waan jiruuf ati lolaaf hin ariifatin.
10
«Bara kana irra barri durii maaf woyyaa ta'e?» jettee hin gaafatin; gaafiin akkanaa kun gaafii nama ogeessaa waan hin taaneef.
11
Ogummaan waan mishaa akka lafa qabaachu'uuti; namoota sami'ii gad jiraatan maraa hin fayyada.
12
Akkuma horiin gaaddisa ta'u ogummaanillee gaaddisa taati; caaluun beekkumsaa garuu ogummaa jireenna abbaa ufii eegu'uuti.
13
Mee hujii Rabbii laali; ka inni dabse eentu qajeelcha?
14
Yoo hennaan mishaa ta'e gammadi; yoo hennaan badaa ta'ellee hubadhu; kanaa fi sanillee ka uume isuma; kanaafuu namni waan isaa ka uf afo'oo beekuu hin danda'u.
15
Bara kiyya ka gatii hin qabne kanatti waan lamaan argeera; namni hamaan waan hamaa hojjatee woggaa dheeraa yoo jiraatu, namni mishaan garuu mishummaa ufiitiin hennaa badu argeera.
16
Kanaafuu ati akka hin banne guddiftee nama ogeessa hin ta'in; guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in.
17
Uduu hennaan kee hin geenne akka hin duune guddiftee nama hamaa'a, guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in.
18
Waan tokko qabatanii ka biraa gad dhiisuu diduun waan misha'a; Rabbiin sodaachuu keessa kun maruu argama.
19
Bulchoota kudhanii ka qachaa tokko keessa jiraatan irra ogummaan nama ogeessa hin jabeessiti.
20
Namni waan sirrii ta'e hojjatu; ka sirima cubbuu hin hojjanne qajeelaan lafa irra hin jiru.
21
Waan dubbatamu maraa dhagayu'uuf hin badadin; yoo ta'uu baate hennaa hojjataan kee si abaaru dhageetta.
22
Hennaa baay'ee atinuu akka nama baay'ee abaarte garaa keetittuu hin beeta.
23
Waan kanniin maraa ogumma'aan qoradhee ani ogeessa ta'a jedhe; ogummaan garuu na irraa fagaatte.
24
Wonti ogumma'aa woma fedhellee yoo ta'e guddisee keessa gad qile'ee fi fago'o; eentu bira gayuu danda'a?
25
Kanaafuu ani ogumma'aa fi dhuma waa maraa qoradhee beeku'uuf, cubbuun gowwummaa; gowwummaanillee maraattummaa akka ta'e beekee yaada kiyya biraa deebise.
26
Ani waan du'a caalaa hadhaaya'aa qoradhee arge; isiinillee dubartii akka siibo'ootitti nama gaaditu dubartiin jaalala isi'ii ka akka woshaado'ootiin dhiira gaaditi; harka isi'ii ka akka sibiilaatiin namatti maramtee nama qabuu barbaaddi nama Rabbiin sodaatu calla'atu dheessee isii jalaa bayuu danda'a; nama cubbamaa garuu ariitee qabdi.
27
Ogeessichi akkana jedha «Wonti ani wol duraa duubaan qoradhee arge ka biraa kana;
28
kunillee deebii biraa barbaadee dhabuu kiyya; dhiira kumaa keessaa ka qajeela'aati jedhamuun isa barbaachisu nama tokko callaa arge; dubartoota keessaa garuu qajeeltuu takkallee hin argine.
29
Wonti biraa ka ani qoradhee bira gaye, Rabbi namoota garaa isaanii qajeelaa godhee isaan uume; isaan garuu dhara xaxamaa uuman.»
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12