bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 13
Nehemiah 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
1
Guyyaa san hennaa kitaaba seeraa ka Muuse'ee bani'ii dubbisan, «Worri gosa Amooniitii fi worri gosa Moo'aabii baraa haga bara baraa gara gumii Rabbii hin seenin» jedhu achi keessatti argan.
2
Wonti ajanyi kun kennameef worri Israa'elii hennaa biyya Misiriitii bawu, worri gosa Amooniitii fi worri gosa Moo'aabii bisaanii fi midhaan waan dhooggatanii fi Bala'aam akka isaan abaaruuf waan isaanitti bitaniif. Garuu Waandhi keenna abaarsa gara eebbaa deebise.
3
Hennaa seera kana dhagayan banii wolitti makame Israa'eliin irraa fooyan.
4
Eliyaaseebiin gadichi tanaan dura gola mana Waaqa keennaa irratti muudamee ture; Xoobbiya'aan wolitti goshoomee,
5
worra Leewwotaa, worra faarfattootaatii fi worra balbala eeganiif kennaa midhaanii, kennaa hixaanaa, meeshaa adda addaa, daadhii woyini'iitii fi kennaa midhaanii, kennaa kurneesso'oo ka midhaaniitii fi ka dhadhaa ejersaa, kennaa ciinca'aa ka gadootaaf ta'u ka gola keessatti qopheessan akka seera isaanii kennameetitti qopheesseefii ture.
6
Ani garuu bara mootichi Baabiloonii Arxeeksis mooyee woggaa soddomii lammeesso'ootitti gara mana mootichaa waan dhaqee tureef hennaa tana ani Yerusaalemiin keessa hin turre. Hennaa hago'oon maayii mooticha kadhadhee
7
gara Yerusaalemii deebi'e; akkuma achi gayeen Eliyaaseeb gola mana Rabbii keessatti Xoobbiya'aaf qopheessu'uun waan hamaa inni godhe arge.
8
Wonti kun guddisee na mufachiise; meeshaa Xoobbiya'aa ka gola keessa jiru gad gara diidaa gate.
9
Gola manaa akka qulqulleessan ajaje. Meeshaa mana Rabbii, kennaa midhaanii ka mana Rabbiitii fi hixaanallee deebisee gara mana Rabbii ol galche.
10
Worra leewwotaatii gayeen isaanii akka isaanii hin kennamnee fi worri tajaajilan Leewwonninii fi faarfattoonni gara maasaa ufii akka deebi'an argee,
11
«Manni Rabbii maaf gatame?» jedhee worra bulchootaatiin lole. Worra Leewwotaatii fi worra faarfattootaa deebisee akka isaan hujii isaanii jalqaban taasise.
12
Kanaan maayessa worri Yihuuda'aa martinuu kennaa midhaanii kudhan keessaa tokko kennaa woyini'iitii fi ka dhadhaa ejersaa kudhan keessaa tokko gara mana meesha'aa fidan.
13
Manniin meesha'aa irratti Yaaseemiin, Saadooqi, barreessaa isaatii fi Faddaayaa worra Leewwotaa keessaa muude. Namoota kanniin woliin ilma Mataaniya'aatii fi Hannaanii ilma Zakkuuriititu ture. Isaanillee namoota amanaman ta'anii argaman. Hujiin isaanii obboleewwan isaanii gargaaru'u.
14
Kanaafuu Waaqa kiyya! na yaadadhu; jasaa ani mana keetiif godhe na jalaa hin balleessin.
15
Guyyoota sanniin keessa biyya Yihuuda'aatitti namoonni ka guyyaa Sambataatiin ka hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan dhiitan, worra gaalee woyini'ii, muka hurbu'uutii fi ba'aa adda addaa harriin ufiititti fe'anii gara Yerusaalemii fidan arge; kanniin maraa guyyaa Sambataatiin gara Yerusaalemii fidanii akka hin gurgurre isaan seere.
16
Namoonni Xiroosiillee isii keessa jiraatan; qurxummi'ii fi meeshaa gurguraa ka adda addaa fidanii guyyaa Sambataatiin qachaa Yerusaalemiititti banii Yihuuda'aatitti gurgurata'aa turan.
