bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 6
Nehemiah 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
1
Sanbalaax, Xoobbiyaa, Geesaamiin Arabtichinii fi diintonni teenna ta biraallee akka ani ijaarsa ijaaree fixee fi wonti hin hojjatamne, bakki dhidhate akka hin jirre dhagayan. Ani ammo haga hennaa saniititti cufanaa balbalatti hin goone ture.
2
Sanbalaaxii fi Geesaam «Gandoota Oonoo gammoojji'ii keessaa ganda takkatti wol haa geennuu» jedhanii natti ergan; garuu isaan waan hamaa natti yaadan ture.
3
Anillee isaaniin, «Ani hujii guddaa hojjata'aara, gara keessan gad bu'ee hin danda'u; hujii dhiisee gara keessan gad bu'uu kiyyaan maaf hujiin miidhama?» jedhee ergamtoota isaanitti erge.
4
Dhaamsa akkanaa kana isaan harka afur natti ergan; anillee akkuma duraa san jedhee isaanii deebise.
5
Kanaan maayessa Sanbalaaxi akkuma duraa san jedhee hennaa shaneesso'oof tajaajiltoota ufii keessaa nama tokkoon xalayaa banaa chaappaa hin qabne natti erge; xalayaan sun akkana jedha,
6
«Atii fi worri Yihuuda'aa dhara yaadu'uun, akkasuma ijaarsa ijaara'aa, mootii isaanii ta'u'uuf wonti ati godha'aartu worra Yihuudota hin taane biratti dhagayameera;
7
akkasuma ati raattota, mootiin biyya Yihuuda'aa keessa jira jedhanii waan kee Yerusaalemiin keessatti akka himan gooteerta; ammallee waan kana mootichatti hin himin, kanaafuu dhuftee uduu waan kana irratti woliin mari'annee»
8
Ani garuu, «Situ waan kana garaa kee keessatti uume malee akka ati yaadde kanaa miti» jedhee itti erge.
9
Isaan maruu akka hujiin kun hin hojjatamneef nu sodaachisa'aaran; kanaafuu «Waaqa keenna! yabo'oo na jabeessi!» jedhee kadhadhe.
10
Ani hennaa san gara mana Shamaayaa ilma Dillaayaa Mahexaabi'eelii ka akka mana ufii keessaa hin baane taasifamee dhaqe; Inni, «Halkaniin si ajjeesu'uuf waan dhufaniif anii fi ati mana woyyuu Rabbii keessa seennee balballan cufannee haa dhokannuu» naan jedhe.
11
Anillee, «Namni akka kiyyaa ka dheessee fi lubbuu ufii oolchu'uuf jedhee ka mana woyyuu seene eennu? ani hin seenu» jedheen.
12
Garuu uduu Rabbi isa hin ergine, akka na irratti raaga dubbate amma hubadheera; isa Sanbalaaxii fi Xoobbiya'atu bitee ture.
13
Inni akka ani waan kana godhee yakku, ana irratti waan hamaa akka dubbatanii fi na irratti akka uf jajan na sodaachisu'uuf bitamee ture.
14
Anillee, «Waaqa kiyya! waan Sanbalaaxii fi Xoobbiyaan hojjata'aaran maraa laalii isaanitti murteessi; waan raattittiin Noo'aadii fi raattonni kuuwwanillee na sodaachisu'uuf godhan maraa yaadadhu» jedhee kadhadhe.
15
Ijaarsi ji'a Eelulii keessa guyyaa diddamii shaneesso'oo guyyaa shantamii lama keessatti ijaaramee raawwatame.
16
Diintonni teenna maruu hennaa waan kana dhagayan, worri Yihuudii hin taane ka naannoo keenna jiran maruu hin sodaatan; waan yaadan saniif guddisanii salphatan; hujiin kun akka Rabbiin hojjatame beekan.
17
Xoobbiyaan ilmi Eerii soddaa Sekeniya'aa waan tureef, Ilmi isaallee mucattii Mesulaamii ilma Yihoohanaa Beeraakiya'aa waan fuudheef, biyya Yihuuda'aatitti namoonni hedduu waan isaan wolii kakataniiraniif, ji'oota sanniin keessa bulchoonni biyya Yihuudi'ii xalayaa gara Xoobbiya'aa erga'aa turan; xalayoonni Xoobbiya'aallee gara isaanii dhufa'aa turan.
19
Akkasuma waan isaa waan mishaa natti hima'aa turan, dubbii kiyyallee isatti odeessa'aa turan; Xoobbiyaan garuu na sodaachisu'uuf xalayoota natti erga'aa ture.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13