bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 1
Nehemiah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Dubbiin Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa kana. Arxeeksis biyya Faarisii irratti mooyee woggaa diddameesso'oo ji'a Kaaseeluutitti ani Nahimiyaan qachaa guddoo Suusaa jedhamtu keessa uduu jiru,
2
obboleewwan kiyya keessaa ka Ananii jedhamu tokko namoota biraa woliin Yihuuda'aa gara kiyya dhufe. Anillee waan worra fayyanii, waan worra achi jiranii ka boojuu irraa hafanii, waan worra Yihuuda'aatii fi waan worra Yerusaalemii isaan gaafadhe.
3
Isaanillee, «Worri boojuu irraa hafan rakkoo gudda'aa fi miidhama keessa jiran, dalloofni Yerusaalemii diiggameera, balballan isi'iillee ibiddaan gubateera.» naan jedhan.
4
Ani haga waan kana dhagaye taa'ee booye; guyyoota hedduuf gadda'aa ture, Waaqa Sami'ii afo'otti soomaan kadhata'aa ture.
5
Ani akkana jedhe «Yaa Rabbi Waaqa Sami'ii! ati worra si jaalatanii fi worra seera kee eeganiif waada'aa fi araarallee hin eedda; yaa Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a,
6
kadhaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa sababaa garboota tee ijoollee Israa'eliitiif kadhadhu gurri kee naa haa dhagayu; ijji teellee naa haa argitu, cubbuu nu'u ijoolleen Israa'elii si irratti hojjanne himadhaa; anii fi manni abbaa kiyyaallee yakkineerra.
7
Nu'u si afo'otti waan hamaa guddaa hojjanneerra; seeraa fi ajaja ati garbicha kee Muuse'etti kennite hin eenne.
8
Ammallee Yabo'oo dubbii garbicha kee Muuse'etti ‹Yoo yakkitan worra Yihuudii hin taane keessa isin facaasa,
9
yoo gara kiyya deebitanii fi ajaja kiyya eeddanii raawwattan garuu isin keessaa namoonni yoo haga daangaa lafaallee faca'an, achii wolitti isaan qaba; gara hulee maqaa kiyya itti kabajjisiisu'uuf filadhee isaan fida.› jettee dubbatte san yaadadhu!
10
Baniin kunniinillee garboota keetii fi banii kee ka ati hunna gudda'aa fi harka kee jaba'aan oolchite.
11
Gooftaa kiyya! kadhaa garbicha keetiitii fi kadhaa garboota maqaa kee sodaatanii dhagayi; yabo'oo adha ana garbicha keetii qajeelchi; garaa mootichaa naa laaffisi.» Ani hennaa kana nama mooti'iif daadhii kennu ture.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13