17
Bulchoota biyya Yihuuda'aatiin lolee, «Wonti hamaan isin gootan kun maali'i? guyyaa Sambataa batteessitanii?
18
Abbootiin teessanillee akkanuma godhaniimii? wonti Waandhi keenna waan hamaa kana maraa nuu fi qachaa tana irrattillee fideef kanaafiimii? isinillee Sambata batteessitanii Israa'eliin irratti balaa edaatan» isaaniin jedhe.
19
Kanaan maayessa jala bultii Sambataatitti hennaa lafti galgalaawu, balballan qachatti'ii akka cufamanii fi uduu Sambanni hin lufin akka hin banamne ajaja isaaniif kenne. Guyyaa Sambataatiin fe'aan kamuu akka gara qachatti'ii hin seenne ijoollee teenna keessaa namoota hedduun qachattii eessise.
20
Isaan maruu guyyaa tokkoo fi lama qachattii Yerusaalemiitiin alatti gabayaa godhatanii turan.
21
Anillee, «Qachatti'iin alatti maaf raasaa bultan? yoo deebitanii akka amma gootan kana gootan ani hunnaan isin miidha» jedhee isaan seere. Achiin maayessa guyyaa Sambataatiin deebi'anii hin dhufne.
22
Worri Leewwotaa akka uf woyyoomsan, dhufanii balbala akka eeganii fi guyyaa Sambataallee akka woyyoomsan isaanitti hime. Kanaafuu Waaqa kiyya! na yaadadhu, akka araara kee gudda'aatiin garaa naa laafi.
23
Ji'oota sanniinitti worri Yihuudi'ii ka dubartoota Azaaxoonii, Amooniitii fi Moo'aabii fuudhaniiran arge.
24
Ijoollee isaanii keessaa cinaan isaanii afaan Azaaxoonii waan dubbataniif afaan Yihuudi'ii dubbachuu hin danda'an.
25
Ani isaaniin wol morme, isaan abaarelle'e; isaan keessaa heddu isaanii hin rukute, rifeensa mataa isaaniillee hin bubuqqise, Achiin maayessa «Ijoollee isaanii ta durbaa ijoollee teessan ta dhiiraatitti hin fuudhinaa'a; ijoollee teessan ta dhiiraatitti ijoollee isaanii ta intalaa hin heerumsiisinaa'a» jedhee maqaa Rabiitiin isaan kassiise.
26
Mootiin Israa'elii Solomoon waan kanaan cubbuu hujeemii? worra Yihuudii hin taane jiddu'utti mootiin akka isaa hin argamne. Inni Waaqa ufii biratti guddisee jaalatamaa ture. Rabbillee biyya Israa'elii maraa irratti isa moosisee ture. Isallee dubartoonni ormaa hin dogoggorsaniin.
27
Dhugamaan waan hamaa guddaa kana maraa haa hojjannuu, dubartoota worra Yihuudii hin taanee fuudhu'uun seera Rabbii diiguu nu barbaachisaa?»
28
Ijoollee Yoo'aadaa ilma Eliyaaseebii gadicha gudda'aa keessaa tokko soddaa Sanbalaaxii gosa Hoorii ture, ani uf biraa isa ari'e.
29
«Waaqa kiyya! gadummaa, seera gadumma'aatii fi waadaa Leewwotaallee waan diiganiif isaan argi!»
30
Battummaa biyya nyaaphaa maraa irraa akka woyyooman godhe. Worri gadootaatii fi Leewwonni marti isaaniituu seera isaan beekanii hojjachuun isaan barbaachisu maraa hin qopheesseef.
31
Qoraan ciincaan ittiin ciincawu ka hennaa jedhame maraa keessatti dhiyaatuu danda'u qindeesse; midhaanii fi daraaraa isaa ka jalqaba gaye namoonni attamitti akka dhiyeessuu danda'an qopheesse. Waaqa kiyya! kana maraa yaadadhu; kana godhuu kiyyaan waan mishaa naa godhi.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13