bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 8
Nehemiah 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Baniin Israa'elii ji'a torbeesso'oo qachaa ufii keessa jiraachuu fixatan; ji'uma san keessa guyyaa jalqabaatitti baniin maruu Yerusaalemiin keessatti hulee itti gad bayan ka balbala bisaanii jedhamu afo'otti akka nama tokkootitti wol gayan. Isaan akka Izraan beekaan seeraa kitaaba seeraa ka Rabbi karaa Muuse'eetiin banii Israa'eliitii kenne haa isaanii fidu'uuf kadhataniin.
2
Izraan gadichi ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaatitti worra seera kana dhagayanii hubatuu danda'an dhiiraa fi dubartoota maratti fide.
3
Balbala bisaanii ka hulee itti gad bayan jiru bira dhaabatee akka dhiirrinii fi dubartoonni dhagayuu danda'anitti ganama irraa jalqabee haga waare'ee kitaaba seeraa dubbise; baniinillee dubbii kitaaba seeraa dhagaya'aa turan.
4
Izraan barreessaan muka irra dhaabatanii dubbatan ka waan kanaaf hojjatame irra dhaabatee ture hennaa san worri gara mirgaatiin dhaabatan Matiitiyaa, Shimaa'i, Aanaayaa, Ooriyoo, Keliqiyaas, Ma'iseeyaa; worri gara bita'aatiin dhaabatan Faddaayaa, Misaa'el, Malkiyaa, Hasuum, Hashibadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meesulaam fa'a turan.
5
Izraan bakka baniin maruu isa arguu danda'utti ol bayee dhaabatee, uduu baniin maruu isa argan kitaaba bane; hennaa inni bane, baniin maruu ka'ee dhaabate.
6
Izraan Rabbii Waaqa guddaa eebbifnaan baniin maruu harka badhisee, «Amiin! Amiin!» jedha'aa deebisan. Mata'aan gad jedhanii kallachaanillee lafatti gad kufanii Rabbiif sagadan.
7
Kanaan maayessa Iyyaasuu, Baanii, Sarraabiyaa, Yaamiin, Aquub, Saabaataayi, Hoodiyaa, Ma'iseeyaa, Qolixaas, Azaariyaas, Yoozaabaat, Haanaanii fi Feeliyaa, worri Leewwotaallee akka baniin seera hubatuuf banii barsiisa'aa turan. Baniin garuu bakkuma jiran dhaabata'aa turan.
8
Isaanillee kitaaba seeraa ka Rabbii bani'ii dubbisa'aa turan; Izraanillee akka Rabbiin beekan isaan barsiisa'aa, isaan beessisa'aa waan tureef baniinillee waan inni dubbisu hin hubatan ture.
9
Dubbii seeraa hennaa dhagayan baniin waan booyaniif bulchaan biyyaa Nahimiyaan, Izraan gadichi beekaan seeraatii fi Leewwonni banii barsiisa'aa turan, «Guyyaan kun Rabbii Waaqa keennaaf ka woyyoome waan ta'eef hin gaddinaa'a; hin booyinaa'a» isaaniin jedhan.
10
Innillee, «Deema'aa dhiyana mishaa nyaadhaa'a, daadhii woyini'ii mi'aayaallee dhugaa'a, worra waa hin qabneefillee ergaa'a, adhi guyyaa Gooftaa keennaaf woyyoome; gammachuun Rabbii hunna keessan waan ta'eef hin gaddinaa'a» isaaniin jedhe.
11
Worri Leewwotaallee, «Guyyaan adhaa kun woyyuu waan ta'eef, cadhisaa'a, hin gaddinaa'a» jedhanii banii akka cadhisan godhan.
12
Baniin maruu dubbii isaanii dubbifame hiikkaa isaa waan hubataniif gara manniin ufii dhaqanii waan isaanii qophaaye nyaatanii dhuganii guddisanii gammadanii worra waa hin qabne kaawwaniifillee ergan.
13
Guyyaa lammeesso'oo bulchoonni, gadoonninii fi worri Leewwotaa, bulchoonni manniin abboota isaanii maruu akka Izraan dubbii seeraa isaanii hiiku isa biratti wol gayan.
14
Ji'a torbeesso'ootitti ayyaana ayyaanteeffachu'uuf akka ijoolleen Israa'elii daasee keessa teettu, gara qachoota isaanii, gara Yerusaalemiitii fi gara gaaraa dhaqa'aatii dhadhaa ejersaa, damee ejersa gammoojji'ii, damee muka baarsaannati jedhamuu fi damee meexxi'ii ka lalise fidaa'a; akkuma barreeffametti daasee ijaaraa'a» jedha'aa labsa'aa akka himan ka jedhu kitaaba seeraa ka Rabbi Muuse'etti kenne keessatti ka barreeffameeru argan.
16
Kanaafuu baniin yaa'ee muka fidee marti isaaniituu mana mana gubba'aa, hulee itti gad bayan keessatti, lafa raasa'aa ka mana Rabbii bira jiru keessatti, raasaa balbala bisaaniitii fi lafa raasa'aa ka Efreemiititti daasee ijaaran.
17
Baniin bakka booju'uutii deebi'an maruu daasee ijaaratanii keessa jiraatan; bara ilma Nawwe'ee Iyyaasuu irraa jalqabee haga guyyaa sanii ijoolleen Israa'elii waan akkanaa kana hojjatanii hin beekan; isaan maruu guddisanii gammadan.
18
Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa dhumaa guyyama guyya'aan kitaaba seera Rabbii dubbisa'aa ture. Haga guyyaa torbaa ayyaana ayyaanteeffatanii guyyaa saddeetesso'oo akkuma seera isaaniititti wol gayii woyyuu godhatan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13