bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 3
Nehemiah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Gadichi guddaan Eeliyaaseeb, obboleewwan isaa gadoonnillee ka'anii dallawa «Balbala hoolotaa» jedhamu ijaaranii qulqulleessan. Balballanillee itti galchan; dallawallee haga ijaarsa «Marsaa dhibba» jedhamee waamamuu fi haga ijaarsa «Hanaani'eel» jedhamuutitti Rabbii woyyoomsan.
2
Namoonni Iyyaariko'oollee ladda sanitti ijaaratan. Isaan laddattillee Zakuur ilma Amiriititu ijaare.
3
Ijoolleen Haasina'aallee balbala dallawa qurxummi'ii jedhamu ijaaranii utubaawwan dhaabanii cufanaallee itti godhan, balballanittillee loosa'aa fi furtuu godhan.
4
Isaan laddatti Meerimootii ilma Ooriyoo Aqoosiititu ijaare. Isa laddatti Meesulaamii ilma Baraakiyaa Mesezebeeliititu ijaare. Isaan laddattillee Saadooqii ilma Ba'aana'aatitu ijaare.
5
Isaan laddatti worra gosa Teequhaawotaatitu ijaare; gugurdoonni isaan bulchan garuu gara'aan hojjachuu didan.
6
Yoodaaheen ilmi Faaseha'aatii fi ilmi Meesulaamii Basoodiyaan garuu balbala moofe haarawoomsan; utubaawwan dhaabanii balballan itti galchanii loosa'aa fi furtuu itti godhan.
7
Ladda isaaniititti Malxiyaa gosa Gabaa'oonii, Yaadoonii biyya Meeroonoota'aa, namoota Mitsipha'aatii fi namoota Gabaa'oonii ka worra biyya laga Efraaxisii gama jiran bulchantu ijaare.
8
Ladda isaaniititti Uuzi'eelii ilma Harihaya'aa ka worqii bassutu ijaare. Ladda isaatitti Hannaaniyaa urgooftuu wolitti qabutu ijaaree haga dallawa badha'aatitti Yerusaalemiin jajjabeessan.
9
Ladda isaaniititti Raaffaayaa ilma Hoorii ka wodhakkaa biyya Yerusaalemii bulchutu ijaare.
10
Ladda isaaniitittillee Yiddaayaa ilma Eermaafii ka kolba mana isaatiin jirutu ijaare, ladda isaatitti Haxuusii ilma Asaabaaniya'aatitu ijaare.
11
Malkiyaan ilmi Kaarimii, Asuub ilmi Mo'aabii nama Fahaatii kutaa biraatii fi hulee ibiddaa ijaaran.
12
Isaan laddattillee Shaaluumii ilma Alo'eesii ka biyya Yerusaalemii wodhakka'aa fi ganda isi'ii bulchutu ijaare; ijoolleen isaa ta durbaallee hujii isa gargaara'aa turte.
13
Hanoonii fi namoonni Zaanowa'aallee balbala dhooqaa ijaaranii haarawoomsan. Balbalallee itti godhanii sibiila loosa'aatii fi furtuu itti tolchan; akkasuma haga hulee balbala waan badaa itti gataniititti dallawa ciqilee kuma tokkoo ijaaran.
14
Malkiyaan ilmi Reekaabii bulchaan biyya Beetihakaarimii balbala waan badaa itti gatan ijaaree haarawoomse. Cufanaallee itti godhee loosa'aa fi furtuu itti tolche.
15
Shaaluum ilmi Kolhooze'ee bulchaan biyya Mitsipha'aa balbala burqa'aa ijaaree haarawoomsee cufe; Cufanaallee itti ijaaree loosa'aa fi furtuu itti tolchee haga hulee qachaa Daawitii ta biqiltoonni mootichaa jirtuu dallawa Sheela'aa ka bisaan itti kuufamu ijaare.
16
Isaan maayessa Nahimiyaa ilma Azibuuqii ka cinaa biyya Betitsuurii bulchu hulee awwaala Daawitii laddaan jirtu ta hulee bisaan daakaniitii jalqabee haga mana worri jajjabaan keessa jiraatuu deebisee ijaare.
17
Isaan maayessa worra Leewwotaatii fi ilma Baanii Reehum fa'atu ijaare. Isaan laddatti Hashabiyaa wodhakkaa Qi'iilaa maraa bulchutu ijaare.
18
Isaan maayessa Bawaayii ilma Eenihaadaadii ka wodhakkaa biyya Qi'iila'aa bulchuu fi obboleewwan isaatitu ijaare.
19
Ladda isaatittillee Esirii ilma Iyyaasu'uu bulchaan Mitsipha'aa mana meeshaan woraanaa keessa jiru biraan kutaa biraa ijaare.
20
Isaan maayessa Baarook ilmi Zaabaayii roga tokko irraa jalqabee haga mana gadichi guddaan Eliyaaseeb galuutitti jabaatee ijaare.
21
Isaan maayessa Meerimoot ilmi Ooriyoo Aqoosii balbala mana Eliyaaseebiitii jalqabee haga dhuma mana Eliyaaseebiititti kutaa biraa ijaare.
22
Isaan maayessa gadoota lafa gammoojji'ii keessa jiraatantu ijaare.
23
Isaaniin maayessa Biiniyaamii fi Asuub ka kolba mana isaaniitiin jiru ijaaran. Isaaniin maayessa Azaariyaasii ilma Maseeyaa Hannaaniya'aatitu kolba mana isaa biraan jiru deebisee ijaare.
24
Isaan maayessa Biiniwi ilmi Eenihaadaadii mana Azaariyaasiitii jalqabee haga roga dallawaa deebisee ijaare.
25
Falaal ilmi Uuzaayii hulee itti gad bayan ka worri balbala eegan dhaabatanii eegan ka ijaarsa mana mootichaa gubba'aan ol baye ijaare; isaan maayessa Faddaayaa ilma Faanoosiititu ijaare.
26
Hojjattoonni mana Woyyu'uu ijaarsa balbala bisaanii ka Oofeliin bira jiru ka kolba gara baya biiftu'uutiin dhaabateeru bira jiraatan.
27
Isaan maayessa worri Tequhootaa Yaa'anii kolba ijaarsa gudda'aatii jalqabee haga ijaarsa dallawa Oofelii ka jiru maraa ijaaran.
28
Worri gadootaa kuuwwan maruu karaa kolba mana isaan keessa jiraataniin balbala Fardaa gubbaa jiru ijaaran.
29
Achiin maayessa Saadooq ilmi Imeerii kolba mana ufiitiin ijaare. Isatti aansee Shamayaa ilma Sekeniya'aa ka balbala gara baya biiftu'uu eegutu ijaare.
30
Isatti aansee Hannaaniyaa ilma Saaleemiya'aatii fi Hanoonii ilma Seleefii ka jaheesso'ootitu waan biraa ka hafe ijaare. Isaanitti aansee maayessa kolba gara golgaatiin Meesulaamii ilma Baraakiya'aatitu ijaare.
31
Isaan maayessa Malkiyaa worra worqii bassu keessa turetu tajaajiltoota mana woyyu'uutii fi worri daldaltootaa itti fayyadamanii ijaare.
32
Kolba roga balbala bayaniitii jalqabee haga balbala hoolotaa worra worqii bassuu fi worra daldaltootaatitu ijaare.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13