bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 10
Nehemiah 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Worri chaappeesse ilma Hakaaliya'aa Nahimiyaa biyya bulchu,
2
Sedeqiyaas, Sarrayaa, Azaariyaas, Ermiyaas,
3
Faaskoor, Amaariyaa, Malkiyaa,
4
Haxuus, Sabaniyaa, Maluuk,
6
Kaariim, Meeriimoot, Abdiyyuu, Daani'eel, Geentoon, Baarook,
7
Meesulaam, Abiyaa, Miiyaamiin, Ma'aaziyaa, Beelgaayii fi Shaamaayaa fa'a. Isaan kunniin gadoota turan.
9
Leewwonnillee, Iyyaasuu ilma Azaariya'aa, ijoollee Eenhadaadii keessaa Biiniwii,
10
Qadimi'eel, Obboleewwan isaaniillee Sabaaniyaa, Hoodiyaa, Qolixaas, Feeliyaa, Haannaan,
11
Miikkaa, Ra'aab, Hashabiyaa,
12
Zakuur, Sarraabiyaa, Sabaniyaa, Hoodiyaa, Baanii fi Biniinu'u.
14
Bulchoonni bani'ii, Faaroos, Fahaat, Moo'aab, Eelaam, Zaatuu'i, Baanii,
15
Bunii, Aazgaayi, Beebaayi,
16
Adooniyaas, Baguwaayi, Adiin, Axeer, Hisqiyaas,
18
Azuur, Hoodiyaa, Hasuum, Beesaayi, Hariif,
19
Anaatoot, Noobaayi, Magiphi'aas, Meesulaam,
21
Eeziir, Mesezebeel, Saadooq, Yaadu'aa, Falaaxiyaa,
23
Haannan, Aanayaa, Hosee'i, Hannaaniyaa, Asuub, Alo'ees,
24
Falihaa, Soobeeq, Reehuum, Hasabinaa,
26
Ma'iseeyaa, Akiyaa, Haannaan, Aannaan, Maluuk, Kaariimii fi Ba'aana'a.
28
Baniin hafellee gadoonni, Leewwonni, worri balbala eegan, faarfattoonni tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya lafaa keessa jiraatan keessaa worri seera Rabbiitiif uf fooyan maruu, haawwonni manaa isaanii, ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri waa beekanii fi worri waa hin beenne maruu gara obboleewwan isaaniitii fi
29
gara worra gugurda'aa siiqan; akka seera Rabbi Muusee garbicha ufiititti kenneen jiraatan, seeraa fi ajaja Rabbii Gooftaa keennaa eeganii raawwatu'uuf kakatan.
30
«Ijoollee teenna ta intalaa, worra Yihuudii hin taanee hin kenninu; ijoollee isaanii ta intalaa ijoollee teenna ta dhiiraatitti hin fuunu.
31
Guyyaa sambataatiin worri Yihuudii hin taane mi'a daldalaatii fi midhaan adda addaa gurgurachu'uuf yoo dhufan, guyyaa sambataa yookaan guyyaa woyyu'uun, woma tokkollee isaan irraa hin bitannu, daraaraa woggaa torbeesso'ootii fi liqaallee isaanii dhiifna» jedhanii kakatan.
32
Waan tajaajila mana woyyu'uutiif, waan xoroshoo ilaalchaa, waan ciincaa midhaanii ka hennaa maraa guyyaa Sambataatii fi jalqaba ji'aa dhiyeessuu, waan ciincaa midhaaniitii fi waan ciincaa ciincawuu, waan ayyaanaatiif, waan wontoota woyyooman ka worra Israa'eliitiif dhiifamsa cubbu'uutiif ta'u, waan ciincaa cubbu'uu, waan hujii mana Waaqa keennaatiif, wogga wogga'aan barbaachisu sadihi keessaa tokko fidu'uuf ajaja fudhanne.
34
Nu'u, gadoonni, Leewwonninii fi baniin maruu akka hortee manniin abboota keennaatiin hennaa murtaaye keessatti akkuma seera irratti barreeffame ciincaa Rabbii Waaqa keennaaf ciincawu, kennaa ibiddaan ciincawu dhiyeessu'uuf hixaa wolitti buufne.
35
Hangafa wogga wogga'aan lafa keenna irraa argannu, sanyii muka adda addaa maraa gara mana Rabbii fidu'uuf,
36
akkuma seera irratti barreeffame hangafa ijoollee teennaa, ka horii keennaa, hangafa sangoota teennaatii fi ka hoolota teennaa gara hulee mana gadoonni Waaqa keenna itti tajaajilanii fidu'uuf;
37
Midhaan galfannu keessaa dura, daraaraa muka maraa, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa gara gola mana Waaqaa keennaa ka gadoonni jiranii fidu'uuf, Leewwonnillee maasaa qachaa keennaa keessaa waan kurneessoo fudhataniif, waan lafa qonne keessaa arganne gara Leewwotaa fidu'uuf kakanne.
38
Hennaa worri Leewwotaa kennaa kudhan keessaa tokko fudhatan, ilmi Aaroonii gadichi worra Leewwotaa bira haa ta'uu; worri Leewwotaallee hennaa kennaa kudhan keessaa tokko argatan waan argatan san keessaa harka kudhanii keessaa tokko gara gola mana Waaqa keennaa gara hulee meeshaan mana Waaqaa jiruu haa fidanii.
39
Worri Leewwotaatii fi ijoolleen Israa'elii kennaa midhaanii, kennaa woyini'ii, kennaa dhadhaa ejersaatii fi kennaa waan cubbu'uutiif dhiyeessan gara hulee meeshaan mana woyyu'uu jiruu gara gadootaa, gara worra balbala eeganii, gara hulee worri faarfattootaa jiranii haa seensisanii. Nu'u sirima mana Rabbii Waaqa keennaa hin dhiifnu.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13