bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 5
Nehemiah 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Hennaa tokko baniin haawwota manaa ufii woliin sagalee ufii ol kaafatanii bulchoota Ayihuudi'iititti iyyan.
2
Baay'een isaanii «Ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa baay'e'e; nyaannee lubbu'uun jiraachu'uuf midhaan argachuu nu barbaachisa» jedha'aa turan.
3
Baay'een isaanii «Sababaa beelaatiif midhaan bitachu'uuf jennee qonna keenna, woyinii keennaa fi manniin keennallee qabsiifneerra» jedha'aa turan.
4
Namoonni gari gariinillee «Gibira mootiin waan maasaa keennaatii fi waan woyinii keennaatiif nu gaafate kaffalu'uuf horii liqeeffanneerra;
5
nu worra Ayihuudi'ii woliin foon tokko; ijoolleen teenna ijoollee isaaniitiin wonti adda taateen hin jiru; garuu nu ijoollee teenna garbumma'aaf akka kenninuuf nu giddisiisa'aaran; ijoolleen teenna ta durbaa gariin garboomaniiran; gugurdoonnillee maasaa keennaa fi hulee woyinii keenna itti dhaabannu waan nu harkaa fudhataniif nu hunna dhabneerra» jedhanii iyyatan.
6
Anillee iyyansa isaaniitii fi waan kana haga dhagaye guddisee lole.
7
Waan ani godhuun na barbaachisu onnee kiyya keessatti yaadee murteeffadhee worra baallii qaban ka banii bulchanii fi gugurdootaan «Isin bee obboleewwan keessan miidha'aa horii keessan dhalaan liqeessitanii kaffalchiiftanii!» jedhee isaaniin lole.
8
Anillee, « Nu'u obboleewwan keenna ka Yihuudi'ii ka worra Yihuudii hin taanetti gurguraman fedhuma keennaan furre; isin hoo obboleewwan teessan gurgurattanii? isaan hoo nutti gurguramanii?» isaaniin jedhe. Isaan garuu waan deebisan waan dhabaniif hin cadhisan.
9
Ammallee akkana isaaniin jedhe «Wonti isin godha'aartan kunniin waan misha'aa miti, diinni keenna worri Yihuudii hin taane akka nu hin arrabsine Waaqa keenna sodaata'aa jiraachuu isin hin barbaachisuu?
10
Anii fi obboleewwan tiyya, tajaajiltoonni tiyyallee midhaanii fi horiillee isaanii liqeessineerra; ‹amma yabo'oo dhala kana isaanii haa dhiifnuu›
11
Maasaa, woyinii, ejersa, manniin, horii, midhaan, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa isaan jalaa fudhattan harka dhibba keessaa tokko yabo'oo adhuma isaanii deebisaa'a»
12
Isaanillee, «Akkuma ati nu ajajje goona; qabeenna isaan jalaa fudhatame maraa isaanii deebifna; liqaa liqeeffatanillee deebisaa'a jennee isaan hin gaafannu» jedhanii naa deebisan. Anillee gadoota waamee akka isaan waan kana godhan isaan kassiise.
13
Ani uffata kiyya mulqadhee hargufee «Nama waan kana hin goone Rabbi hujii isaatii fi mana isaa keessaa isa haa hargufu, akkasuma qulla'aa fi duwwaa haa ta'u» jedhe. Baniin maruu «Amiin!» jedhanii Rabbiin galatoonfatan, baniin maruu akkuma jedhan godhan.
14
Mootichi Arxeeksis mooyee woggaa diddameesso'ootitti akka ani biyya Yihuuda'aatitti bulchaa ta'u hennaa na ajaje irraa jalqabee haga bara mootichi mooyee woggaa soddomii lammeesso'ootitti woggaa kudha lamaaf anii fi obboleewwan tiyyallee dhalee mootichaa irraa hin nyaanne.
15
Bulchoonni anaan dura turan garuu banii irratti ba'aa guddaa ta'u'uun birrii afurtamaa ka dhiyanaa fi woyinii isaaniitiif ta'u isaan kaffalchiisa'aa turan; tajaajiltoonni worra bulchaniillee bani'itti uf jaja'aa gad isaan qaba'aa turan; ani garuu waan Rabbiin sodaadheef akkana hin goone.
16
Akasuma ani hujii ijaarsaa jabaadhee hojjadhe; nu maasaa hin bitanne, tajaajiltoonni tiyya maruu na woliin hojjatan.
17
Ammallee banii biyya san jiru ka gara kiyya dhufaniin gamatti namoonni Yihuudi'iitii fi bulchoonni isaanii ka guyya guyya'aan gabataa kiyya irraa nyaata'aa turan laakkobsi isaanii dhibbaa fi shantama.
18
Allaattiiwwanii achi guyyaa tokkotti sangaa tokkoo fi hoolota cooman jaha, guyyaa kudhan kudhaniin bulbula woyini'ii ka adda addaa nuu qopheessa'aa turan. Garuu bulchiinsi mootichaa waan bani'itti ulfaateef dhalee nama hojjatuuf barbaachisu ani hin gaafanne ture.
19
Waaqa kiyya! waan ani banii kanaaf godhe maraa akka waan misha'aatitti naa laakkayi.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13